Eliyaas Kifluu / Dani / Bara Olaanoon Gadaa- **New Oromo music** video (2015)

Aside

SBO Fulbaana 20,2015 Oduu, Leenjii Barsisootaa Fi Barattootaa Deemaa Jiru Irratti Gaaffii Fi Deebii Barsisaa Gamteessaa Qajeelaa, Gaaffii Fi Deebii Dura Ta’aa GPLM Kutaa 2ffaa Fi Qophilee Biroo…

Aside

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Qophii Fulbaana 18, 2015

Aside

Oduu,Seenaa Jaal Elemoo Qilxuu fi Waamicha Konsertii Artist Siyyoo Dandanaa akkasumsa qophiilee adda addaa  of keessaa qaba.

 

Afaan Oromoo fi Eenyummaa Oromoo Impayera Itiyophiyaa Keessatti.

Aside

(Hariiroo Jorgootiin Kan Qindaaye)

Barreessaa dhugaa baasa! Sagalee Qeerroo Fulbaana 18 Bara 2015 Afaan lammiileen biyyattii irri jireessi ykn Majority’n dubbatu, Afaan Oromoo guddichiifi hangafti afaanotaa impaayera biyyattii keessatti Afaan Biyyaalessaa ta’uu dhabuun akkuma sirnoota walfakkaatoo duraaniifi isaanii olitti ergaramaafii ukkaamsaan hidhaa diinaa jalatti to’atamuun hinumaatuu ulee diinni ittiin sabicha dhaanu ta’uun sababa yakka malee itti yakkani doorsisaniifi miidhan ta’uunsaa, warraaqsa waliigalaa humni diinaa duubatti deebisuu hindandeenye dhoosaa jiraachuun beekame. Warraaqsi kun bu’aa qabsoo Goototiin Oromoo mirga abbaa biyyummaafi kabaja eenyummaa Oromootiif ganama biyyaafi sabni keenya koloneeffatame irraa eegalee taasisaa as gahan ta’ullee, dammaqinsi hawaasa Oromoo daraaree dagaagee sadarkaa firii quubsaa argamsiisuu irra gahuu irraa kan ka’e, gama hundaanuu sadarkaa hawaasa Oromoo hundaa biratti finiinee warraaqsa galmasaa ga’u malee hindhaabbanne kaasaa jiraachuun ifa ta’eera. Barattootni yuuniversiitiifi sadarkaa garagaraa irratti argaman, hojjettootni, daldaltootiin abbootiin qabeenyaa, dargaggoofi shamarran hayyootaafi maanguddoon duuchaamatti sabni Oromoo marti, Afaan tokkoon, fedhii tokkoon, ejjennoo tokkoon, garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi amantaa maleetti, quqama jabaataan Afaan Oromoo hacuuccaa jalaa bahee bilisaan Afaan Biyyaalessaa ta’uu akka qabu ifatti gaafachaa jiraachuun mirkanaayeeera. Kunis akkaataa amansiisaa ta’een qabsoo Walabummaa Oromiyaafi Bilisummaa Oromoof taasifamu ofdura tarkaanfachiisuuf shakkii tokko malee kan abdachiise ta’uu bilchinaan hubatamuu gamaggamni Qeerroo ququlleefatee jala muree gabaaseera. Oduu Sagalee Qeerroo Fulbaana 18 Bara 2015

 

Seife Nebelbal Radio, September 18, 2015

Aside

Sagalee Simbirtuu Qophii Fulbaana 17,2015

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 16 September 2015

Aside

Mootummaan Wayyaanee Labsii Diigumsa Manneen Jireenya Ummataa Irratti Baase Balaaleffachuuf Jecha  Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejeree Keessatti Ummatni Mormiin Kaase.

Aside

diddaa9Fulbaana 17,2015 Duullii kanfaltii tokko malee manneen jireenyaa ummata Oromoo magaalaalaalee Oromiyaa keessatti akka gaggeeffamuun abbaan irree labsii godhe Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejereetti uummatni mormii guddaan dura dhaabbatan. Uummatni Oromoo magaalaa Ejeree mana galmaa keenya keessa baafamnee manni wayita nurratti diigamu eessa isiniif dhaqna, qe’ee keenya irratti wareegamna malee manni keenyaa nurratti hin diigamu jechuun mormii guddaan jala dhaabbachuu fi of irraa ittisaa jiraachuu ibsame jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF Manneen jireenyaa Ummataa Oromoo magaalaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti argaman kanfaltii tokko malee mana galmaa isan keessa jiraatan irratti diiguuf murtii maatummaa naannoo Oromiyaa fi godinaaleetti qajeelfama dabarsuun ergamtootni Wayyaanees ergama diinummaa gooftolii isaaniin itti kenname hojii irra olchuuf mana galmaa Uummataa diiguuf murteeffatan.
Yaakki diigumsa manneen jireenyaa kanfaltii tokko malee gaggeeffama jiru kun uummatni qe’ee isaa irratti wareegama kamuu kanfalee akka dura dhaabbatu isa dirqee jira. Haala kanaan yakka Godina Salaalee Aanaa Kuyyuu Magaalaa Ejereetti uummata irratti aggaamame kanas uummatni Oromoo gamtaan dura dhaabbachuun of irraa ittisaa jiraachuu fi kanneen mana galmaa keenyaa diiguuf adeemaan diina keenya jechuun
FDG irratti kaachisaa jiraachuu maddeen Qeerroo bilisummaa Oromoo godina Salaalee gabaasan.

Beeksisa Filmii ” IMIMMAAN BAQATAA”

Video

Fiilmiin Oromoo “Himmimmaan Baqataa” jedhu qabiyyeen aja’ibsiisaa kan ta’ee fi seenaa fi dhaamsi inni dabarsu sadarkaa guddaatti kan ilaalamu waan ta’eef Ummanni Oromoo fiilmii taatoti ilmaam Oromoo hedduun irratti hirmaatan kana yeroo gabaabaa keessatti gabaa irra waan ooluuf akka bittattan haa ta’u.

” Tabbiis Irraa Gadee dha” Wallee Haaraa Artist Fiixee Tasfaayee Dheeressaa

Aside