Barattootaa fi Barsiisota Oromootiin Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Ka’e Daran Itti Fufee Jabaachuun Walaghiin Leejii Siyaasaa Wayyaanotaa Fashalaa Jira.

Aside

Fulbaana 22,2015 Naqamte

23Qondaalotii fi hogganooti Wayyaanee TPLF yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti barsiisotaaf leenjiin siysaasaa kennamaa jiru irratti gaaffiin itti ka’aa jiruu fi diddaan barsiisota irraa ka’aa jiru haalaan hammaachaa dhufe.Bakkoota baayyeetti barsiisotaa fi barattoota irraa gaaffiin abbaabiyyummaa jabeessuun wayyaaneettii waaroo salphinaa aguugee jira.

Maddeen Qeerroo Wallagga aanaalee Beegii,Mandii,Najjoo fi Jaarsoo akkasumas Qeellem Daallee Waabaraa,Magaalaa Qaaqee dabalees guyyaa har’aa Fulbaana 22,2015 ammoo Wallagga Nuunnuu Qumbaa,Waamaa Qassoo,Sibuu Siree,Waayyuu Tuqaa fi Jimmaa Arjoorratti gaaffii abbaa biyyummaa gaafachuun Wayyaaneettii wacuufi itti iyyuun barattooti sagantaa walga’ii Wayyaanee diiguun beekameera.

Keessattu gabaasi Qeerroo magaalaa Naqamtee akka hubachiisetti barattooti qophaa’inaa Naqamtee gaaffilee bu’uuraa

  1. Maasterpilaaniin finfinnee haqamuu waadaa nuuf seenaa
  2. Filmaata sobaa waan darbeef wayyaaneen Barattoota qabxii ittiin gara yuunibarsiitii seenamu olkaase haquu qaba
  3. Zayita silgaan guutame raabsuun Innis dhibeewwan akka kaansarii,dhiibbaa dhugaa,dhibee sukkaaraa fi onnee ta’aa waan jiruuf faalessummaan uummata keenyaa akka eegamuuf zayita qulqullina hinqabneen uummata daguuguun yaa dhaabbati
  4. Mana diiggaan uummata keenya irraa haadhabbatu
  5. Maqaa Vaatiitiin mootummaan kun uummata keenya saamuu yaadhabu jechuun gaaffilee hedduu kaasanii waltajjii isin wajjin teenyu hinqabnu jechuun sa’a boqonnaa duraatti achitti isaan gatanii deemuu Qeerroon Barattoota nutti himanii jiru

SBO Fulbaana 23,2015. Oduu, SBO Waggaa 27ffaa Oslootti Kabajame Ilaalchisee Gaaffii Fi Deebii Jaal Dhugaasaa Namee, Gabaasaa Fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Wallagga Aanaa Manasibuu Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Ka’een Walqabatee Qonnaan Bulaan Oromoo Tokko Loltoota Wayyaaneen Ajjeefamee Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor Keessatti Ammoo Manneen Jireenyaa Akka Diigaman Murtaawe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 21,2015

diddaa9Fulaaban gaafa 11.2015 Waggaa haaraa Habshaa ilaalchisuun warreen sirna nafxanyaa lellisan aanaa ManaSibuu keessaa yeroo uummata irratti dhiichisanitti Wallagga lixaa aanaa Manasibutti dargaggoonni Oromoo guyyaa kana motummaa abbaa Irree Wayyaanee balaaleffachaa oolan,haala Kanaan araddaalee qonnaan bultootaa keessaa osoo hin hafiin dargaggoonni wallitti dhufuun walleelee Qeerroo,ABO fi WBO faarsuun sirna mootummaa Wayyaanee balaaleffachaa akka turan maddi Qeerroo gabaasa.

Guyyaa kana gaaffiin mirgaa dargaggootaan dhageessifameen uumanni kan gammadee fi sochii dargaggootaa kana waliin kan hiriire yeroo ta’u jalee fi ergamtootni Wayyaanee mufii fi inaaffaa guddaan itti dhaga’muun ABOn maaliif faarfatama, Qeerroon Bilisummaas uummata keenya nurratti kaaste jedhamuun lukkeewwan Wayyaanee bakka jiranii gadi yaa’uu dargaggoota hedduu fi abbootii maanguddoos osoo hin jenne dhaanuun itti seenan. Kanumaan dhaadannoon dargaggoota jabaateen dhimmi nageenya fi dura gandaa kan tahe tokko lukkee wayyaanee poolisii Amansiisaa Birhanu jedhamuu fi bulchaan gandaas Margaa Raggaasaa kan jedhu dargaggaggoo Suleeman Kadir jedhamu irratti haleellaa fudhatameen lubbuun yoo darbu namootni hedduunis guyyaa kana reebamuu fi hidhaatti guuramaa akka oolanis gabaasni nu gahe addeessa.

Gama biraan Fulbaana 20,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mogor keessatti manneen jireenyaa akka diigaman gidduu kana murteeffameera; Kana malees Walga’iin barsiisotaas diddaa Wayyaaneetiin ukkanfame gaaffii mirgaa barsiisotni kaachisuun walga’ii Wayyaanee dura dhaabbachuun kan Mormaa turan ta’uun ibsamera.
Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneedhaa tooftaalee garaagaraa fayadamuun Ummata Oromoo lafa isaarraa buqqisuu itti fufeera. Haaluma kanaan magaalaa Mogor keessatti manneen jireenyaa 240 ol ta’an akka diigamaniif murtii isaa dabarfateera. Manneen jireenyaa kunniinis torbee tokko keessatti diigamanii dhumuu qabu jechuudhaan jiraattota magaalichaa akeekkachuun beeksisa maxxansiiseera. Ummatni gama isaaniin manneen jireenyaa nurraa diigamanii akka bineensaa dirree qullaarra jiraachuu mannaa mirga keenyaaf falmannee dhumuu wayya jechuudhaan ibsa ijjannoo baafataniiru. Mootummaan wayyaanees haala sochii ummataa kanatti rifachuudhaan humna waraanaa dabalataan garasitti guuraa jiraachuun ibsameera. Kanatti dabaluudhaanis, magaalaa fi baadiyyaan naannoo kanaa warshaalee Simintoo hedduudhaan qabamanii kan jiran waan taheef magaalota naannawaa Finfinnee jiranitti akka dabalamuuf murtii dhumaa dabarseera.

Aadde Iteenash Margaa Abdiisaa Hoggantuun Waajjira Aadaa fi Turizimii Magaalaa Naqamtee Sadarkaa Hojjettootaatti Maaster Planii Finfinnee Mormuun Hojii Isaanii Gadhiisuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Fulbaana 21,2015 Naqamte

NekemtAadde Iteenash Margaan hojii ogummasaanii barsiisummaarraa gara W/ra aadaa fi turizimiitti haadha adeemsa hojii ta’uun yeroo dheeraa hojjechaa erga turanii booda,mormii maaster pilaanii finfinnee sadarkaa hojjettootaatti waan balaaleffataniifii reebicha fi hidhaa Oromootarratti adeemsifamu dargaggoota Oromoorraa qolachuun nama seenaa gaarii godhataniifi jaalala uummatasanii biratti qabaniin gantoota Wayyaaneen yeroo dararaa damdamachuu waan dadhabaniifi dhukkuba aariin itti dhufurraas hafuu waan dadhabaniifi hojii gadhiisanii gara maatiisaanitti galan.

Aadde Iteenash hojii Mootummaa Wayyaanee gadi lakkisuunfi lagachuun fakkeenyummaa gaarii waan qabuuf ilmaan Oromoo bulchiinsa alagaa jalaa ba’uuf hojii muudama Wayyaanee ofirraa mulquun gaarii ta’uufi tumsa barbaachisus ilmaan Oromoo waliif taasisanii walcina akka dhaabbachuu qaban hubachiifna

Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Fulbaana 20, 2015

Aside

Leenjii Siyaasaa Barsiisota Oromoof Kennamu Dura Dhaabbattan Sababa Jedhuun Fulbaana 19,2015 Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Anaa Jaartee Keessatti Oromoonni 32 Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 20,2015

DIDDAABalleessa tokko malee sababaa gaaffii mirgaa gaafataniif qofa ilmaan Oromoo nagaan Oromummaan yakkamuun Waajjira Poolisii Aanaa Jaartee keessatti ilmaan Oromoo nagaan 32 olitti lakka’aman hidhamuun dararamaa kan jiran ta’uun ibsame.
Mootummaan Wayyaanee olola leenjii siyaasaa isaa itti uummata burjaajessuuf ofaa ture, irraa gaaffiin mirgaa kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo ilaallatu fi kabajamuu mirga namummaa ilaalchisuun mootummaa Wayyaane dura dhaabbachaa jiraachuun uummatni Oromoo jiraattootni magaalaa fi qonnaan bultootni gaaffiin barsiisotnii fi barattootni Oromoo kaasaan gaaffii keenyaa gaaffii keenyaaf immoo mootummaa deebii kennuu hin qabnu jechuun sirna wayyaanee EPRDF/TPLF jalatti hin bullu jechuun murtii waan dabarfataniif Qonaan bultoota 32 olitti lakka’aman Jumlaan ukkamsee hidhee dararaa jiraachuu madden keenya gabaasan.
Walga’iin barsiisoota Oromoo Godina Wallagga Bahaa Shaambuu, Jaartee, Haratoo, Guduruu, Habaaboo Guduruu, Jimmaa Gannatii fa’aatti gaaffii mirgaa dabballootaa fi ergamtoota wayyaanee OPDO irratti kaasuun bu’aa tokko malee diddaa barsiisotaan fashalaa’uun ibsamee jira. Mootummaan Wayyaanee EPRDFn waan qabee gadhiisu dhabuun Uummataa Oromoo nagaa maqaa ajaja mootummaa keenyaa fudhachuu
diddan jechuun jiraattoota Aanaa Jaartee ta’an jumlaan namoota 32 olitti kanneen lakka’aman qabee hidhatti darbuun ibsame. Ilmaan Oromoo hidhaman kunis
1.Obboo Mangistuu Abdiisaa,
2. Obboo Ayyaanaa Geetaa
3. Obboo Gammadaa Geetaa
4.Obboo Salbaanee hundee
5.Obboo Waqtolee Jaalataa
6.Obboo Mulgeetaa waljirraakanneen keessatti argaman badii tokko malee Oromummaan Yakkamuun kanneen hidhatti darbaman keessatti kan argaman ta’uun ibsame jira. Ilmaan oromoo hidhuu fi Ajjeesuun, biyya irraa arii’achunn amala mootummaa abbaa irree ta’uun isaa ifadha. Mootummaan Wayyaanee yakka Oromiyaa keessatti gaggeessa jiruuf kan itti itti gaafatamu ta’uu dhaammatan.

Ganda Goosuu Wangee,Godina Lixa Shaggar Anaa Midaa Qanyii Keessatti Gaaffii Mirgaa Ka’een Wal Qabatee Qonaan Bultooti Oromoo 20 Hidhamuu Qeerroon Gabbaase.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGHar’a Fulbaana 20,2015 ,Godina Lixa Shaggar aanaa Midaa Qanyii Qonnaan Bultootni Oromoo 20 olitti lakka’aman balleessa tokko malee Oromummaan Yakkamuun hidhatti darbataman. Aanaa Midaa Qanyii  diddaan uummataa fi barsiisotaan jabaachaa jiraachuun walqabatee qonnaan bultootni fi uummatni sirna bittaa Wayyaanee afaan qawween durfamuun dirqamnee hin bullu jechuun murtii isaanii jabeessan, Abbaan irree Wayyaanee fi Ergamtuun wayyaanee OPDO’n jibbinsaa fi diddaa Uummataa Oromoo haaloo bahuuf jettee qonnaan bultoota Oromoo 20 olitti lakka’aman Oromummaan Yakkuun AANAA MIDAA QANYII ganda Goosuu Wangee keessa human poolisaan ukkamsuun mana hidhaa Waajjira poolisii Anaa Midaa Qanyii  magaalaa baallammiitti hidhuun dararaa jiraachuun ibsame. Maqaa Qonnaan Bultoota Oromoo hidhaatti darbaman kana keessa Muraasni nu qaqqabe jira.
1. Obboo Taddasaa Galmeessaa
2. Obbo Addunyaa Guutataa
3. Obboo Dabalee Guddataa
4. Obboo Tasfaayee Baacaa
5. Obbo Guddisaa Batoo
6. Obboo Shifarraa Jootee
7. Obbo Mokonnoon Ambessaa
8. Obboo yaadasaa Daksiisaa
9. Obboo shaanqoo Muldhataa
10. Obboo Cimdeessaa Moosisaa
11. Obboo Beenyaa Muzayee
12. Obboo Alamuu Haqinoo
13. Obboo Balaay Sanbataa
14. Obboo Cimdeessaa Namee
15. Obboo Tarfaa Waljirraa
16. Obboo Fiqaaduu Achiluu
17. Obboo Staggayee Achiluu kanneen jedhaman kan keessatti argaman qonnaan bultootni 20 olitti lakka’aman balleessa tokko malee isin mootummaa keenyaa mormaa jirtuu, uummataa kakaasaa jirtuu, akka uummatni walga’ii mootummaa hin bane dhorkitan jedhamuun yakkamuun humna poolisaan qabamanii Wajjira poolisii Aanaa midaa qanyii Baallammiitti hidhamani jiraachuu madden Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ballammii irra gabaasan.

 

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast-19 September 2015

Aside

Gaaffiilee Hundee Barattooti Oromoo Gaafachaa Jiranii fi Yeroo Ammaa Qeerroon Raabsamaa Jiru.

Aside

QeerrooWayyaanee EPRDFn Maqaa walga’ii leenjii barsiisotaa, fi barattoota jedhuun mirga keenyaa fi uummataa keenyaaf falmannu ukkamsuun umrii bittaa dheereffachuuf gaggeessa jira, kaleessa barattootaa fi barsiisota akkasumas uummata Oromoo rasaasan ajjeesan, kan hidhatti guuraan gaaffii gaafachaa turreef deebiin keenya rasaasa, hedduun hidhatti guurame.

Gaaffiiwwaan rakkoo hudhaa Oromoo fi Oromiyaa haala yeroo irratti akka guutummaa Oromiyaatti  Dargaaggootni  Qeerroon barattootni Oromoo Qopheeffachuun Waliif dabarsaa jiran:

  1. Labsii fi karoorri dhiittaa uummata Oromoo irratti baroota dheeraa dalagamaa ture bara darbe 2014 ifatti as ba’ee maqaa ‘’Master Plan Finfinnee’’ kan jedhu kun akeekaa diinaa fi Oromoo fi Oromiyaa balleessuu waan ta’eef atattamaan akka uummata keenya irraa dhaabbatu gaafanna!!
  2. Barattootni, dargaggootni fi waliigalatti uummatni Oromoo gaaffii mirgaa Finfinnee fi Master Plan Finfinnee mormuun karaa nagaa gaaffii waan dhiyeeffanneef rasaasan reebamne ajjefamnef mootummaan kun seeraatti nuuf dhiyaachuu qaba, Uummata keenyaa ajjeefamaniif ifatti gumaan kanfalamuu qaba, kanneen hidhaman gaaffii tokko malee hiikamuu qabu!!
  3. Gaaffiin mirga abbaa biyyummaa, kabajamuun mirga namummaa fi mirga dimookiraasii uummata keenyaaf haa kabajamuu!!
  4. Mootummaan EPRDF barattoota Oromoo mirga sarbuun hidhaa, ajjeesaa, barnootaa fi biyya irraa ariiachaa waggaa 25 guutuu jiraate, yakka waggaa dheeraa barattoota Oromoo irratti raawateef gumaa kanfaluu qaba, aangawootni waayyanee EPRDF yakkamtoota kanneen ajaja dabarsuun ilmaan Oromoo irratti yakka raawwachiisanii fi rawwatan  seeraatti dhiyaachuu qabu!!
  5. Uummatni oromoo Mootummaa isa bulchuu fi wabii dhaabbatuuf dhabuun uummata keenya balaa Beelaa, Qe’ee irraa buqqa’uu, qabeenyaa samamuu, hidhamuu fi ajjeefamuuf isa saaxilee jira, kanaafuu mootummaan aangoo irra jiruu Uummata Oromoo fi Oromiyaa bakka bu’uu hin danda’u!!
  6. Uummatni Oromoo biyyatti keessatti baay’inaan Uummata Ethiopia walakkaa miliyoona 40 utuu ta’ee jiruu waggaa 26 guutuu aangoo siyaasaa keessa baafamee gita bitta jala jiraachuun beekamadha, kanaan booda gabrumaa EPRDF/TPLF hin fudhannu, afaan qawwee fi loltuu irra qubsiisuun Oromiyaa bituun dhaabbachuu qaba jenna!!
  7. Mirga uummata keenyaa fi saboota cunqurfamoo kabachiisuuf Mootummaan ce’umsaa Yeroo hundeeffamee filmaatni haqa qabeessi gaggeeffamee hireen uummata keenyaa akka kabajamuuf gaafanna!!
  8. OPDO’n Oromiyaa keessatti Seenaa hin qabu, seenaa OPDO  dubbachuun nama qaanessa, OPDO’n waggaa 24 guutuu bakka Shaggar kaabaa bakka Darraa jedhamutti hundeeffamne, jedhee uummata sobaa erga turee booda bara darbee immoo Nuti ‘’Naannoo Tigiraay Aanaa Adeeti’’ jedhamtu keessatti hundeeffamne jechuun labsattan isin amma dhugumaa eessatti akka hundeeffamtanii fi maaliif akka hundeeffamtanii fi eenyuu akka isin hundeesse beektuu??
  9. Gaaffii Uummata keenyaa karaa nagaa fi dimookiraasii gaafachaa jirruuf Loltuu Agaazii fi poolisii Fedraalaa nurratti bobbaasuun dhaabbatee Aangawootni Mootummaa EPRDF/TPLF /OPDO nu gidduutti argamuun deebii nuuf kennan gadi jabeesinee gaafanna!!
  10. Biyya Ethiopia mootummaa abbaa irree EPRDFn gaggeeffamu keessatti filannoon dimookiraatawaa takka gaggeeffamee hin beekuu, Maqaa filannoo dimookiraatawaa gaggeessuu jedhuun mirgi Oromoo ukkanfamee filmaata sobaa gaggeessuun amaleeffatame akka dimookiraasiitti fudhatama waan jiruuf akeekni fokkataa fi mirga ilma namaa sarbaa jiru kun dhaabbachuu qaba!! Yakka dahoo filannoo kijibaan bara baraan gaggeeffamaa tureef mootummaan kun itti gaafatamuu qaba. Kan jedhuu gaaffiilee Bu’uuraa rakkoo hudhaa uummata keenyaa ta’ee dhiyeeffanna malee Walga’ii Leenjii wayyaanee hin fudhannu jechuun Dargaggootni barattootni Oromoo fi beektootni Oromoo sagalee tokkoon waliigallee mirga keenya kabachiifachuuf kan falmannu ta’uu murteessine.

             Injifannoon uummata Oromoof!!

             Qeerroo bilisummaa Oromoo!!

          

Fulbaana 19/2015 Godina Lixa Shaggar AANAA MIDAA QANYII fi AANAA CALLIYAA GEEDOOtti Walga’ii Barsiisota Wayyaaneen Qindaaye Irratti Gaaffiin Mirgaa Ka’uu Qeerroon Gabaase.

Aside

33Fulbaana 19,2015 Geedoo,,Ergamtoota Wayyaanee OPDO walga’icha gaggeessuuf ramadan gaaffiin joonjessuun of irraa arii’uun walga’ichis fashaala’e. Goototni barsiisootni Oromoo AANAA MIDAA QANYII fi CALLIYAA GEEDOO manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa MIDAA QANYII M/B Bakkalcha Barii sadarkaa 2ffaa , M/B sadarkaa 2ffaa Qanyii Bahaa Biftuu, M/B sadarkaa 2ffaa Baabboo MidaA Qanyii fi M/B sadarkaa 2ffaa fi Qophaa’inaa Ballaammii fi manneen barnoota sadarkaa 1ffaa keessatti illee haala walfakkattuun mormiin barsiisota qabsiifamuun walga’iin Wayyaanee fashalaa’e.

Akkasumaas AANAA Calliyaa Geedootti Manneen barnoota kanneen akka M/B Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa , M/B sadarkaa 2ffaa Baabbichaa fi Manneen Barnootaa geedoo sadarkaa 1ffaa Dirree Guddinaa fi Dirree Jaartii jedhamanii fi Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa baadiyaa aanichaa keessatti Walga’ii gaggeeffamaa ture kana irratti mormii guddaa fi gaaffin guddaan ka’uun walga’iin wayyaanee fashalaa’ee karoorri walga’ii torbee tokko oliif qabame dhaabbate jira.

Goototni barsiisotni Oromoo AANOTA LAMAAN irraa iyyuu gaaffii walfakkataan dabbaloota OPDO dura dhaabbachuun itti qoosuun fudhatama dhabsiisan. gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaachisuun walga’ii Leenjii siyaasaa mootummaa EPRDF hin fudhannu, nuti mootummaa mirga uummata keenyaa kabaju fi kabachiisuu dhabuun ‘’Maqaa Master plan Finfinnee’’ jedhuun Uummatni Oromoo qe’ee fi qabeenyaa irraa buqqa’aa waan jiruu fi mootummaan aangoo irra jiruu Oromiyaa balleessa waan jiruuf isin hin dhaggeeffannu jechuun ergamtoota Wayyaanee OPDO dura dhaabbatan. Walga’iin W ayyaanee EPRDF Oromiyaa keessatti leenjii siyaasaa wayyaanee ittin kennaa jirtu kun seenaa OPDO hundeeffama irraa hanga ammatti kan jedhu kan faarsuu yoo ta’uu, seensii ajendaa walga’ii kanaa gaaffii guddaa kaachisuun dabballootni wayyaanee waan qabanii gadhiisan dhabuutu ibsame jira. Haala kanaan Aanaa Midaa Qanyii guyyaa 3ffaa erga gaaffii fi waldiddaa guddaan barsiisotni dura
dhaabbachaa turanii booda guyyaa hardhaa barsiisootni gaaffii isaanii waan jabeessaniif akeekni wayyaanee milkii tokko malee hafuun walga’iin leenjii siyaasaa Wayyaanee kun fashalaa’uu danda’ee jira. Haala walfakkaatuun gaaffiiwwaan bu’uuraa goototni barsiisotni Oromoo kaasuunii fi gaaffiilee mirgaa ijoo ta’an gaafachuun dhagahame.