Fulbaana 21,2015 Naqamte
Aadde Iteenash Margaan hojii ogummasaanii barsiisummaarraa gara W/ra aadaa fi turizimiitti haadha adeemsa hojii ta’uun yeroo dheeraa hojjechaa erga turanii booda,mormii maaster pilaanii finfinnee sadarkaa hojjettootaatti waan balaaleffataniifii reebicha fi hidhaa Oromootarratti adeemsifamu dargaggoota Oromoorraa qolachuun nama seenaa gaarii godhataniifi jaalala uummatasanii biratti qabaniin gantoota Wayyaaneen yeroo dararaa damdamachuu waan dadhabaniifi dhukkuba aariin itti dhufurraas hafuu waan dadhabaniifi hojii gadhiisanii gara maatiisaanitti galan.
Aadde Iteenash hojii Mootummaa Wayyaanee gadi lakkisuunfi lagachuun fakkeenyummaa gaarii waan qabuuf ilmaan Oromoo bulchiinsa alagaa jalaa ba’uuf hojii muudama Wayyaanee ofirraa mulquun gaarii ta’uufi tumsa barbaachisus ilmaan Oromoo waliif taasisanii walcina akka dhaabbachuu qaban hubachiifna