Sagalee Qeerroo Biliummaa (SQ) Mudde 12 Bara 2015 / Odeessa Oromiyaa Keessaa Ilaalchisee Gabaasa Addaa

Aside

Mudde 13,2015 Magaalaa Baabbichaa Aanaa Calliyaatti Keessatti FDG Itti Fufeen Wal Qabatee Mootummaan Wayyaanee Uumata Itti Dhukaasaa Jira.

Aside

Mudde13,2015 Warraaqsii Biyyaaleessa Oromiyaa FDG’n Haalaan Jabaachuun Aanaa Calliyaa Magaalaa Baabbichaa keessatti gaggeeffamaa jiru irratti Mootummaan wayyaanee EPRDF humna Waraanaa raayyaa ittisa biyyaa bobbaasuun Uummata Oromoo irratti waraana banuun duguginsii sanyii rawwate jira.

Caliya Mudde 13,2015

Caliya Mudde 13,2015

“Qeerroo Abdii Kiyyaa” Artist Mo’ibul Dannabaa Gadaa / Wallee Warraaqsaa Haaraa Muddee 13,2015

Aside

FDG Itti Fufee Yuniverstii Jimmaa Keessatti Tiki Wayyaanee Barattoota Hedduu Hiisise Kaaliid Abbaa Tamaam Hunmna Hin Beekamneen Haaleelamuun Hosptala Jimmaa Seene.

Aside

Har’a Mudde 13,2015 Yuuniversitii Jimmaa Keessaa barattoota Oromoo nagaa qabamanii dhiamanii jiru.Tiki Wayyaanee kan barattoota rakkisaa ture eda qaama hin beekamneen tarkaanifiin irratti fudhatamee Hoptala Jimaa ciisee jira.

Akka kanatti  Yuunibarsiitii Jimmaatti barattoota isin qindeessitoota fincila kanaati jechuun dararaan hamaan mana hidhaa magaalaa Jimmaa keessatti irra gahaa jiru keessaa muraasa maqaan nuqaqqabe
1 Gammachuu Giddiisaa Damee barnoota Herregaa waggaa sadaffaa
2 Dirribaa Fufaa Saayinsii waggaa sadaffaa
3 Gammachuu Tarfaa Invaaromental Saayinsii
4 Fayisaa T. Guutamaa saayinsii kompuutaraa waggaa arfaffaa
5 Daanyee  Nursing waggaa sadaffaa
6 Dirribaa waggaa jalqabaa kompuutaraa
7.Zannabuu Herrega waggaa lammaffaa

SBO MUDDE 13,2015. ODUU, GABAASA SOCHII FDG OROMIYAA KEESSAA FI HIRIIROTA NAGAA HAWAASA OROMOO BIYYA ALAA

Aside

Gootonni Shamarran Oromoo Universitii Jimmaa Irraa Guyyaa Har’aa Qabaman Gootummaan Dhadachaa fi Faaruu Tokkummaa Faarsaa Mana Hidhaa Seenan.

Aside

Mudde 12/2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Warraaqsa Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti fufan, Mooraa Yuunibarsiiti Jimmaa Arfan keessatti warraqsii jabachuun itti fufe. Guyyaa kaleessaas itti fufuun akkuma warraaqsa finiinsuu egalaniin
hoomaan waraanaa yeroo moora Main Cumpasitti barattotatti seensifamu, Barattootni mooraa gadi lakkisuun Magaalaa Jimma keessatti walitti qabamuun sagaalee dhaadannoo dhageesisuu itti fufan . Humnootni tikaa Wayyaanee fi loltootni abbaa irree barattoota Oromoo irratti gaazii
Summa’aa dhukaasuun qabanii hidhaatti guuruu irratti argamu.kanneen ukkanfamuun qabaman keessatti barattootni dubaraa fiigaanii jalaa ba’uu hin dandeenye akka heddummatan hubatame jira. Kanneen keessa
1. Kibbee Lamuu Barattuu Muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
2. Zannabach …Barattuu muummee Herregaa waggaa 2ffaa
3. Magartuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa
4. Bashaatuu…Barattuu muummee Ispoortii waggaa 3ffaa. Kanneen
Shammarran Oromoo kun yeroo qabamanitti gootummaan dhadachaa fi tokkummaa jechaa akka qabaman barattoota kaan irraa beekamee jira.

Duula “DINNE DIDAA” Shaggar Lixaa Keessatti Mudde 12,2015 Deemaa Jiru.

Aside

Gindo GindoooGindoo shaar Gindoo Shaggar lixaa Mudde 12,2015

Gootonni Barattooti Oromoo Yuniversitii Haromaayaa Irraa Qabamanii Mana Hidhaa Haromayaa fi Harar Jiran Birmatnaa Isaan Barbaachisa.

Aside

Mudde 12,2015 Haromayaa
Barattooti Oromoo Yuuniversitii Haromyaa Keessaa Qabamanii Mana Hidhaa Haromayaa Jiran dararaa haalaan hammaataa keessa galanii waan jiraniif birmatnaa hatattamaa isaan barbaachisa.
1. Hanbisaa Lameessa dep’t vet medicine 4 years
2. Yonas Abay depn’t Food Engineering 4 years
3. Eebba Garramuu depn’t vet medicine 3 years
4. Dajanee Baqallaa depn’t Engineering 1years
5. Sanyii Baayisaa depn’t Engineering 1 years
6. Abarraa Baqallaa depn’t Engineering 1years
7. Abdisaa(Taddasaa) Dhaabaa depn’t Geography 2 years
kan jedhaman gaafa muddee 09/2015 Dormii fi daree barnoota keessa qabamaani qoonqo fi reebichaa daraara buufata poolisi dallaa keessati argamuu, mana hidhaa magaala Haramaayaa fi magalaa Harariitt reebamaa fi haala hamaan waan dararamaniif iyyanaa barbaahisa.
 
Itti dabalees warreen qabamanii kana qabeenya gaafa barattoonni hiriraa nagaa gaafa sadaasa 30/2015 bahameera irrati humni waraana barattoo reebuf fullee, balbala fi lookara caccabsanii turan isintu qabeenya yuunivarsitii mancaasee jechuun mana murtii magaala Harariiti argamuutti himaatamaniruu. Raagale soba immoo basaasto isaanii itti bitaaniruu..

FDG Muddee 12,2015 Oromiyaa Bakkoota Gara Garaa

Aside

Asabooti Hararge Lixa

Asabooti Hararge Lixa Mudde 12,2015

Kolleejjii Uni Arsii Muddee 12,2015

Kolleejjii Uni Arsii Muddee 12,2015

Uni Jimmaa Muddee 12

Uni Jimmaa Muddee 12,2015

Wallagga Magaalaa Naqamtee Muddee 12,2015

Wallagga Magaalaa Naqamtee Muddee 12,2015

Wallagga Magaalaa Naqamtee Muddee 12,2015

Wallagga Magaalaa Naqamtee Muddee 12,2015

Diddaa Gabrummaa Ginda Barat Muddee 12.2015

Aside

Diddaa Gabrummaa Gindebert