Yuniversitiin Jimmaa Mooraa Kittoo FDG Itti Fufanii Jiru,Waraanni Abbaa Irree Wayyaanee Mooricha Marsee Barattoota Gidirsaa Jira.

Aside

Aside

Muddee 12,2015 Godina Lixa Shaggaar Magaalaa AMBOOtti Warraaqsii Biyyaalessa Oromiyaa FDG haalan jabachuun itti fufe, humni waraanaa
Agaazii fi Humni Poolisii Federaalaa humnaa Olii fi Humni ittisa biyyaa Magaalaa AMBOOtti guuramaa jiraachuun itti fufe, daandiin bakkoota hedduutti cufamee jira. dhukaasni Meeshaa gurguddaadhan Magaalaa Amboo irratti baname jira.… gabaasaan itti fufa!

Aside

Mudde 12/2015 Godina Kibba Lixa Shaggar Magaalaa Walisoo fi Baadiyyaa walisootti Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG jabaachuun itti fufe,Addatti Qonnaan Bultootni Walisoo Aanoota akka wancii, Roggee, fi Ammayyatti warraaqsii Haalan jabaachuun itti fufe. Waraanni Agaazii fi humni ittisa biyyaa uummata irratti waraana banuun guyyaa kaleessa hanga har’atti namootni 7 Wareegamuun mirkanaa’ee jira. Guyyaa
kaleessa sa’a booda irraa eegaluun network balleessuun uummata Baadiyyaa walisoo Irratti waraanni baname. Kanneen madaa’an lakkoofsaan hedduu ta’uu fi kanneen wareegaman hedduu ta’uu ibsuun, hanga ammatti namootni 7 wareegamuun ibsame. Guyyaa hardhaas Warraaqsii jabaachuun itti fufee jira…gabaasaan itti fufa.

FDG Magaala Qarsa Godina Haragee Bahaa, Muddee 12,2015

Aside

Aside

Mudde 12,2015 Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun Wallagga Dambi Doollootti waraana isaa guuraa jiru dhalootaan Tigiroota kan ta’an qofa naannichatti geessuun ganda 03 keessa qubaachiisaa akka jiru beekame. Ummanni diddaa isaa daran jabeessee jira.

Yuniversiti Wallaggaa Naqamtee ammoo barattooti baadiyyaatti guuramaa jiru.

Uni Wallaggaa

Aside

Har’a Muddee 12,2015 Ammayyaa keessatti mormiin uummata itti fufiinsaan dabalee kan jiru yeroo ta’u mootummaan Wayyaanee waraana isaa Xoolaayi irraa gara naannichaatti ergaa jira.Uummanni Oromoo diddaa jabeessee of irraa ittisaa akka jiru beekamee jira.

Mudde 12,2015 Diddaa Gabrummaa Godina Haragee Asaboot.

Aside

Guyyaa Har’aa FDG Itti Fufee Jira, Magaalota Oromiyaa Kanneen Akka Naqamte,Kaachis Gindebert,Uni Jijjigaa,Qarsaa Laangy,Roobee,Gobbaa fi Kaan Keessatti Itti Fufee Jira.

Aside

Roobe

“Hin Laadhu Dhaala Abbaa Koo Hin Kennu Lafa Isaa” Farfataa Dastaa Insermuu

Aside

Sagalee Qeerroo Biliummaa (SQ)Mudde 11 2015/Haala FDG Godinoota Oromiyaa Adda Addaa

Aside