SBO GURRAANDHALA 17,2019. Oduu, Bobbaa Dr.Abiyyii fi Obbo Lammaan Begiitti taasisanii fi haasaa ummata waliin godhan irratti hirmaataa tokko haasofsiisneerra. Kan biraas ni qabna.

Aside

SBO GURRAANDHALA 15,2019. Oduu fi Haala naannoo Wallagga Lixaa Onoota Begii fi Gidaamii keessa jiru irratti marii jiraataa naannoo Begii waliin taasisame

Aside

Ibsa Ijjannoo: Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname

Aside

Haala yeroo biyyattii fi Oromiyaa keessatti tahaa jiru ilaalchisuun qeerron bilisummaa Oromoo ibsa ijjannoo armaan gadii baafannee jirra.

1). Finfinneen seenaanis seeranis tan Oromoo waan taatef bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebi’uu qabdi.
2). Ajjeechan, hidhaa fi gidiraan maqaa ABOtiin sabboontota Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru hatattamaan haa dhaabbatu.
3). Araarri ABO fi mootummaa giddutti godhamaa jiru hatattamaan hojirra ooludhaan Oromiyaa keessatti nagaan waaran haa bu’u.
4). Mootummaan waadaa gale hojirra oolchudhaan Afaan Oromoo haal duree tokkoon maletti Afaan Amaaraa wajjiin hatattamaan Afaan hojii mootummaa fedraalaa haa tahu.
5). Magaalonni Oromiyaa kan akka Dirredhawaa fi Harar Oromiyaa jalatti haa deebi’an.
6). Qabsaa’onni Oromoo kan akka #JaalNadhiiGammadaa,
Abbaa Gadaa #DabbasaaGuyyoo fi ilmaan Oromoo hanga ammaatti achi buuten isaanii sirna mootummaa EPRDFdhabamsiifaman barbaadamuun yoo lubbuun jiraatan akka nuuf gad lakkifaman, yoo lubbuun hin jiraanne ekeraan isaanii uummata Oromoo fi maatii isaanitiif kennamuun uummanni Oromoo kabajaan akka awwaallatu ni gaafanna.
7). Siidan gootota Oromoo kan akka #Taaddasaa Birruu
#Jaarraa AbbaaGadaa
#Maammoo Mazammir
#Waaqoo Guutuu fikkf handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti haa dhaabbatu.
8). Uummata Oromoo naannoo Sumaalee irraa shira diinan buqqifamuun hojii dhabee, mana jireenyaa dhabee, nyaata dhabuun hanga ammaatti osoo hin qubsiifamin rakkoo hammaataa keessa jiran qubsiisudhaan qabeenya fi wanti hojii hojjachuun ittiin of jiraachisan akka kennamuuf ni gaafanna.
10). Dhiha Oromiyaa Wallagga bahaatti ajjeechaa waraanni mootummaa obboloota lamaan irratti raawwate cimsinee balaaleffanna. Qaamni ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwate seeratti akka dhihaatu ni gaafanna.
11). Qaamonni ilmaan Oromoo ajjeesaa, buqqisaa, reebsisaa, saamaa turan hundi seeratti akka nuuf dhihaatan ni gaafanna.
12). Qabeenyi Oromoo kan alagaan saamame hundi uummata Oromoof akka deebi’u ni gaafanna.
13). Waraanni raayyaa ittisa biyyaa dhiha Oromiyaatti uummata goolaa jiru uummata keessaa haa bahu.
14). Qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqqifame beenyan gahaan kennameefii deebifamee haa qubsiifamu.
15). Dhaabbileen siyaasaa Oromoo tokko tahuu qabu. Dhaabni siyaasaa tokkummaa jibbu kan kutaan, gandummaan, gosummaan socho’u uummata Oromoo bakka hin bu’u.

Gurraandhala 2019
OROMIYAA
QEERROO BILISUMMAA OROMOO.

SBO GURRAANDHALA 10,2019. Oduu fi Gaaffii fi deebii

Aside

SBO GURRAANDHALA 08,2019. Oduu fi Gujii Bahaa keessatti miidhaa ummata irra gahaa jiru irratti gaaffii fi deebii taasisame

Aside

SBO GURRAANDHALA 06,2019. Oduu, Ajjechaa Godina Jimmaa Ona Limmuu Kossaatti Qeerroo Awwal Abbaa Biyyaa irratti raawwatame irratti gaaffii fi deebii akkasumas gaaffii fi deebii Ajajaan WBO Godina Lixaa Jaal Kumsaa Dirribaa VOA Afaan Oromoo walin godhe

Aside

SBO GURRAANDHALA 06,2019. Oduu, Ajjechaa Godina Jimmaa Ona Limmuu Kossaatti Qeerroo Awwal Abbaa Biyyaa irratti raawwatame irratti gaaffii fi deebii akkasumas gaaffii fi deebii Ajajaan WBO Godina Lixaa Jaal Kumsaa Dirribaa VOA Afaan Oromoo walin godhe

Aside

SBO GURRAANDHALA 03,2019. Oduu, Alaabaan ABO Godina Iluu Abbaa Booraa magaalaa Mattuu fi naannoo sana keessatti waraana mootummaan gubachaa jiraachuu irratti marii gabaabaa jiraataa naannoo waliin taasisamee fi qophii biroo

Aside

SBO AMAJJII 30 Bara 2019. Oduu, Ajjechaa Godina Iluu Abbaa Booraa fi Hidhaa fi Dararaa Godinoota Shaggar Lixaa fi Wallaggaa Lixaa irratti gaaffii fi deebii namoota adda addaa waliin taasisame

Aside

SBO AMAJJII 25,2019. Oduu fi Haasaa Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa Amajjii 22,2019 Araara ABO fi Mootummaa Itophiyaa gidduutti maanguddummaa Abbootii Gadaa Oromiyaatiin Finfinnee Galma Giddu Gala Aadaa Oromootti taasisame irratti dubbatan

Aside