Yeroo koreen teknikaa araaraaf gara Kibba Oromiyaatti bobba’ee jirutti Raayyaan Ittisa Biyyaa gocha araara gufachiisu dalagaa jira.
Godina Gujii aanaa Oddoo Shaakkisoo ganda Sawwanaa keessatti guyyaa kaleessaa (Guraandhala 17/2019) Raayyaan Ittisa Biyyaa poolisii Oromiyaa fi Milishaa gandaa dabalachuun mana uummataa 30 ol gubee uummata qe’eerraa gara bosonaatti godaansiseera. Kana malees motora midhaan daaku kan nama dhuunfaa gubuun qabeenya uummataa barbadeesseera. Kanuma waliin bunaafi midhaan gosa adda addaa gubuun gocha gara jabinaa uummata irratti raawwataa jira. Yeroo ammaa uummanni manniifi qabeenyi jalaa gubate bosonatti dheessee jira.
Sababaan waraanni mootummaa Itoophiyaa gocha hammeenyaa kana raawwachaa jiruufis uummata bakkichaan “isin WBO soortu” jechuudhaan akka ta’e jiraattonni ni dubbatu.
Yeroo darbe aanaa Oddoo Shaakkisoo gandeen akka Dambii Uddoo, Hangad fi Sawwanaa keessatti manni uummataa 100 ol gubachuu gabaasuun keenya ni yaadatama! Linkiin yeroo darbee kunooti https://www.facebook.com/1690456204329520/posts/2485870758121390/?app=fbl
https://www.facebook.com/1690456204329520/posts/2484439668264499/?app=fbl
haala akkanaa keessatti argama uummatni Oromoo
Madda: Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) tu gabaase