Ibsa Ijjannoo: Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname

Haala yeroo biyyattii fi Oromiyaa keessatti tahaa jiru ilaalchisuun qeerron bilisummaa Oromoo ibsa ijjannoo armaan gadii baafannee jirra.

1). Finfinneen seenaanis seeranis tan Oromoo waan taatef bulchiinsa Oromiyaa jalatti deebi’uu qabdi.
2). Ajjeechan, hidhaa fi gidiraan maqaa ABOtiin sabboontota Oromoo irratti gaggeeffamaa jiru hatattamaan haa dhaabbatu.
3). Araarri ABO fi mootummaa giddutti godhamaa jiru hatattamaan hojirra ooludhaan Oromiyaa keessatti nagaan waaran haa bu’u.
4). Mootummaan waadaa gale hojirra oolchudhaan Afaan Oromoo haal duree tokkoon maletti Afaan Amaaraa wajjiin hatattamaan Afaan hojii mootummaa fedraalaa haa tahu.
5). Magaalonni Oromiyaa kan akka Dirredhawaa fi Harar Oromiyaa jalatti haa deebi’an.
6). Qabsaa’onni Oromoo kan akka #JaalNadhiiGammadaa,
Abbaa Gadaa #DabbasaaGuyyoo fi ilmaan Oromoo hanga ammaatti achi buuten isaanii sirna mootummaa EPRDFdhabamsiifaman barbaadamuun yoo lubbuun jiraatan akka nuuf gad lakkifaman, yoo lubbuun hin jiraanne ekeraan isaanii uummata Oromoo fi maatii isaanitiif kennamuun uummanni Oromoo kabajaan akka awwaallatu ni gaafanna.
7). Siidan gootota Oromoo kan akka #Taaddasaa Birruu
#Jaarraa AbbaaGadaa
#Maammoo Mazammir
#Waaqoo Guutuu fikkf handhuura Oromiyaa Finfinnee keessatti haa dhaabbatu.
8). Uummata Oromoo naannoo Sumaalee irraa shira diinan buqqifamuun hojii dhabee, mana jireenyaa dhabee, nyaata dhabuun hanga ammaatti osoo hin qubsiifamin rakkoo hammaataa keessa jiran qubsiisudhaan qabeenya fi wanti hojii hojjachuun ittiin of jiraachisan akka kennamuuf ni gaafanna.
10). Dhiha Oromiyaa Wallagga bahaatti ajjeechaa waraanni mootummaa obboloota lamaan irratti raawwate cimsinee balaaleffanna. Qaamni ilmaan Oromoo irratti ajjeechaa raawwate seeratti akka dhihaatu ni gaafanna.
11). Qaamonni ilmaan Oromoo ajjeesaa, buqqisaa, reebsisaa, saamaa turan hundi seeratti akka nuuf dhihaatan ni gaafanna.
12). Qabeenyi Oromoo kan alagaan saamame hundi uummata Oromoof akka deebi’u ni gaafanna.
13). Waraanni raayyaa ittisa biyyaa dhiha Oromiyaatti uummata goolaa jiru uummata keessaa haa bahu.
14). Qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa irraa buqqifame beenyan gahaan kennameefii deebifamee haa qubsiifamu.
15). Dhaabbileen siyaasaa Oromoo tokko tahuu qabu. Dhaabni siyaasaa tokkummaa jibbu kan kutaan, gandummaan, gosummaan socho’u uummata Oromoo bakka hin bu’u.

Gurraandhala 2019
OROMIYAA
QEERROO BILISUMMAA OROMOO.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s