Amajjii 11,2016 Gaaffiin Mirga Abbaa Biyyummaa Hararge Haromaayaa Keessatti Har’as Itti Fufe.

Aside

Godina Harargee Aanaa Ciroo Ganda Waaccuu Gille Keessatti Warraaqsi Bilisummaa Har’as Amajjii 11,2016 Itti Fufe

Aside

Poolisoonni Federaalaa Wayyaanee Wallagga Magaalaa Jaarsoo Keessatti Walgahii Kaabinoota OPDOf Taasisan Irraatti Hunda Irraa Bilbila Harkaa Funaanuun Beekame.

Aside

Waajjira Bulchiinsa Jaarsoo Amajjii 11, 2016

Waajjira Bulchiinsa Jaarsoo Amajjii 11, 2016

Amajjii 11,2016 Godina Wallagga Lixaa anaa Jaarsoottii qondaaltonnii OPDO wal shakkii cimaa keessaa seenuun walgahii  galgalaa taa’uun kaabinoonni hundi bilbila harkaa isaanii harkaa sassaabamuun walgahicha akka seenan taasifame. Walgahicha kan gaggeessuu poolisoota Federaalaa naannoo biroo irraa dhufan yeroo ta’u kaabinoonni OPDO walgahicha seenan hundi bilbila harkaa isaanii harkaa fuudhamee akkasumas sakatta’amee ta’uun beekamee jira.

Walaghiin kun kan ta’aa jiru Aanaa Jaarsoo magaalaa Jaarsoo waajira bulchiinsaa keessatti.

 

The Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy Statement on the Current Situation in Ethiopia

Aside

pafdThe current situation in Ethiopia is no longer tenable and unless urgent measures are taken it will bring unmanage-able chaos in the Horn of Africa worse than the current situation in the Middle East.

In 1992 and 1994, the Ethiopian regime declared an all out war against the civilian population in many parts in Oromia, Ogaden and the rest of Ethiopia creating humanitarian and human rights Catastrophe, hundreds of thou-sands were killed, detained, tortured or forcefully dislocated from their lands.

Today the Ethiopian regime is embarking on campaign to commit grave violation of human rights and suppression of all democratic rights it even recognizes in its nominal constitution. The Oromo people whose democratic rights were never respected and subjected to consistent human right violations massively are now being systematically uprooted from their ancestral lands around Addis Ababa under the pretext of development. Similar atrocities are being committed against the people in Sidama, Gambela, Beni-shangul, Amhara,and other states. The Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy Statement on the Current Situation in Ethiopia

Amajii 11/2016 Yuunibarsiitii Jimmaatti Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Kittoo Furdisaatti argamurratti Halkan Edaa Dhukaasaa Boombii Barattootaa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti fudhatameen Barattootni Hedduun Madeeffamuun Hospitala galfamani jiru.

Aside

Har’a Amajii 11,2016 Yuunibarsiitii Jimmaa 

Halaa hedduu nama gaddisiisuun barattootaa Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa Kittoo furdisaatti argaman irratti Yakki Waraanaa rawwatame jira. Barattootni Hedduun Madaauun duaa fi jireenya gidduutti kan argaman Hospitala Jimmaa Kutaa baqaqsanii Hodhuu galfamanii jiraachuun gabaafame. Diddaan Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa kan isa yaaddeessee, fi Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa Gidduu kana Nyaataa Guutummaatti lagachuun uffata gaddaa uffachuun barnoota dhaabanii mormii FXG jabeessa wayita jiranitti

Mootummaan abbaa irree yakka Waraanaa sochii uummataa Oromoo fi Addatti immoo barattoota Oromoo irratti Xiyyeeffatee waraana labsee kan jiruu yoo tauu yakka Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti raawwatamaa jiruuf Itti gaafatamaan Mootummaa Abbaa irree EPRDF tauu Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa dhaamsa dabarfatan. Yeroo ammaa kanatti barattootni Madeeffaman hedduu waan taeef maqaa barattoota madaaanii fi kanneen wareegaman illee addaa baasuun isiniif dhaamna.

Amajjii 10,2016 Barattooti Oromoo Yuniverstii Jimmaa Hiriira Xumura Gabrummaa Bahaniin Waamicha Waraanaa fi Poolisoota Federaala Ithiyophiyaaf Taasisan,Mootummaan Ammmoo Akka Aadeffate Dhukaasaan Deebii Kennaa Jira.

Aside

Barattooti Oromoo Yuuniverstiilee Adda Addaa FXG Jabinaan Itti Fufan,Waraanni Wayyaanees Humna Dabalataan Moraalee Yuuniverstii Weeraruun Dhukaasa Eegale.

Aside

Amajjii 10,2016 Gabaasa Qeerroo

Maddee gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii garagaraa irraa, Yuuniversitii Madda walaabuutti FXG dhowee jiruun barattootni hedduun miidhaan irra gahaa jiru doormii isaanii keessatti cabsuun humni waraana agaazii jedhamu gocha suukkanneessaa raawwataa akka jiru irra darbee
baayeen isaanii ukkaamfamuudhaan bakkka buuteen isaanii dhabama jira.
Mootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kanatti ilmaan Oromoo bakka namni hin arginetti geessee ajjeeessaa jiraachuun kan beekameedha kaayyoon isaa kunis barattootni kana jiilanii sodaatanii fincila dhiisu kan jedhuudha. Gochi mootummaa faashistii wayyaaneetiin raawwataa jiru kun FXG kan jabeessee argamu malee kan duubatti hin deebisne tahee jira. kanumaan barattootni dhaabbilee barnootaa olaanoo keessaa yeroo ammaa kana halkan halkan butamanii iddoo itti geeffaman dhabamaa jiru. Barattootni dhibbaan lakkaawaman halkan edaa asitti mooraa Yuuniversitii Madda Walaabuu keessaa dhabamanii jiran bakka itti geeffamanis dhabamee jira. Yeroo sadaffaa mooraa yuuuniversitii Haromayyaattii FXG itti fufee kan jiru yoo tahu ammas waraanni wayyaanee garasitti guuramaa jira. yuuniversitiilee Finfinnee, Adaamaa, Amboo, Wallaggaa,Bulee horaa,Aksum fi Maqalee fi  Jimmaa dabalatee barattootni yeroo ammaa kana tokko lamaan barattootni Oromoo tahan shamarranis tahe dhiirri humna waraana wayyaaneetiin butamanii bakka buuteen dhabamuun dabalaa akka dhufe Qeerroon gabaassaa jira. Walumaa gala yeroo ammaa FXG dachaadhaan dabalee itti fufee jira Oromiyaa mara keessatti.

Yuniversiti Haromayaa fi Buraayyutti Har’a Dhukaasni Wal Irra Hin Citne Ta’aa Jira‏.

Aside

Amajjii 10,2016 Amma galgala kana FXG mooraa Yuuniversitii Haromayyaatti ka’ee jiruun dhukaasni garmalee barattoota irratti dhuka’aa jira. wayita kana amalli dhukaasa banuu wayyaaneef doorisisa tahuun isaa ifaadha. Mooraa Yuuniversiti Haromayyaa qofa miti Buraayuu naannoo Maariyamii jedhamutti meeshaa gurguddaan har’a Amajjii 10/2016 sa’a booda dhuka’aa oole. Uummanni mana isaa cufate oole. Dhukaasni gurguddaan osoo wal irraa hin cinnee kan dhuka’aa ture yoommuu tahu itti fufee galgala kanas FXG mooraa yuuniversitii Haromayyaatti barattootaan ka’een dhukaasni wal irraa hin cinne ta’aa jira. amma akka odeesi Qeeyroo mooraan ala jiraate nuun gahaa jirutti galgala keeysaa sa’a 3:00 booda barattoota irratti dhukaafamaa jiraatuudha.

Waraanni warra Itiyophiyaa Wayyaanee naannoo Yuuniversitichaa meeshaa gurguddaadhaan buufatee jira.
akkana jechun Qeeyroon amma gabaasa jira.

Wallagga Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baataa Waayyuu Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

FB_IMG_1452428844005Amajjii 10,2016, Abboonni keenya Ayyaantuun leeqaa Kan buufatu Naqamtee Bakkejamee irraa Hindhee gidduu gala Leeqaa dullachaa fi Jimmaa Arjoo  Achirraa Immoo Tabba ykn Tulluu Korbootti jalatti dhibaafachiisuun Luugoo waamaatti karaa Malkaa Nyaaree Dhibaafatanii  Lafa har’a Waamaa keessaa Hambachoo jedhamutti ardaa jilaa geggeessaa turan boodas “ayyaantuun keenya asi tti godaane” jechuun Hoodi warra Leeqaa Hooda Jijoo Hambachoo jedhamu Lafa Darmiidha jedhan kana Darmootti sirna waaqeffannaa duudhaa Oromoo ganamaa qabachuun kan jirtudha Darmoon.

Argamni Darmoo Wallagga Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo Ganda Baataa Waayyuu keessa yeroo taatu koyyaa kusaayee jedhamti!

Kunoo! Lafa seena qabeetti kana irratti dhaloonni seena qabeessi dhalate Jimaata darbe hiriira mormii sa’atii barnoota galgalaa akka geggeessan beekameera Jiraattoti gandichaa bulchitoota gandaan gurra ittiin isin dhaggeeffannu hin qabnu jechuun FXG dhageessisaniin diinatti waaroo salohinaa uffisaniiru

TV-n Gaadisa Dhugaa Sagantaa Isaa Itti Fufuuf Beeksisa Baase.

Aside

TVn Gaaddisa Dhugaa Guyyaa Gabaabaa Keessatti Sagantaalee Adda Addaa Qabatee isin biraan gahuuf Qophii Xumrachuu Isaa Yeroo Ibsinu Gammachuu Guddaadhaani.TV Gaaddisa Dhugaa karaa teessoo E-mail gadhtv@gmail yaada keessan gumaachuufii dandeessu.