Amajii 11/2016 Yuunibarsiitii Jimmaatti Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Kittoo Furdisaatti argamurratti Halkan Edaa Dhukaasaa Boombii Barattootaa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti fudhatameen Barattootni Hedduun Madeeffamuun Hospitala galfamani jiru.

Har’a Amajii 11,2016 Yuunibarsiitii Jimmaa 

Halaa hedduu nama gaddisiisuun barattootaa Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa Kittoo furdisaatti argaman irratti Yakki Waraanaa rawwatame jira. Barattootni Hedduun Madaauun duaa fi jireenya gidduutti kan argaman Hospitala Jimmaa Kutaa baqaqsanii Hodhuu galfamanii jiraachuun gabaafame. Diddaan Gootota Qeerroo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa kan isa yaaddeessee, fi Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa Gidduu kana Nyaataa Guutummaatti lagachuun uffata gaddaa uffachuun barnoota dhaabanii mormii FXG jabeessa wayita jiranitti

Mootummaan abbaa irree yakka Waraanaa sochii uummataa Oromoo fi Addatti immoo barattoota Oromoo irratti Xiyyeeffatee waraana labsee kan jiruu yoo tauu yakka Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti raawwatamaa jiruuf Itti gaafatamaan Mootummaa Abbaa irree EPRDF tauu Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa dhaamsa dabarfatan. Yeroo ammaa kanatti barattootni Madeeffaman hedduu waan taeef maqaa barattoota madaaanii fi kanneen wareegaman illee addaa baasuun isiniif dhaamna.

1 thought on “Amajii 11/2016 Yuunibarsiitii Jimmaatti Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Kittoo Furdisaatti argamurratti Halkan Edaa Dhukaasaa Boombii Barattootaa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti fudhatameen Barattootni Hedduun Madeeffamuun Hospitala galfamani jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s