Seenessaa Qeerrootiin.
Walit tan qabe: Caalaa Haahiluu Abaataa ti.
(beekanguluma) — Ilmaan Oromoo Biyya Hambaa Jiraatan Keessattuu Diasporaa fi Kanneen Carraa Barnootaa Argatanii Biyyaa Alaa jiraataan Namootni Baay’een Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa Jedhamuun Qabamanii Rakkoo Hamaa Keessa Jiraachuu Qeerroon Mirkaaneesse!!
Dhukkubni Kun Vaayireesii Siyaasaan Daddarbuu dha.
Mallattoolee Dhukkuba Kanaa Keessa Muraasa:
———-
- Tokkummaa Uummataa , Jaalaala, Kabaja, Safuu fi Safeeffannaa jibbisiisa.
- Sabboonummaa Ajjeesuun Gara jaarmiyaa Siyaasaatti gurmaa’anii akkeekaa fi kaayyoo Jaarmiyaan Siyaasaa Qabsoorraa jiruu qabu fudhachuun bilisummaa Uummataa fi walabummaa biyyaaf hiriiruu ni balaaleffachiisa.
- Online Marsaa facebook fi Social media irratti yaasuun nama iyiisiisa, nama arrabsiisa, akka maraachuus ni godhaa, akeekaa fi kaayyoo diinni qabsoo bilisummaa Oromoof qabu sabboonaa fakkachuun ergama diinaa rawwachuu, of nama nyaachisa , wal nama nyaachisa akkasumas hirmii nama nyaachisa!!
- Maqaa ABOn afuura jaarmiyaa heddummeessuu namatti naqa.Kaayyoo ganamaa hanga har’atti uummatni Oromoo irratti Wareegamuun bilisummaaf cichee falmachaa jiruu nama dagachiisuun gandarra nama joorsa. Continue reading


Uummata tokko saba jechuu kan dandeessisu, afaan tokko, aaadaa tokko, dinagdee wal qabataa, yaadaa wal fakkataa fi dangaa biyyaa tokko qabaachuu dha. Uumatni Oromoo guddina hawwaasan saba tokkicha tahuun waan wal nuu gaafachiisu hin qabu. Yoo hiikaa sabaa irratti kan waliif gallu tahe Uummatni Oromoo saba tokko tahuu kan haaluu hin dandeenyu.