Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa: Seenessaa Qeerrootiin, Maal nuuf Wayyaa?

 Seenessaa Qeerrootiin.

Dubbifamuu Qaba

Walit tan qabe: Caalaa Haahiluu Abaataa ti.
Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa(beekanguluma) — Ilmaan Oromoo Biyya Hambaa Jiraatan Keessattuu Diasporaa fi Kanneen Carraa Barnootaa Argatanii Biyyaa Alaa jiraataan Namootni Baay’een Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa Jedhamuun Qabamanii Rakkoo Hamaa Keessa Jiraachuu Qeerroon Mirkaaneesse!!

Dhukkubni Kun Vaayireesii Siyaasaan Daddarbuu dha.

Mallattoolee Dhukkuba Kanaa Keessa Muraasa:
———-

  1. Tokkummaa Uummataa , Jaalaala, Kabaja, Safuu fi Safeeffannaa jibbisiisa.
  2. Sabboonummaa Ajjeesuun Gara jaarmiyaa Siyaasaatti gurmaa’anii akkeekaa fi kaayyoo Jaarmiyaan Siyaasaa Qabsoorraa jiruu qabu fudhachuun bilisummaa Uummataa fi walabummaa biyyaaf hiriiruu ni balaaleffachiisa.
  3. Online Marsaa facebook fi Social media irratti yaasuun nama iyiisiisa, nama arrabsiisa, akka maraachuus ni godhaa, akeekaa fi kaayyoo diinni qabsoo bilisummaa Oromoof qabu sabboonaa fakkachuun ergama diinaa rawwachuu, of nama nyaachisa , wal nama nyaachisa akkasumas hirmii nama nyaachisa!!
  4. Maqaa ABOn afuura jaarmiyaa heddummeessuu namatti naqa.Kaayyoo ganamaa hanga har’atti uummatni Oromoo irratti Wareegamuun bilisummaaf cichee falmachaa jiruu nama dagachiisuun gandarra nama joorsa.
  5. Anatu Caalaa, ana malee beekaan hin jiruu fi Afaan qofaan anuma qofaatu uummata Oromoof beekaa, uummatni garuma nuti qabnetti goraa nama jechisiisa.
  6. Yaaduma Durumaan jiruu fi Yaada namni qaroon dhiyeessee Nama hachisiisa, copy pest nama goosisa. Ilaalchaa fi kaayyoo ganamuma irraa eegalee uummatni durumaan iyyuu qabuufi ammayyuu itti jiruu akka yaada haaraawaatti akka dhiyeessanii ajendaa haarawaa fakkeessanii ittin uummata mataa naanneessaan nama godha!!
  7. Afuura Qoqqoodinsa Gandummaa, Aamantaa fi Siyaasaa kan harka gita bittootaan tolfame nama gidduu facaasa.
  8. Afuura walgahii gochuu, yaaduma wal fakkataa gagaragalchuu fi mooraa qabsoo ala nama dhaabee nama jaanjeessa!!
  9. Waan qabanii gadhiisaan nama walaalchisuun takka jaarmiyaa hawaasummaa, takka jaarmiyaa Siiyaasaa, takka immoo jaarmiyaa Ogeessotaa, kkf waliin nama dhoofsisaa.

Maalii Jaarmiyaaleen hawwaasummaa kanneen akka waldaa Qorannoo Oromoo OSA, Waldaan Maccaaf Tuulamaa Bu’uurrii ganamaa jira mitii Maaliif waan qabanii gadhiisaan wallaaluu? Moo ofumaa maqaa jaarmiyaa hawaasaa yoo jijjiraan jijjiramni dhufa namatti fakkataa?? Moo waldaalee isaanuma kanatu guddatee tokkummaa uummataa fi hawaasaa dinagdeen dagaagee sadarkaa guddaa irraa gahee brachotaa isaaniiti isaan olii gadii oofaman kun moo akkamii????? Jaarmiyaalee kanneen keessatti jijjirama hawwamuu maaltu daangeessee moo akkamii?????? Moo Uummatni Oromoo Abbaa hin qabuu jedhameetuma akkuma fedhii keenyaatti guyyaa barbaadamee waanuma barbaadame uummatatti fe’uudhamoo uummatni Waan oofamaa jiru kana hin gaafatne. Kun dhukkuba uummataa furuutti uummatatti dhukkuba ta’uu dha!! Kan nama dhibuu yoo haala jiruuf jireenyaa Uummata biyya alaa irratti waldaaan hawaasummaa ( Oromoo Community) jira mitii?????? Moo isumatuu gurguddatee maqaa jijjirrataa jiraa??? Tarii of ijaaruun haala barbaachisuu irraa darbanii gulantaa itti aanutu eyyeemee yoo ta’eef… ????

Kan Waldaa Ogummaa illee haata’uu namuu ogummaa isaan bifa ijaarameen Saba isaa cina dhaabbachuun waanuma jiruu , inni kaan dhukkuba maraamartoo Siyaasaati.

Furmaataa Dhukkuba Maraamartoo Siyaasaa
———-
Furmaatni dhibee vaayireesii dhukkuba maraamartoo Siyaasaa kana irraa of ittisuuf biyya keessatti hojiiwwaan Qabsoo jabeeffamuu qaban: tokkummaa dhigaaf lafeen biyya keessatti qabsoon ijaaramee jabeessuu, warraaqsaa FXG hanga bilisummatti roga garaagaraan itti fufuu, ololoota farreen qabsoo irraa fagaachuu. BILISUMMAATTI BAHUUF GUDDISANII YAADUU, Kayyoo goototni ilmaan Oromoo irratti Wareegamanii fi Irratti hidhaan Dararamaa jiran galiin gahuuf Wareegamaa caaluu kanfaluuf of qopheessuu, ONNEE OROMUMMAA fi GOOTUMMAAN GUUTAMEEN Socho’uu, Yeroo kamiyyuu Caalaatti Ammaa yeroo mootummaan abbaa irree Kufaatiif daddaqaa jiru kanatti Falmannee Bilisa bahuu akka dandeenyuu of irratti abdii qabaachuu fi kkf furmaata dhugaa waluma jalaan waliif Dhaamna.

Ilmaan Oromoo Biyyoota alatti Argamtaan Kanneen Dhukkuba kanaan hin qabamiin Of eegannoo Gochuun Namoota dhibee fokkataa kanaan qabaman yaaluun namummaatti deebisuu, Gara jaarmiyaa Qabsoo irra jiruutti of ijaaruu fi dammaqinsaan dirqama qabsoo bahachuu. uummata Oromoo fi Qeerroo dargaggoota Oromoo diina hudhanii qabuun kufanii kufisaa jiran cina wareegama barbaachisuu baasuun cina dhaabbachuuf qophaa’uu, Oromoo hidhachiisuu fi humneessuuf WBO waliin hiriiruu fi hidhannoo Oromoo jabeessuu, lola maqaa Poolisii Liyyuuhayilii Somaalee jedhuun duula wayyaaneen uummata Oromoo bahaa Oromiyaa fi kibba bahaa Oromiyaa irraan nurratti banee of irraa deebisuuf uummata Keenyaaf bakka jirruu haa dirmannu, Hidhamtoota Oromoo Gargaaruu abukaatoo seeraa bituu fi maatii hidhamtootaa gargaarsaan jabeessuu .

Uummata Oromoo biyya keessa jiran dhukkubni daddarbaan kun karaa ulaa argatee kamiin iyyuu biyya seenuun uummata keenyaa fi Qeerroo dargaggoota Oromoo fi barattoota Oromoo gidduu akka hin seennee uummatni addatti Qeerroon dargaggootni Oromoo fi Gamtaan barattoota Oromoo (GBO) dhukkuba Summii Siyaasaa alarraa karaa kamiin iyyuu faca’uu irraa of eeggachuun Fashaleessuu fi sochii milkii qabuu fi injifannoo boonsaan bilisummaa keenya gahuu akka dandeenyuu gadi jabeessuun Dhaamsa oromummaa Uummata Oromoo hundaaf dabarsina!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!
Seenessaa Qeerrootiin
Bitootessaa 22/2017


#Maaltu_nuuf_wayyaa?

Caalaa Hayiluu Abaataa.
yaada natti fakkaatudha. biyyoota wal dhagahuufi wal dhaggeeffachuun akkasumas waliif gatii kennuun jiru keessatti yaanni nama hundaa guutumaa guututti fudhatama qabaachuu baatullee hin tuffatamu kan keessaa fudhatan hin dhabamuutii gabaabseen waa jedhamee.

  1. Oromoon biyya keessaa maal gochuu qaba?

Oromoon biyya alaa(as keessatti kan maqaa Oromoo dhahatee jireenya faranjii jiraatuu jechuu kiyyaa miti karaa kamiinuu haa tahuu Oromoof ni taha jedhee isa carraaqaa jiru jechuu kiyya malee) maal gochuu qabaa?

  1. Oromoon biyya keessaa yeroon kuni isaaf yeroo fardiiti, yeroo kana waa hin murteessu taanan, hin godhu taanan balaan sihi dhufuuf jiru kan kaleessaa fi hardhaa caala malee laafaa tahuuf hin jiru. kana sirriitti jala harraqnee walitti himuun gaariidha.kanaafuu, dhaabbileen amantaa, siyaasaa, afooshalee fi kanneen biroo hunduu afaan tokko dubbachuun barbaachisaa dha.
    AFAAN TOKKO jechuun afaan Oromoo jechuu kiyyaa miti, balaan ollaa kiyyarra gahe boru anarra gahuun isaa beekamaadha ykn gahuu dhabuu isaatif wabii tokkollee hin qabnu. kanaafuu rakkinoota nutti deemaa jiran jalaa bahuuf tokkummaadhaan diduun baayyee barbaachisaadha.
  2. Har’aan tana qaroo fi qareeyyiin Oromoo biyya keessa jiran irra caalatti kaan manneen hidhaa jiru kaan immoo wareegamaniiru kaanimmoo as buuteniyyuu hin beekamne.Kaanimmoo sa’aatiin ani waan tana kopmitara kiyya kanarrti katabaa jirutti lubbuu baafachuun miila too nabaasi jedhanii karaafi kallattii hin beekne keessa daakkaraa jiru. hireen isaanii waan beekkamuu miti. kanaafuu bakkayyuu balaa nurra jiru kana dhaamsuuf gurmuun socho’uutu fala.
  3. jireenya kiyyatu boora’a,isan jiraachaa jiru kanaa gadin taha jechuun kannee utuu obbolaan keessan ,haadhooliin keessaniifi abbootin akkasumas firrii fi lammiiwwaan keessan diinan balaan irra gahu kanneen calliftan hireen keessan kanaan addaa miti,tarii guyyaa eeggattu taha. Oromoon kan miidhamaa jiruuf badii dalagee utuu hin taanee oromummaa isaatif, gaafasimmoo ati OPDO’s tahi gaafa Oromummaa keetif aaduu jalqabe hireedhuma sabni keenya itti jiru kanatu si eeggata. kanaaf hincallisinitii falmi,didi.
  4. Hojjataan akka hojjataatti, barsiisaan akka barsiisaatti, barataan akka barataatti, qonnaan bulaan akka qonnaan bulaatti, horsiise bulaan akka horsiise bulaatti waliin dhaabbachuu qaba. Torbee darbe yeroo obbolaan keenyaa Kibbaa fi baha keessatti ajjeefamaa jiran Oromoon kallattii biraa maaf callisaa? callisuu hin qabu jedhee katabeen ture. dubbiin kuni turus,bulus isa kaanirraa sababiin hin geenyef tokkollee waan hin jirreef dafaatii waliif daqqabaa, waliif birmadhaa, gurmuu waliif tahaa.
  5. Yaa warra Qawwee diinaa baattanii diinaf ergamaa, gadi qabmaa, tuffatamaa fi ija shakkiitiin eeggamaa jiraattan kaneen milishaa Oromiyaa, poolisii Oromiyaa fi human dafee dhaqqabaa Ooromiyaa ( yoo jiraatef), yaa warra poolisii federaalaa keessa jiraattan, yaa warra raayyaa wayyaanee keessatti akka garbichaa ergamaa jiraattan hireen keesssanis hireedhuma saba keessanii isin itti ergamuudhaan ajjeesaafi ajjeesichaa jirtaniit waan taheef mee murteessaati saba keessan cinaa dhaabbachuun gaheera jedhaa.Seenaa duubatti deebi’aatii ilaalaa, kan akka #GENERAAL #TAADDASAA_BIRRUU, #DHIBBAALAA_MAAMMOO _MAZAMIR, GENERAAL #DAAWIT_ABDII, KOLONEEL #ALAMUU_QIXXEESSAA fi kanneen biroo yaadadhaa, Bara isaanii keessatti jireenyaa taadhii fi qananii guddoo jiraachaa turan.qananiin saba waliin hin taane qileetti haa badu jedhaniit saba isaanii filatan. saba isaanitiifis hanga affurrii isaanii isheen dhumaa cittutti qabsoo keessatti kufanii dhalootan yaadataman. Baruma asaanaa kanllee taanan kanneen akka #GENERAAL_KAMAAL_GALCHUU fi GENERAAL #HAYILUU_GONFAA faas laalaa mee, jireenya qananii sirna wayyaanee keessatti qaban darbataniit saba isaanii filachuun waan humna isaanii gochaa jiru.Kana qofaa miti. baruma darbe kanallee gootichi Oromoo kan umriinillee hedduu keessanrra ijoollee fi humna gahaallee hin qabne,kan garuu onnee oromummaa qabu,kan dhiitamuufi ajjeefamuun saba isaa isa gubu,gootichi Qeerrroon Oromoo kan poolisii tahe #MUSXAFAA_HAAJINn diinasaa walirra naqeet gumaa sabaa kaffalee #AJEERRATTI seenaa dhaloonni itiin boonu hojjatee darbe. Kanaafuu atis tokkoon tokkoo kee garaa kee jettee osoo gubattuu diinni sitti hin doorsisiniitii hidhannoo diinatti garagalchiitii saba keef gaachana tahi.
  6. Walumaa galatti egere akka sabaattii jiraachuuf, dhuguma biyya sana keessatti hiree ijoollee keessaniis gaarii tolchuuf taanan diduu qofatu fala. sanaan ala Oromoo koo lafarraa duguugamuuf jirtaatii hidhadhuu kahi.
  1. Oromoon biyya alaa hoo maal gochuu qabaa?
    isan guyyaa Oromoon waan gaaritti jira jedherraan kaasee boru itti fufa. kutaa lammaaffaa keessatti. hardhaaf nagaa keessa turaa!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: