Qophiin ‘DIINQA OROMOO’’ Hayyuu Oromoofi Qorataa Siyaasaa Dargaggoo Moonenus Hundarraa Galataa wajjin turtii goone kutaa 2ffaa kana nufaana tura!!

DIINQA OROMOO: BADHAADHAA DHAQQABAA WAARIYOO-Hayyuu Dhaloota Qubee-Keessummaa qophii, Kutaa 13ffaa

DIINQA OROMOO: Kutaa 13ffaa: BADHAADHAA DHAQQABAA WAARIYOO-Hayyuu Dhaloota Qubee-Keessummaa qophii – Beekan Guluma Erena

Maqaansaa Badhaadhaa Dhaqqabaa Waariyoo jedhama. Biyya Oromiyaa godina Arsii Lixaa Shaashamannee Ganda Kuyaaraa jedhamtuuttii dhalatee guddate. Dargaggoo ogummaa lama gonfatedha; Ogummaa herregaa/Mathematics fi Seeraa/Law ti. Barumsa Herregaa barsiisuun dhaloota qubee nama qaraa turedha. Manneen barnootaa naannoo Finfinnee marsanii jiran hedduu barsiiseera. Erga barnoota seeraa Yunivarsiitii Finfinnee seenuun abratee boodammoo ogummaa seeraa gadi fageenyaan leenji’eera. Abbaa murtii Godina Baalee ta’eemagaalaa Roobee keessa hojjetaa tureera.

Sadaasa 3 bara 2015 gara Awuropaa biyyaa switzerland magaala Geneva lenjiif dhufee sirnnicha nama nyaataa sana baqatee as cehee jira. Yeroo ammaa kana biyyuma Switzerland hirkattummaa siyasaan gaafatee jira. Akksumasii carraa barnnoota (Scholarship ) biyya Awurooppaa argatee barnootasaa Masters of International commercial law and dispute resolution jedhuun bara kana xumurataa jira. Wolumaagalatti Abbaa murtii nannoo Oromiyaa duraan fi Barataa LLM International commercial law and dispute resolution dhaan qaroo waaqni dhangi’edha jechuun nidanda’ama.

Muuxannoowwn keessa darbe hundaa…haala jiruu biyya keessaa…waan OPDO n itti jirtuufi iccita golasheeti hundarratti mariyanneerra. Waa’ee Oromoo diyaaspooraas gadi fageenyaan ilaalleerra. Walgahiiwwan biyya alaa kana keessa adeemanirrattis iccitaafi duubeesaa mara ija ogummaan ilaalleerra.

Abbootiimurtii Oromiyaafi federaalaa maal gochuu akka qaban ibsa kenneera. Icciti aangoosaaniis maal akka ta’e addeessee jira. Qeerroofi Qarreen biyya keessaa maalitti akka jiraniifi maal gochuu akka qabanillee xiinxalameera. Dinagdeen Oromiyaa eessa akka jirus soqneerra. Dinagdeemoo Bilisummaa kan jedhus gadi fageenyaan ilaalleerra.

DIINQA OROMOO: Qophii Diinqa Oromootiin dhugaan dabe niqajeela; seenaan haqaan qoratama; dhugaan abbaa dhugaatii nideebi’a; hayyoonni Oromoo beekumsa diinqa sammuusaanii keessaa sabasaaniitiif qoodu; waan badaan niqeeqama; waan qajeelaan nijajjabeeffama; dhaloonni haaraan irraa barata; dabaan ittiin qajeelfama. Hayyoonni Oromoo aadaa, seenaa, afaan, falaasama, qorqalbii, dinagdee, takinooloojii, qonnaafi kkf leenjii gaggaarii qabaniifi saba isaaniitiif beekumsa qaban qooduu barbaadan teessoo keenyaa Email: beekanguluma@gmail.com nuquunnama. Dabalataanis marsariitii keenya: http://www.beekanguluma.org jedhamu keessaa seenuun email’ keessan subscribe’ gochuun dhaamsa barumsaa karaa keen nuhorteessoo isaanii akka nubeeksisan kabajaan gaafanna.

Qopheessaan: Beekan Gulummaa Irranaa
Keessummaan: Badhaadhaa Dhaqqabaa Waariyoo
Ogeessa Takinkaa: Nuuree Sabaa
Bara: Adoolessa, 2017

-ISINTUU NAMARAACHE
””””””””””””””””””””””””””’

Iccitiikoo baastee
Alagaatti laattee
Alagaa Filattee
Foon Harmeekee nyaattee
Ilmaan Aayyaa hunda
Shiraan Galafattee
Galtee Lammii gante
Duwwaa na hambistee
Ana maraachite
———-
Iccitii lammiikee
Baastee dhangalaastee
Dhugaa lammii keetii
Qottee kan Awwaalte
Dukkana uwwistee
Lammii maraachistee
Ofiis Raatessite
********
Anoo hin maraane
Hinjedhiin maraatuu
Atuu jirta Raatuun
Kan Lammii qalatee
Dhiiga lammii Xuuxu
********
Atuu jirta Gantuu
Kan lammii qalsiise
Foon lammiisaa nyaatu
Dhiiga lammii keetii
Dhugaa kan jiraatu
———
Joora jiraachuun koo
Moofaa Uuffachuun koo
Maraatu fakkadhus
Sirridha sammuun koo
Atuu jirta BOORKON
Kan jiraatu QOONQOOF
*********
Kanaafan siin jedhe
Miti Ani maraatu
Gantuun lammii gante
Lammiitti hindeebitu
Lammii maraachitee
Atoo taate Raatuu

Yaa shumbur qotiyyoo
way booqqisaa loonii
kan dhuftikee hin oolle
Na boossisaa hin ooliin!

Warri keenya qotanii
Garbuufi qamadii galchu
Garaakootu na cite
Yartuufi dabeessa dhalchuu!

Loon keenya dhibba ta’u
Malkaa guddaatti yaafna
Dhadhaa gabaatti gannee
Dhamashee raafnee nyaanna!

Warri qotiyyoo qabu
Xaafii dilbii galfatuu
Kan akka kee goota kana
Lama qofaa dhalfatuu

Warri ameessa hin elmanne
Nyaata itittuu dharra’u
Hawwinee boo’aa hin hafnu
Rabbumti achiin nu haaga’u!

Amma gamootti galle
Dur manni Keenya gaara
Maaltaate naan jetturee?
Dhiira garaan ni aara!

Isayyuu ijaarradheenii?
Kumaanan kireeffadha
Akkasiinillee hin haftu
Gaaf tokko nan deeffadha!

Manni isaanii shagarri
Gajjallaa gooda jamoo
Akkasittiin hin hafu
Amma ijaarranna gamoo!

A habit is a routine way of thinking, feeling, or behaving, which tends to occur unconsciously.

For instance, no Oromo intentionally undermines his/her Oromo identity. However, because of the habits we developed over time, we commit common errors on the following words.

Habitually adopted words/attitude Correct words
====================== =============

1.Shawaa– Shaggar/Walttajjii Oromia
2.Addis Ababa- Finfinnee
3. Yee Oromo Zeegoch- Lammilee Oromiyaa (Yee Oromiyaa Zeegoch)
4. Lammii Oromoo- Lammiilee Oromiyaa
5. Aruusii –Arsii
6. Lixa, Kaabaa, Kibba Wallagga etc- Use original place names, Najjoo, Gimbiietc
7. Laqamt -Naqamtee
8. Bushooftuu- Bishooftuu
9. Debre-Zeyit-Bishooftuu
10.Lixa Harargee, Baha harargee Baha Oromia..- Galamsoo, Ciroo
11. Ijoollee Shawaa… Wallgaaa- Ijoollee Oromiyaa
12. Makaanisaa- Bakkaniisa
13. Lagahaar Laga –Harree
14. Piyaassaa-Birbirssaa
15. Maallaqa-Qarshii, Horoo, Horii
16. Warra Wallaggaa/warra Shawaa– Use the involved persons name
17. Laaqana/Laancha– Oltee
18. Ciree/Breakfast –Bultee
19. Dinar/Iraataa –Irbaata
20. Gabra-Gurraacha-Garba Gurraacha
21. Mootummaa Itoophiyaa- Bulchiinsa Tigiree
22. Skuula/school- Mana barumsaa
23. Class – Kutaa
24. Girgiddaa-Gorroo
25. Xaariyaa –Baaxii
26. Dalagaa Jiruu-Hojjaa
27. Amataa Waggaa/-Gannaa
28. Copying/ the Habasha journalist accent- Use local Oromo dialect instead
29. Dressing like the European as civilization- It is ok to dress like an Oromo
30. Preaching rumors- Learn the truth before gossiping
31. Insincerity, shiftiness, arrogance -Have clear stand
32. Acting knowledgeable -Don’t lie about yourself