Caamsaa 2,2017/ Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti Qabeenya Wayyaanee Qeerroon Barbadeesse Ijaaruuf Maallaqa Fiddan malee jettee OPDOn Ummata dararaa jiraachuu fi mataa mataan Abbaan warraa tokko Qarshii kuma Lama (2000) kaffaluu qaba jettee Dirqamaan Ummata Saamaa jiraachuu Qeerroon Aanaa Dodolaa Gabaasee jira
Aside
Godina Addaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Bushooftuutti Barattoota doorsisaa jiru. Bulchiinsa Magaalaa Bushooftuu Manneen Barnootaa Gandoota hunda keessatti wayyaaneen barattoota hojii baruuf barsiisuu dhaabsisiiftee doorsisaa jiraachuun dhagayameera.Wayyaaneen barattoonni Fincila kaasu jettee sodaa guddaa keessa waan jirtuuf barattoonni kamuu akka hiriira kamirrattuu hin hirmaanne jettee barattootatti roorrisaa jiraachuu Qeerron naannawa Bushooftuu gabaasee jira
Faayidaa Addaa Naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu laalchisee labsii Wayyaanee
Aside
Ebla 30, 2017

Finfinnee (Google)
Dhiyoo kana faayidaa addaa naannoon Oromiyaa Finfinneerraa qabu ilaalchisee mootummaan Wayyaanee labsii mata dureen isaa “የኦሮሚያክልል በፊንፊኔ/አዲስ አበባ ላይያለውን ሕገ–መንግስታዊ ልዩጥቅም ለመወሰን የወጣ አዋጅ” jedhu baasuun ni yaadatama. Dhimma kana wajjin walqabsiisee, wixineen “የኦሮሚያ ክልል በፊንፊኔ/አዲስአበባ ላይ ያለውን ሕገ–መንግስታዊ ልዩ ጥቅምንአስመልክቶ የተዘጋጀ የጥናትሰነድ” jedhu tokkos dhiyaatee jira. Labsii gara fuula 14 qabu kana dubbisee hanaga naaf galetti hubadhee jira. Duraan dursee, wanni nama gammachiisu Qabsoon Bilisummaa Oromoo (QBO) fi sochiin uummata Oromoo hangam Wayyaanee irratti dhiibbaa akka godhe fi jilbiifachiisaas akka jiruu dha. Kun ammoo wareegama Sabboontotni Oromoo kaffalanii fi kaffalaas jiraniin waan argameef galannii gootota keenyaa daangaa hin qabu. Asitti aansee wantan wixinee labsii kanarraa hubadhee keessaa qabxiilee tokko tokko kaaseen yaada koo dhiyeessuu yaala.
Wixinee qorannoo sana keessatti akkana jedhamee lafa kaayame:
የጥናት ሰነዱ ዓላማ Continue reading
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Aside
Dhimmoota Haala Yerootiin Walqabachuun Marsaa Midiyaalee Hawaasaa Irratti Olola Afaanfaajjii Uumaniifi Ejjannoo Gara Fuulduraatti Ummatni Oromoo Fudhachuu Qabu Ilaalchisuun Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname.
Haala Qabsoon Bilisummaa Oromoo, akeeknifi tarsiimoon Sochii Warraaqsa Biyyooleessaa Oromiyaa Fincilli Xumura Gabrummaa (FXG) ittijiruufi faallaa sochii kanaa olola afaanfaajjii diinni miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun tokkummaa ummata Oromoofi Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuuf tattaaffii taasisaa jiu hubachuun, akeekaafi shirri diinaa kun akka fashalaa’uuf Qeerroon Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo hundaaf ibsa kanaa gadii dabarsee jira. Continue reading
ONN: “Bekkomsi guddaan of beekuudha” – by Dr. Dibaabaa
Aside
SBO: Ebla 30 bara 2017. Oduu, Ibsa Ejjennoo Miseensota ABO Kutaa Kanaadaa fi Gaaffii fi deebii Jaal Geessisaa Kuusaa waliin taasifame -Kutaa 2ffaa.
Aside
ONN
Aside
Dabballoonni Wayyaanee TPLF(OPDO)n Amma Illee Ummata Oromoo Goyyomsaa Jiru.
Aside
Ebila 21/8/2009 ALHtti Godina Addaa Naannawa Finfinnee Magaalaa Duukamitti Wayyaaneen Gaaffii Ummataa deebifna jettee wal gahii gaggeessaa oolte.

Itti Aanaa Gaafatamaan Misooma Magaalaa Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ummata Oromoo lafuma isaa isaa kennuuf Barsiiftota,Qotee Bultoota fi Hojjattoota Mootummaa walitti qabee lafa isiniif qopheessinee jirra.Gaafii ummanni Oromoo gaafataa jiruuf deebii kan kennuu danda’u dhaabni tokkichi Dh D U O qofa kanaafuu karaa hundaan dhaaba keenya cinaa hiriirtanii misooma qofarratti akka bobbaatan jechaa ooluu Qeerron Naannawa Duukam gabaasee jira.
Gama biraan Continue reading
Aside
Godina Arsii goleedhan hundatti wal gayiin Wayyaaneen gaggeessitu akkuma itti fufetti jira.Ebila 20/8/2009 ALH irraa eegalee Magalaa Dodolaa Keessat
ti konkolaachiftootaa fi A
bbootii Qabeenyaa Mootummaan Abbaa Irree wal gahii diqamaan teessisaa jira.Magaalatti keessatti imaltoonni rakkina guddaa keessa jiru.sababaa wal gahii wayyaaneen gaggeessaa jirtuu irraa kan ka’e Dararaa adda addaa dhandhamaa jiru.baasii hin taaneef saaxilamaa jiru.Imaltoonni.guyyaa kaleessaa irraa eegalee hanga ganama kanaatti wal gahichi ittuma jira
