Caamsaa 3,2017/ Mootummaan sirna nama nyaataa Abbaa irree Wayyaanee godina Wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessatti kaabinoota isaaf amanamoo ta’an walitti qabuudhaan uummata amansiisuu qabdan jechuudhaan uummata magaalaa Naqamtee irratti hololaa fi afaanffajjiidhaan lafa cabsaa akka jiru ibsame.
Haaluma kanaan hundeen garboomffattuu ilmaan Tigiraayiin bu’uureffamte sirni Wayyaanee torban kana keessa guyyaa gaafa Caamsaa 04/2017 irraa eegalee hanga Caamsaa 05 /2017 tti sirni wayyaanee Godina Wallagga magaalaa Naqamtee galma guddicha kan magaalichaa keessatti kaabinoota isaaf bitamuun uummata gidirsaa turan walitti gurmeessuun uummata walitti qabdanii amansiisuu akka qabdan jechuun koonfireensii teessisaa akka jirutu eerame. Continue reading
Finfinne by Maaramee (R.I.P)
Aside
Wayyaaneen TPLF Ummata Oromoo waan haloo bayaa jirtu fakkaata.
Aside
Caamsaa 3,2017/Wayyaaneen Ummata Oromoo waan haloo bayaa jirtu fakkaata. a 3,2017/Waan hundaan Ummanni Oromoo Oromiyaa keessatti Karaa Adda addaatiin dararamaa jira.Ifaadhaan,Tajaajila Geejjibaatin, Walumaa galatti Tajaajilli hawaasaa waan haloo bayuudhaaf raawwatamaa jiru fakkaata.Bifuma kanaan Godina Arsii Magaalaa Siree keessatti Ummanni Bishaan dhugaatii dhabuun haroo fi Laga loon wajjiin dhugaa jira,Bishaan Boombaa Torbaanitti guyyaa tokko dhufa.guyyaa inni dhufes Ummanni ganama bariisaa bahee hiriira dhaabbataa oolee galgala gala. Continue reading
Godina Baalee Magaalaa Goobbaa keessatti waraanni Wayyaanee Ummata Saamaa jira.
Aside
Caamsaa 3,2017/Godina Baalee Magaalaa Goobbaa keessatti waraanni Wayyaanee Ummata Saamaa jira. Magaalaa Goobbaa keessa galgala nama saa’atii 4:00 booda daandirratti argame waraanni Wayyaanee daandirraa qabee gara kaampii isaanii geessuun reebicha irratti raawwachuu fi saamuun cimee itti fufeera.Ummanni Magalattii yeroo ammaa dheekkamsa guddaa keessa jiraachuu Qeerroon Goobbaa gabaasee jira
SBO Caamsaa 03,2017. Oduu, Barruu haala yeroo irratti hundaa’ee fi Gaaffii fi deebii Qabsa’aa Geessisaa Kuusaa waliin godhame kutaa 3ffaa akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Caamsaa 3,2017
Aside
Gatiin Xaawoo Dabalamuu Qonnaan Bultooti Godina Wallaggaa Himatu. Mootummaan Ammoo Gadi Buuseen Jiraa Jedha.
Aside
Caamsaa 3,2017/ Qote Bultootni Godina Wallaggaa “Gatiin Xaa’oo Gadi Bu’ee Jira” Jechuun Holola Malee Hanga Ammaa Waan Nu Gahe HinJiru Jedhan Durumaa Harcaatuwwaan diinaa gartuun murna bicuu wayyaanee OPDOn barootaaf qabsoon uummataa yoo hudhee morma qabu hololaan uummata burjaajessuuf yaalaa turuunshee beekamaadha.Tibba darbe kana keessa “hoji dhabdootaaf hojii uumna” jechuun maallaqaa ijaan hin argamnen laagaa tatarsaa’a turte.Hanga ammaa uummanni keenya keessattuu barattoon sadarkaa barnootaa garaagaraan eebbifamanii jiran hojii Continue reading
Aside
Godina Arsii Lixaa Aanaa Kokosaatti Dargaggoota walitti qabanii maallaqa hanga feetan isiniif kenninaa gocha badiirraa gara misoomaa dacha’aa jettee kaabinoonni Aanichaa kadhataa jiru,Dargaggoonni Qeerroon Bilisummaas nu rakkoon keenna maallaqa horachuu osoo hin taane gabrummaa TPLF jalaa bahuudha.mirga ufii karaa nagayaatiin gafachuun akkamitti gocha badii ta’e jechuun gaafilee ciccimoo gaafataniiru.kaabinoonni wayyaanees gaaffii keessan qaama dhimmi ilaallatu biraan isinii geenna jechuun deeman Jedha gabaasni Qeerroo Aanichaa irraa nu gahe Continue reading
ተይ አንቺ ውሻ!
Aside
(ዮሴፍ ሙሉጌታ ባባ, PH.D.)
ጭብጥን በጭብጥ መመከት የማይፈልጉ አንድ አንድ ሰዎች፣ ብዕርን እንደ ጦር ይፈራሉ። በእርግጥ ሰውዬው እንዳለ ‹‹ብዕር የወጋዉን ቁስለኛ ዶክተር አያድነዉም!›› ከማንኛውም የጦር መሣሪያ በላይ እሳት የሚተፋ ብዕር የሚፈራ ለዝህ ይመስለኛል። በሀገራችን ኢትዮጵያ ‹‹ፍደል ቆጠርኩ›› የሚል ጥሩንባ ነፊ፣ ለተነሳው ሐሳብ/‹‹ክርክር›› ምክንያት ማቅረብ ስያቅተው፣ ተቃራኒውን/ሌላውን ወገን ለማሸማቀቅ፣ የስድብ ውርጅብኝ ማጦዝ ይጀምራል። እንድህ ዓይነቱ ሕፀፅ ‹‹አህያውን ፈርቶ ዳውላውን›› (Argumentum ad Hominem) ይባላል!! በሥነ-አመክንዮ፣ ሐሳብን በሐሳብ መመከት ማለት፣ ‹‹አንድ በቂ ምክንያት ከሃምሳ ሰበቦች የተሻለ ነዉ!›› የሚለውን አባባል በትክክል መረዳት ማለት ነው። Continue reading Godina Arsii Aanaa Sireetti Dubartoonni fi Daa’imman Ji’a Ji’aan Qarshii Akka Qusatan Dirqisiifamaa Jiru.
Aside
Caamsaa 2,2017/ Godina Arsii Aanaa Sireetti dubartoonni fi Daa’imman ji’a ji’aan Qarshii 10 irraa eegaluun akka maallaqa qusattan jettee dirqamsiisaa jirti.Aanaa Siree Gandoota hunda keessatti daa’imman ammarraa eegalanii maallaqa qusachuun gaafa barnoota xummuran akka hin rakkanneef haadholiin daa’immanii fi daa’imman akka dirqamaan maallaqa kuusatan taasisaa jirti
Kana malees Godina Arsii Aanaa Siree Magaalaa Siree keessatti Wayyaaneen Ummata Baadiyyaa hanga Magaalaatti Haaromsa gadi fageenyaa jett
ee Walitti qabuudhaan Ujoollee teessan keessattuu dargaggoota warri qabdan ganda gandaan Maqaa Ujoollee teessanii galmeessitanii akka waajjiroota Bulchiinsa gandaa keessa keessiftan.Warri Ujoolleen teessan Nuti Qeerroodha Jedhanii Kaayyoo ABO galmaan gayuuf tattaafatan Maqaa isaanii addatti Milishoota Gandaatif kennitanii Qaama mootummaatiin leenjiin akka kennamuuf taasifna jettee maatii Qeerroo doorsisaa jiraachuu Maddeen Oduu Qeerroo naannawa siree gabaasanii jiru. Continue reading
