
Adoolessi 13-Guyyaa Fiinifnnee ti!
Ummatni Oromoo guyyaa gabrummaa jalatti kufe irraa kaasee bilisummaa fi walabummaa isaa deebifachuu wareegama baasaa as gahe. Ammas wareegama qaqqaalii baasaa jira. Boris, ifitaanis haga bilisummaan Oromoo mirkanaawuutti wareegama baasuun waan dhaabbatu hin ta´u.
Sabboontotni Oromoo hedduu golee Oromiyaa mara keessatti falmaa mirga abbaa biyyummaa isaani deebifachuuf diddaa godhaniin wareegama qaqqaalii baasanii jiru. Seenaan bara baraan isaan yaadatti, warri diddaa abbaa biyyummaa Oromoo irratti wareegaman bara baraan yaadatamaa jiraatu.
Bara 2001 keessa Gootooti barattooti Oromoo murtii dabaa wayyaaneen dhimma Finfinnee irratti dabarsite fi lukkeen hojiitti hiikuuf tattaafatte mormuun gaaffii kaasan, maanguddoon Oromoo kan Waldaa Maccaa fi Tulamaas hiriira nagaa bahaniif deebbiin isaaniif kenname reebicha, gidiraa, hidhaa fi ajjeechaa ture, Gaaffii kana waliin wal qabatee goototi barattoota Oromoo hedduu wareega qaalii lubbuu itti baasanii jiru, isaan keessaa warra dhimma kanaaf mana hidhaatti gidirfamaa fi rasaasaan rukutamanii ajjeefaman kumaatamaan lakkaawamu! Continue reading
Adoolessa 9,2017/Godina Arsii Aanaa Wandootti OPDOn Ergamtoota isii badhaasa isin badhaafna jettee ummata goyyomistu illee gootonni sabboontoti Oromoo hedduun isin harkaa hin fudhatnu jedhanii didan. Akkuma beekkamu Miseensotaaf hojjattoota isii dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti Ummanni Oromoo erga jibba wayyaaneef qabu karaa gara garaatiin agarsiisuu eegalee waggoonni hedduun lakkaawamanii jiru.Kanumaan wal qabatee OPDOn Museensotaaf hojjattoota isii kanneen moodeelii ta’an jechuun jibbaa Ummatni Isiif qabu keessattuu hojjattoonni isii keessaa balkeessuuf jettee geebafii sartifikeeta badhaasaa jiraachuu maddeen keenya wandoo gannat Irraa gabaasanii jiru.
Adoolessa 8,2017/ Yuunversiitii Wallaggaa keessaa baratoonni bara kana eebbifaman cuunffaan qabxii barnoota saanii mootummaa Wayyaaneedhaan akka yeroon hin laatamneef shirri baratoota moorichaa irratti dalagamaa jiraachuu qeerroon gabaase.
Adoolessa 8,2017/ Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaatti Dhimma finfinnee irratti Labsii bahe hin simannu jedhan. Guyyaa Sanbata har’aa Wayyaanen Mormiin waa’ee funfinneetin ka’uutu mala jettee waan shakkiteef Ummata wal gahii yaaftee haala nageenya naannoo keessanii cimsadhaa eeggadhas. Dhimmi finfinnee dhimma gadi bu’ee ummanni irratti mari’atu malee kan xummuramee miti jechuun ergamtoonni wayyaanee Ummatatti
Biyya lafaa kana irratti mootummaan gabroomsaan afaan Qawwetiin aangotti ol bahe kamuu sirna bulchiinsa ummataa (Democracy) haqaa gaggeessuun biyya bulchu keessatti fedhii fi dantaa ummataa tiksee hin beeku; tiksiisuus hin danda’u. Impaayera Itiyoophiyaa keessattis mootummoota gita bittoota habashaa dhufoo lufoo irraa ummattoota biyyattis ta’ee Ummanni Oromoo “ Tiisisa irraa Damma hin eegan’’akkuma jedhamu mirgaa uumaan qabu sarbamuu, Qe’ee fi qabeenya isaa samamee biyyarraa baqachiifamuu, gaaffii tokkoon ala jumlaan qabamee hidhamuu fi itti qiyyaafatamee adda keessa rukutamuun ajjeefamuu irraa kan hafe kabaja mirga uumamaas ta’ee faaydaan argate tokkolee hin turre; si achiis hin jiraatu.