SBO: Onkoloolessa 27 bara 2017. Oduu, Gaaffii fi Deebii Jaal Tasfaa Kumalaa waliin taasifame -Kutaa jalqabaa fi Qophii Haala Warraaqsa Bilisummaa Oromoo Finiinaa jiruu irratti Fuuleffate.

Aside

ONN-Gabaasa Amboo Guyyaa Har’aa

Aside

(Amboo, 26 Onkoloolessa 2017) Oromiyaa giddugalaa, magaalaa Amboo keessatti falmaa kaleessaa eegalee Qeerroo fi Agaazii gidduutti taasifamaa jiru keessatti Qeerroon tokko har’a wareegame.
MAddi Oduu ONN Amboo keessaa akka ibsetti, yeroo ammaa falmaan guddaa gaggeeffamaa jira.
Falmaa kana keessattis Qeerroon Oromoo, Ashabbir jedhamu, dhukaaa waraana Agaaziin wareegamee jira. Namooti biroon madaa’anis jiran.
Haala kana ilaalchisee Gabaasaan keenya gaaffii fi deebii gabaabaa Qeerroo Amboo waliin godhee jira.

Gootota Qeerroo Amboo

Aside

Image may contain: 1 person, shoes, outdoor and food

Waamicha Barattoota Oromoo Maraaf

Aside

Waamicha Barattoota Oromoo Maraaf “Qaamni Waliif Hindhiigne Qeensaa Xurii baatu Qofa” Qeerroo Bilisummaa Mooraa Jimmaa Yuunibarsiitii Baratan Irraa Onkolo. 25,2017 Nuti barattoonni Oromoo, rakkoof miidhaa hawwaasa keenya irra gahu irra qolannee rakkoo uummata Oromoo mara baadhachuuf muratoodha. Saamicha biyya keenya Oromiyaatti karaa mootummaa Wayyaanee raawwatamu kamuu dura dhaabbachuun falma mirgaa gadjabeessinee itti fufuuf ayyama eenyuu kan hingaafanne yoo ta’u, qaama rakkoo uummata dursee argu akka taane waliif ibsaa rakkoowwan uummata irra gahaa jiran baraaruu qabna. Sirna federaalizimii jalatti utuu buluu hinjalqabin irraa qabee, hanga ammaatti itti miidhamaas jira. Yakkoota mootummaa TPLF ykn Wayyaanee kana teenyee ilaaluuf obsa kan hinqabne ta’uu keenya yoo mirkaneessinu, wall qabnee waliif dirmannee mootummaa garboonfataa biyyaa baasuuf sochii jalqabne haa jabeessinu Jenna. Mootummaan sirna bulchiinsa Federaalizimii jala gugachuun nu nyaataa ture ammas itti fufee kan nu nyaataa jiru yoo ta’uu, uummata keenya ardaaf qabeenyaasaa irraa addaan baasee aadaa Continue reading

ONN;Oduu Olmaa Oromiyaa Onk 25/2017

Aside

ONN Gaaffii fi deebii Hogganoota ABO Obbo Odaa Xasee fi Dr Shugux Galataa waliin haala yeroo irratti taasise 

Continue reading

ABOn nu bulchuu qabaa jedhu Qeerroon Jimmaa

Aside

Continue reading

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Onkoloolessa 24,2017

Aside

Jaarmiyaan Deggersa Qeerroo Idil-Adduunyaa Ummata Oromoo Biyya Alaa Jiraataniif Waamicha Taasise.

Aside

Jaarmiyaa “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” irraa

Jaarmiyaan “Deeggarsa Qeerroo Idil-Addunyaa” siyaasaa fi bu’aa irraa walaba ta’ee magaalaa guddoo biyya Amerikaa kan taate “Washington DC” keessatti seeraan hundaa’uun isaa ni yaadatama. Hundeen ijoo hundeefamuu jaarmayaa kanaa sochii Qeerroon Bilisummaa karaa nagaa taasisaa jiru hawaasni Oromoo tumsa barbaachisu akka taasisu qindeessuu fi deeggarsa kennuu dha.

Sochii Qeerroon Bilisummaa hanga yoonaa taasiseen injifannoowwan gurguddoon argamaniiru. Sochiin yeroo ammaa Onkoloolessa 11, 2017 irraa eegalee fininaa jirus itti fufinsa sochiin qeerroon bilisummaa taasisaa ture dha. Qabsoon gaggeefamaa jirus hanga bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaatti akka ta’e yerooti gara yerootti abbaan sochii kanaa Qeerroo Bilisummaan beeksisaa turaniiru. Sochiin kun galma isaa akka ga’uu fi ummata keenya sochii kana keessatti miidhaman gargaaruun yomiyyuu caalaa barbaachisaa dha. Continue reading

Qabeenyi Oromoo Saamamaa Jiru Qeerroo Amboon Qabame.

Aside

Onk…24/2017 Saammichi Sukkaarrafi Bunaa Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee gaggeessa jiru magaalaa Amboo Keessatti gargaarsa Gootota Qeerroo Dargaggoota Oromoofi Poolisoota Oromiyaa akkasumas gootota ummata Oromoo Ambootiin too’annoo jala oolee jira.

ONN:Oduu Oromia News Network Onk 24/2017

Aside