[SQ, bitootessa 26,2018] Barsiisaa Qanaasaa Barnoota hawwaasaa Mana lbarumsaa sadarkaa 1ffaa sibuu Sireetti barsiisaa turan. Hayyuu qaroon hawwaasaa kun, Badii tokko malee bara 2008 magaalaa Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu siree jalatti argamtu keessaa butamanii ukkaanfamuun waggoottan hanga kana reebichaaf dararaa Maakalaawwitti irra gahaa tureen Miillisaanii bitaan laanshaahuun dararaa hadhooftuu sa’atii kana mana hidhaa Qilinxoo keessatti argaa jiru.
Reebicha maakalaawwiin kan laanshaahuun miilaa mudateen, baatamanii mana fincaanii dhaqaa kan jitaniif haallisaanii ammaammoo yaalaas dhabuun gara lubbuun darbuu laata jedhamutti yaaddessaa dhufeera. Continue reading
