Godina Gujii Keessatti Ummata Oromoo Mirgaa fi Qabeenya Isaa Falmatu Qe’ee Isaa Irratti Rasaasaan Reebuun Falmii Qabsoo Oromoo Daran Dabala Malee Duubatti Hin Deebisu.

Aside

Godina Gujii Keessatti Ummata Oromoo Mirgaa fi Qabeenya Isaa Falmatu Qe’ee Isaa Irratti Rasaasaan Reebuun Falmii Qabsoo Oromoo Daran Dabala Malee Duubatti Hin Deebisu.

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 8,2018

Finfinnee Oromiyaa

Ummanni Oromoo gaaffii mirgaa fi qabeenyaa dhimma albuuda MEDROC walqabsiisee gaafate, deebii wal rukutaa deebisaa kan jiran mornoonni Wayyaanee, Saamichi albuuda MEDROC faalama qilleensaa fi bishaaniin uummata Oromoo naannoo san jiraatanii fi beeleda qabeenya ummataa irraan gahe dhiibbaa fafa ta’uun dhibee adda addaa fi naafachuu garaagaraaf akka saaxilee jiru gartuun Wayyaanotaan bobbaafaman, jaarmiyaan waraanaa uummata nagaa hiriira bahee miidhaa isaa himatuu fi karaa nagaa mirga isaa gaafatu irratti dhukaasuun dhiiga uummataa dhangaalaa jiru. Dabalataan jaarmiyaan ololaa Wayyaanee TPLF kan ta’e OPDOn uummata afaanfajjeessuuf gaaffiin uummataa sirrii ta’uu afaaniin kan dubbatan, akkasumas  gaafficha kallattiin deebii itti kennuun ummataaf furmaata argamsiisuu irra obsaa ni qoranna jechuun yeroo bitatanii ummata nagaa irraan gaaga’ama akka ta’uu fi guyya guyyaan rakkoo dhalate irratti rakkoo biroo geessisaa jiru. Continue reading

SBO: Caamsaa 9, 2018. Oduu fi Guutummaa Qophii har’aa kan ta’e Gaaffii fi Deebii Ajajaa WBO Godina Dhihaa kan ta’an Jaal Kumsaa Dirribaa waliin Haala Sochii WBO Godina Dhihaa fi Tarkaanfii WBO Godinichaa ilaalchiisuun taasif ame.

Aside

“Baga Dhalatte Qeerroo” Artist Zawuduu Silashii

Aside

“Si yaadee, yaa WBO Kiyya!” Gootota Qeerroo magaalaa Beddellee, Caamsaa 7, 2018.

Aside

Camsaa 7/2018 “ABO WBO koo Yaaddessa dhiiraa dhuftaniree” Kabaja Buttaa Qaluu Magaalaa Baddallee

Aside

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa . Caamsaa 7/2018

Aside

New Oromo Music-Artistoota Qaqqalii Seenaa Solomoonii fi Keeyeroon Darajjee

Aside

Artist Oliyad Baqalaa hidaa Wayyaanee keessaa gadhiifamee yeroo bahetti simannaa ummataan ta’eef irratti haasaa taasise.

Aside

#OromoRevolution Caamsa 7/2018 Gujii Bahaa Shaskkisootti Sochiin Warraaqsa FXG, mormiin Saamicha Warqii Dhaabbatni Midrok godhaa jiru

Aside

“Tisiisarra damma hin eegani….” Qeerroo Matakkal, Asoosaa, Wambaraa Irraa

Aside

Dr Girmaa Amanteen dhalata naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal kan ta’an, akkuma lammiilee Oromoo naannichaa biroo barumsa isaanii sadarkaa lammaffaafi olaanaa xumuranii naannoo isaaniitti dhufuun hojii argachuuf yaalii godhanii ture. Caaseffama chaarteraa bara 1983 A.L.H irraa kaasee uummanni Oromoo naannichaa sababaa Oromummaa isaaniitiin qofa mirgoota namummaa heerri mootummaa kaa’ee caalaatti dhokamuu jalqabe. Dhalataan Oromoo barate Naannicharratti akka hojii hin arganne, Afaan isaatiin akka hin baranne, akka hin dubbannee fi dhiibbaadhuma kanarraan kan ka’e akka godaanu godhamaa ture. Yeroo kana egaa Dr Girmaan dhiibbaa ilmaan Oromoorratti ta’u kana baqachuun gara naannoo Oromiyaa Shawaa bahaa deemuun carraa Hojii argatani. Continue reading