Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassootti duula haaromsaa maqaa jedhuun ergamtooti OPDO geggeessuufi uummata magaalichaa afaan faajjessuuf jedhan falalaawe

Aside

Qeerroon Qassoo akka gabaase tti maqaa amma Oromoon aanga’eera jedhuun uummata sossobbaaf yeroo ba’anitti uummati ammallee qabsoon keenya karaarraa jira kan ilmaan Oromoo ajjeesaa ba’ee fi itti jiru akkasumas kan maqaa Warshaa waamaa kusaayee jedhuun uummata keenya saamaa jiruufi ittis jiru utuu seeratti hin dhiyaatin waanti isin wajjin haasofnu hin jiru jechuun uummati magaalichaa wal tajjicha diduufi aangawooti aanichaa kanneen farra uummataa ta’an waltajjii qopheessanirratti salphachuu odeessi Qeerroo Qassoo Gabaaseera Continue reading

Iyyamuufii Qaba!!

Aside

Iyyamuufii Qaba!!

Ilmaan Oromoo kun ammayyuu Qilinxoo jiru. Iyyamuufii qaba. Kana qofaa miti hedduu kan maqaan hin waamamne lakkoofsaan kumaan lakkaawaman ni jiru.

Kan isaan mana hidhaa ilma namaaf hin malle kana keessatti warri hafan kuniinis maqaa ABOn  Waraanaa fi Dabballummaatti shakkamaniiti. Jaallan amma illee hidhaa diinaa keessa jiran kuniin gootota qaqaalii dha, dandeettii gama hundaan kanneen qaroo fi ijoo ta’ani.

Jarreen sabboontoti kun hedduun isaanii maatiin lubbuun jiraachuu isaanii fi eessa akka isaan jiran quba hin qaban.Haalli isaanii kan garaa nama nyaatuu fi gaddisiisanidha. Huccuu if irraa jijjiirratan hin qaban.  Continue reading