Onkoloolessa 03,2013
Mootummaan Wayyaanee Uummattoota Impaayera Itoophiyaa keessaa xiyyeeffannoon ilmaan Oromoo hidha, ajjeesa, saama, qeee irraa buqqisa… shira daangaa hin qabne irraan gaha. Gochaan farrummaa mootummaa wayyaanee kun yeroodhaa gara yerootti dhihee bariiu caala malee hin hiratu. Kun sababawwan gurguddaa armaan gadii irratti xiyyeeffatamuun hojjetama.
1. Lafti Oromiyaa lafa qabeenya Uumamaan badhaate, albuudota hedduu qabdu, lafa investimentiif mijattuu… dha. Impaayera biyyattii keessatti biyya DIAMOND taate dha. Mootummaan wayyaanees bittaa umrii isaa dheereffachuuf hojiin hojjetu inni guddaan dinagdee isaa guddifachuu dha. Dinagdeen mootummaa wayyaanee guutummaan guutuutti jechuun kan dandaamu qabeenya lafa Oromiyaa irraa argamuuni dha. Lafa Oromiyaa irraa dinagdeen kamuu galii hin tahu taanaan humni wayyaanee dadhabaa tahuu irraa itti fufinsaa fi xiyyeeffannoon lafa Oromiyaa barbaadu. Kanaaf Uummata Oromoo hidhuun, ajjeesuun gaaffii abbaa biyyummaa tasa akka hin kaasne gochuuf waan hojjetaniif ilmaan Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu.
2. Uummatni Oromoo mootummaan wayyaanees tahe nafxanyummaan biyya isaa keessatti akka hin diriirreef qabsoo wal irraa hin citnee fi wareegama qaqqaalii gaafatan taasisaa as gahe. Qabsoon uummattoota biro Impaayera biyyattii keessaa akkasiin Jaarmayaan qindoomina qabuu fi muuxannoo qabu hin jiru. Kun ammoo mootummaa wayyaanee daran dhiphisa. Jaarmayaan muuxannoo qabu aangoo irraa darbuu akka dandau akkasumas haqa qabeessa tahuu irraa uummata waan hawwatuuf uummata harkaa baasuu dandaa. Paartiiwwan amaaraa hedduun wayita diddaa taasisan hin hidhu. Kunis jaarmayaan isaan qabanii fi muuxannoon isaanii dadhabaa akkasumas ajandaan isaanii ajandaa abbaa biyyummaa osoo hin taane aangoo barbaacha tahuu beeka. Uummatnis haalaan akka hin hawwatamneef haalaan waan beekuuf xiyyeeffannoo ilmaan Oromoo irratti taasisee duula gaggeessa.
3. Gaaffiiwwan mirgaa Uummata Oromoon taasifaman rakkoowwan uummata biyyattii furuu kan dandau tahuu wayyaaneen haalaan beeka. Gaaffiiwwan akkanaa hidda qabannaan uummatni lammii biroon qabsoo kana waliin akka hiriirus beeka. Gaaffiiwwan mirgaa OPDO keessatti kaan illee paartiiwwan EPRDF tahan TPLF, ANDM, SEPDM mara keessatti diigumsa waan uumaniif ABO jaarmaya Uummata Oromoo waan taheef habashootnis kana waan beekaniif osoo dhugaan jiru hin dubbatamiin mana hidhaatti ilmaan Oromoo ukkaamsa.
Egaa sababoota gurguddaan Wayyaanee irratti xiyyeeffachuun uummata Oromoo nagaa mana hidhaatti ukkaamsu hangi tokko kanneen armaan olii kana.
Category Archives: Oduu/News
Gaaffiin daballii miindaa jalqabame itti fufuun waarshaa Sukkaaraa Tandaahoo keessatti gara hojii dhaabuutti cehe.
Aside
Onkoloolessa 03,2013 Finfinnee
Diddaan Hojjettootaa mootummaa Wayyaanee irratti finiinuu kan eegale umriidhaan bubbulaa jira. Rakkoowwan siyaasaa biyyattii keessaa waliin wal qabachuun uummatni Impaayera biyyattii keessaa guutummaan rakkoowwan garaa garaaf saaxilamee jira. Rakkoon hanqina miindaa, qaalainsa jireenyaa, malaammaltummaa, hojii dhabdummaa hanqina bulchinsa gaarii irraa kanneen dhufan keessaa hangafoota. Hojjettootni mootummaas waajjiraalee fi dhaabbiilee garaa garaa keessaa dabalinsa miindaa gaafachuu kan eegalan ammas daran jabeessuun Hojjettootni waarshaa Tandahoo dabalinsa miindaa cichanii gamtaan gaafatan. Gaaffiin keenyas deebii hin argatu taanaan hojii akka dhaabnu mootummaan wayyaanee haa beeku jechuun jala sararanii beeksisan. Mootummaan wayyaanee kutannaa kanaan kan baarage doorsisaan kanneen gaaffii kana gaafattan shororkeessitoota jechuun mana hidhaatti ukkaamsee jira. Hojjetaan waarshaa kanaa Irrigation irraa Alamaayyoo Mitikkuu jedhamu sababa kanaan kan hidhame yoommuu tahu hojjettootni gamtaan diddaa isaanii jabeessanii jiran. Itti gaafatamaan waarshaa kanaa Abaay Tsehaayyee kan jedhamu gaaffii kanaaf hatattamaan deebii barbaaduuf waadaa kan seene tahuu beeksisuun guyyaa haraa federaalota hedduumminaan bobbaasuun hojjettoota humnaan hojjechiisuuf duula gaggeessaa jiru. Hojiin waarshaa kanaas gaaffiiwwan mirgaa akkanaan laamshaaa jira. Hojjettootni waarshaa Sukkaara Fincaaaas gaaffiiwwan mirgaa wal fakkaataan hojii dhaabanii turuun isaanii ni yaadatama.
Ayyaanni Irreechaa Godina Shawaa bahaa aanaa Booset keessatti diddaa qeerroo hammachuun irreeffatame
Aside
Onkololeessa 2,2013 Finfinnee
Uummatni Oromoo aadaa, seenaa, amantii fi duudhaa isaa tikfachuuf haala yeroo kamuu olitti xiyyeeffannoon irratti hojjetaa jira. Godina Shawaa bahaa aanaa Booset keessatti irreechi fulbaana 2013 diddaawwan garaa garaa fi dhaamsa walii dabarsuun ayyaaneffatamee jira. Mootummaan Wayyaanee aadaa fi seenaan ilmaan Oromoo akka hin guddanne tattaaffii jabaa kan godhu aanaa kana keessattis lukkeewwan isaa bobbaasuun dura dhaabbachuuf yaalii godhus dargaggootni Oromoo aadaa fi duudhaa keenya dura hin dhaabbatiinaa jechuun irreeffatamee jira. Jaleewwan mootummaa wayyaanee tokkummaa uummatni oromoo ilmaan isaa waliin qabutti dhiphatee jira. Dargaggootni Oromoos ayyaana kana irrattis walleewwan warraaqsaa nuyi ilmaan oromoodha habashaa hin barbaadnu, Oromoon leencuma duruu,.. jedhanii fi kanneen kana fakkaatan sirbuun gootawwan Oromoo faarsuun diina dhiphisanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Godinuma shawaa bahaa aanaa Liiban Cuqqaalaa keessattis irreechi dhaamsa walii dhaamuun irreeffatame. Aanaa kana keessattis dargaggootni maanguddoota waliin marii dhimma oromummaa irratti taasisuun ayyaaneffatamee jira. Golee Oromiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti ayyaanni irreechaa sabboontota hedduun Godina shawaa lixaa keessattis ayyeeffatamuun shira mootummaa wayyaaneen aadaa fi duudhaa ukkaamsaa ture irra aanuun dargaggootni Oromoo dhaammata Oromoo walii dabarsaa ayyeeneffataa jira.
SBO Onkoloolessa 02 Bara 2013
Aside
Irreecha Bishooftuu Kan Fulbaana 2013,
Aside
Gabaasaa Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Harsadii fi Shira Ummata Oromoo Irratti Deemaa Jiru.
Image
“ Hunda irra waan nama dhibuu uumata keenyas guddoo aarsee jiru keessaa inni guddaan, guyyuma uumanni Oromoo Irreecha kabajatu Warri Habashaa magaalaa Finfinnee keessatti hiriira bahanii turan,Muutummaan Wayyaanee nama irraa qabdee hiite hin agarre.Ammoo Oromoo nagaan malkaa isaa irratti Irreefachuuf deemu karaatti qabdee hiraarsuu fi mannen hidhaatti guuraa turte. Gidiraan daangaa dhabeessi akkasii hamma yoomiittii??”” Gabaasa Qeerroo Bilisummaa
Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30,2013 Finfinnee
Akkuma beekamu akka biyyoleessattis tahee akka addunyaatti kan beekamaa jiru guyyaan kabajaa ayyaana irreeffannaa magaalaa Bishooftutti Fulbaana 29 xmuramanee jira. Akkuma Qeerroon dursee uummanni Oromoo nageenyaan irreeffatee gara manaa isaatti galu labsama ture kanaan durfamee uummanni Oromoo hora Harsadee kana irratti nageenyaan irreeffatee milkaa’ee jira.Haata’u malee akkuma amaleeffate mootummaan wayyaanee guyyaa kana ilmaan Oromoo hidhuuf akeekkatee ka’ee jira kun duras kan guyyoota ayyaana oromoo irratti dargaggoota Oromoo hidhuun gidirsaa turuun isaa kan haalamu miti. Shakkii fi sodaa isaa irraan kan ka’e uummata bal’aa guyyaa jala bultii irraa kaasee hanga Fulbaana 29 tti magaala Bishooftuu fi naannoo isheetti konkolaataa dhaabsisuun korojoo uummataa hanga borsaa isaaniitti sakattaasisaa turuun isaa ifaadha. Akka karoora mootummaa wayyaanee irreecha baranaa kana irratti qophiin isaanii ciminaan akka irratti qophaayaa ture keessattuu dargaggoota oromoo hidhuuf karoorsee akka ture gama caasaa mootummaatiin odeessi isaa nugahaa tureera. Uummata Oromoo hora Harsadee kana irratti argaman gidduutti haala adeemsaa fi yaada uummataa kan toohatan huccuu civil fakkeessuudhaan tikoota isaa uummata keessa tamsaasee akka ture hubatamaa dha.Ilmaan Oromoo doorsisaa fi akeekkachiisa inni mul’isaa ture kanaaf sodaa fi boodatti jechuu malee uummanni bal’aan kuni ayyaanicha jalabultii irraa eegaluun haala oo’an kabajanii oolanii jiru.
Guyyaa; Fulbaan 29 uummanni Oromoo magaalaa Bishooftuu,Dukaam Sabbataa fi bakkoota adda addaa akkasuma daandii gubbaa asii fi achi socho’uudhaan sirboota aadaa fi seena uummata bal’aa faarsu weellisuun maalummaa fi sabbonummaa uummata oromoo kabachiisaa fi beeksisaa turaniiru. Sirboota aadaa uummata oromoo keessaa kan weellifamaa turan keessaa:
Guutummaa Gabaasa Kanaa Dubbisuuf:– Gabaasa haala Irreecha harsadee 2013
Mootummaan Wayyaanee Ayyaana irreechaa Uummatni Oromoo Nagaan Waaqa Isaa itti Kadhatu Fashalsuuf sakatta’insa jabeessuun Hidhaa Jabeesse
Aside
Fulbaana 29,2013 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee aadaa, seenaa fi duudhaa ilmaan Oromoo ukkaamsuuf kan hojjetu ayyaana irreechaa 2013 irratti sakattainsa hedduummeessuun dargaggoota Oromoo yakkees mana hidhaatti ukkaaamse. Mootummaan EPRDF irreecha bara 2012 irratti dargaggoota Oromoo 200 ol diddaa kaasuuf jettu yakka jedhuun ukkaamsuun isaa kan yaadatamu bara 2013 kanas magaala Duukam keessatti jala bultiidhaa qabatee sakattainsa eegaleen Oromoota heddumminaan hidhaa jira. Ilmaan Oromoos uffata aadaa isin uffattan kan ABOti jechuun mana hidhaatti ukkaamse. Dargaggootni kunneen Godina Shawaa lixaa fi Horroo Guduruu irraa ayyaana irreechaa deemaa kan jiran magaalaa Geedoo,Gindebert fi Dukam irratti keellaa tolfachuun dargaggoota hedduu hidhaa akka jirtu gabaasi qeerroo addeessa. Galmee dargaggoota hidhamanii qeerroon faana bu’ee ni gabaasa.
Ammatti magaala Dukam irratti kanneen qabaman keessaa gariin,
1. Dargaggoo Tarreessaa Haayiluu Shawaa lixaa magaala Amboo irraa
2. Dargaggoo Fioomsaa Oljirraa Horroo Guduruu irraa
3.Biqilaa Dibaabaa Ambo irraa
4.Dasgodhaa Ittaanaa magaalaa Baakkoo irraa
Dargaggoowwan kunneen mana hidhaa waajjira Poolisii Bishooftuutti kan hidhaman yoommuu tahu isin mootummaa irratti dargaggoota kakaaftu malee ayyaanaaf hin dhufne jedhamuun qoratamaa jiru. Mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaan ilmaan Oromoo gaaffii abbaa biyyummaa gaafatu kan dura dhaabbachuu itti kan fakkaate daran diddaa babalisaa jiraachuu qeerroon bilisummaa addeessa.
Walga’iin Angawoota OPDO Adaamaa Keessa itti Geggeeffaamaa ture Irraatti Mormiin Guddaa Dhalachuun Milkii Malee Adda Bahe.
Aside
Fulbaana 28,2013 Adaamaa
Walga’iin Angawootaa OPDO kabinotaa Aanaa, Godinaa fi Oromiyaa akkasumas itti gaafatamtoota Wajjirotaa Secterotaa garaagaraa irraa walitti waamuun Adaamaa Galmaa Abbaa Gadaa jedhamu keessa itti akka L/Habashaatti Fulbaanaa 4/2006 irraa egalee hangaa Fulbaana 16/2006 Oromiyaa keessatti bakka bu’oonni Wayyaanee Muktar Kadirii , Abdulaaziz fi Asteer Maammoon guyyaa kudhanii oliif gaggeeffaamaa ture milkie dhabuun mormii guddaan miseensota OPDO irraa bakka bu’oota Wayyaanee irratti dhalachuun bu’aa tokkoo malee diddaa guddaan gargar kan bittina’an ta’uu Odeessii qabatamaa keessaa OPDO bahee saxilee jira.
Kayyoo fi qabxiin gurguddaa walga’ii dhoksaan gaggeeffaamaa ture kanaa qabxiilee gurguddaa sadii irraattii kan xiyyeeffaate ta’uu beekama, kanneen falmisiisoo ta’an keessaa warri gurguddaan.
1ffaa, Baha Oromiyaa keessatti saboota olla Oromiyaa irraa yeroo irraa gara yerootti Ummataa Oromooa irraatti fudhatamaa jiruun wal qabatee Somaaleen lafa Oromiyaa Harargee qabachaa jirtuu irraatti marii gochuu kan jedhuu.
2ffaa, ABO FDG nurraattii kaasaa jira, Ummaata mootummaa Ithyophiyaa irratti kakaasuun fincila qindeessaa jira, Dargaggooti Oromoo maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhuun biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaatti of gurmeessuun sochii mirga Oromoo falmuu jedhuun mootummaa keenya irratti ummata kakaasaa jiru waan ta’eef kana dura dhaabbachuuf malaa fi tooftaa baafachuu.
3ffaa. Mormii yeroo irraa gara yerootti hordoftotni Amantaa Muslimaa Oromiyaa keessaattii nurraatti gaggeessaa jiraan dura dhabbachuu fi mormii isaanii duubaa humnooti adda addaa waan jiraniif saaxiluu fi marii irraatti gochuu kan jedhuu fi
4ffaa. Qaama hojii sekterotaa karooraan rawwaachuu xinxaluu.
Kanneen jedhan irratti marii guddaa gochuun walii galtee malee akka ka’an gabaasi kun ni ibsa. Kana keessatti qabxiin guddaa dhimma ABO irratti fuulleffate keessa hogganoota OPDO kan jeeqee fi mormii guddaa kaasee guyyoota lamaa oliif akka wal falmisiisaa oole beekamaa dha. Qabxii marii lukkeelee ilaachisuun yaadaa fi mormii kabinotaa Godinotaa fi Aanotaa irraa hogganoota OPDO irratti ka’ee dhiyaate keessaa gariin
Waa’ee ABO irraatti mormiin dhalatee, jira. kunis asiin fulduraa maqaa ABO’n namoota sabboonummaa Oromoo qabanii fi uumata itti akka farrummaatti labsaa dhaa turre,mootummaanis akkasum jechuun galmuma kana keessatti nuu ibsee hin turree?? Har’a deebi’een ABOn uumata nurratti kakasaa jira sochii godhaa jira yoo jennee barattootaa fi jiraataa Oromiyaa hunda yoo seeratti dhiheessaa jiraanne waanni kun deemee deemee numa warra OPDO iyyuu qofaa ni hambisa. ABOn bara kana nama osoo hin taane akeeka dha.Akeeka kana akkamiin uumata keessaa baafna yoo jenne waan matumaa hin dandayamne waan ta’eef mootummaan keenya if goyyomsuu osoo dhiifnee irra wayyaa dha. Yeroo barbaannu ABOn nama ijaara jenna,gaafa kaan ammoo ABOn hin jiru badeera jenna,yaada wal dhahaa akkasiin hamma yoom uumata sobaa jiraannaa???
Amma immoo ABO’n nu rakkisaa jira, nu duraa dhaabbaachaa jira, dargaggotaa ijaaree socho’aa jira, ummataa nurraa fudhachuuf, goolii kaasaa jira jennee yeroo wawwatnu ummaannii kaleessaa ABO’n hin jiruu jenneen sun maal nun jedhaa? jechuun gaaffii kaasaan, kanaaf nuti kanan uummataa keessaa deemnee salphinaa hin uffannu har’a ummaanni nu darbee deemee waan jiruuf nuti kanaan waan ololluu hin qabnu isinumti warri aanga’oo gurguddaa gadi bu’aa uummata itti himaa jechuun hogganotaa ol anoo OPDO akka Abdulaaziz fi Moktaar afaan fajjefaman.
Kana malees yaada mormii hirmatotaa irraa dhiyaate keessaa itti qabxiin ABO’n qofti maleef dhaadheeffaamee balaaleffatamaa ? Diinni akka G-7, Arbanyoochii fi Ogadeen maaliif akka diinaatti fudhatamanii mariin irraatti hin taasifamne jechuun gaaffin kaabinoota aanaa irraa ka’e guutummaa walgahichaa jeeqee akka turee odeessi keessa OPDO addeessa.
Ajandaan gama biraa Waa’ee waraana Ogaadeen yeroo yeroon Wayyaaneenhidhachiifamee Oromoo ajjeesaa jirtuu fi lafa Oromoo fi qabeenyaa Oromoo samamaa jiruuf ilaalchisuun yaadaa mormii fi waldiddaa guddaatu dhalate. Innis yaadni garee Lammaa Magarsaa itti gafatamaa wajjiraa milishaa Oromiyaa duraanii kan yeroo amma Biroo Daldalaa Oromiyaa hojjechaa jiruu irraa dhiyaate naannoo ittisa Oromoo irraa gochuuf jecha tarkaanfii walfakkatuu fudhachuu qabna,daangaa keenyaa keessaa baasuu qabna jedhuu yeroo dhiyaatuu gareen Muktaar Kadir ammoo kun tasumaa ta’uu hin qabu jechuun mormii dhiyeessan.Nuti ajaja mootummaan keenya nutti kenneen malee akka naannoo Oromiyaatti ittisa mataa keenyaa gochuu hin dandeenyu jechuun yaada mormii kaasan.
Yaadaa gareen Muktar Kadir kun dhiyeessan Kabinotaa Godinaa Booraanaa Yabelloo, Gujjii fi Harargee irraa dhufaniin balaaleffatame, gareen kaabinotaa Godina Harargee, Booraanaa Yaabelloo fi Gujii yaadaa Lammaa Magarsaa dhiyeessee jabeessuun deggeruun ummanni Oromoo fi mootummaan naannoo Oromiyaa uummata Oromootti balaa dhufe ittisuu qabna.Yoo kana hin goonu ta’e faaydaan OPDO maalii? jechuun mormii guddaa dhiyeessaan. Kanumaan kan ka’e gariin kun walgahii kaabinoota OPDO torbaan tokkoof gaggeefame dhiisanii walga’ii cabsanii ka’an. Yeruma kana haala kanaan , Kanneen qajeelfama TPLFn masakamuu qabna jedhan kanneen akka Muktarii fi Abdullaaziz warra walgahii cabsee bahe duukaa bu’uun kara karaa kadhatanii ifaajja guddaan walgahiitti deebisan.
Kana irraa ka’uun sabbontotn Oromoo walga’icha irraa hirmaatan nuti Oromoonni hanga yoomitti dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa? hanga yoomitti Obsinaa? Obsi nuu game, Angoo maaliis qabna waranaa? Erga duula Oromoo irratti banama ittisuu hin dandeenye,dhaloota Oromoo dhufaa darbaan ABO jennee hidhaa fi biyyaa ari’aa erga jiraanne aangoo fi gaafatamni nuti Oromoof qabnu kun maali? Jechuun walgahicha irrati ifatti yaada dhiheeffatan.
Gama kaaniin qabxiin dhimma amantaa Isalaamaa fi gamaagama karoora hojii ilaalchoisuun yaadni dhiyaatee, qabxiiwwaan armaan olii mataa dabbaalotaa diinaa waan nanneesseef utuu sirnaan hin hubatamiin hafee kabinotaa Aanotaa, Godinotaa fi Oromiyaa walumaa galatti namota 1000 ol-n guyyotaa kudhanii oliif taa’amaa ture, fi walga’iin guddaan kun kan ETV fi Radiyoo Oromiyaa illee dabalee osoo hin darbiin wakkatameef bu’aa tokkoo malee diddaan guddaan waan jeeqameef gara fuula duraatti baallamamee adda bahuu gabaasi keessa OPDO irraa nu gahe addeessa.
SBO Fulbaana 29 Bara 2013
Aside
Oromo first in South Dakota by Oromo TV



