Gabaasaa Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Harsadii fi Shira Ummata Oromoo Irratti Deemaa Jiru.

“ Hunda irra waan nama dhibuu uumata keenyas guddoo aarsee jiru keessaa inni guddaan, guyyuma uumanni Oromoo Irreecha kabajatu Warri Habashaa magaalaa Finfinnee keessatti  hiriira bahanii turan,Muutummaan Wayyaanee nama irraa qabdee hiite hin agarre.Ammoo Oromoo nagaan malkaa isaa irratti Irreefachuuf deemu karaatti qabdee hiraarsuu fi mannen hidhaatti guuraa turte. Gidiraan daangaa dhabeessi akkasii hamma yoomiittii??””  Gabaasa Qeerroo Bilisummaa

Gabaasa Qeerroo Fulbaana 30,2013 Finfinnee

Irreecha irreeirreecha2013

Akkuma beekamu akka biyyoleessattis tahee akka addunyaatti kan beekamaa jiru guyyaan kabajaa ayyaana irreeffannaa magaalaa Bishooftutti Fulbaana 29 xmuramanee jira. Akkuma Qeerroon dursee uummanni Oromoo nageenyaan irreeffatee gara manaa isaatti galu labsama ture kanaan durfamee uummanni Oromoo hora Harsadee kana irratti nageenyaan irreeffatee milkaa’ee jira.Haata’u malee akkuma amaleeffate mootummaan wayyaanee guyyaa kana ilmaan Oromoo hidhuuf akeekkatee ka’ee jira kun duras kan guyyoota ayyaana oromoo irratti dargaggoota Oromoo hidhuun gidirsaa turuun isaa kan haalamu miti. Shakkii fi sodaa isaa irraan kan ka’e uummata bal’aa guyyaa jala bultii irraa kaasee hanga Fulbaana 29 tti magaala Bishooftuu fi naannoo isheetti konkolaataa dhaabsisuun korojoo uummataa hanga borsaa isaaniitti sakattaasisaa turuun isaa ifaadha. Akka karoora mootummaa wayyaanee irreecha baranaa kana irratti qophiin isaanii ciminaan akka irratti qophaayaa ture keessattuu dargaggoota oromoo hidhuuf karoorsee akka ture gama caasaa mootummaatiin odeessi isaa nugahaa tureera. Uummata Oromoo hora Harsadee kana irratti argaman gidduutti haala adeemsaa fi yaada uummataa kan toohatan huccuu civil fakkeessuudhaan tikoota isaa uummata keessa tamsaasee akka ture hubatamaa dha.Ilmaan Oromoo doorsisaa fi akeekkachiisa inni mul’isaa ture kanaaf sodaa fi boodatti jechuu malee uummanni bal’aan kuni ayyaanicha jalabultii irraa eegaluun haala oo’an kabajanii oolanii jiru.

Guyyaa; Fulbaan 29 uummanni Oromoo magaalaa Bishooftuu,Dukaam Sabbataa fi bakkoota adda addaa akkasuma daandii gubbaa asii fi achi socho’uudhaan sirboota aadaa fi seena uummata bal’aa faarsu weellisuun maalummaa fi sabbonummaa uummata oromoo kabachiisaa fi beeksisaa turaniiru. Sirboota aadaa uummata oromoo keessaa kan weellifamaa turan keessaa:

Guutummaa Gabaasa Kanaa Dubbisuuf:– Gabaasa haala Irreecha harsadee 2013

4 thoughts on “Gabaasaa Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Harsadii fi Shira Ummata Oromoo Irratti Deemaa Jiru.

  1. Baga nagan geessan oromo ayyanaa erechaa baga naganis xummuratani naaf jiradha lami kiyyaa ani achiti argame gamachu kana qodamu badhulee rabin bilisuma bilissummaa caluu ammas biyyaa tegnaa irraati nuuf haa latuu jedha thanks give to god

  2. Pingback: Gabaasaa Haala Kabaja Ayyaana Irreecha Harsadii fi Shira Ummata Oromoo Irratti Deemaa Jiru. | QEERROO | OromiaTimes

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s