Category Archives: Oduu/News
Naqamte FXG Itti Fufee Jira
Aside
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Aside
Mallattoon Gabrummaa fi Cunqursaa Kan Alaabaa fi Asxaan Habashoota Maqaa Tokkummaa Jedhuun Lamuu Ummata Oromoo Hin Haguugu.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Sirna Cunqursaa keessatti dhalannee, sirna cunqursaa jalatti kan guddanne, bara gara baraatti jijjiirraa garboonfattoonni saggoo ilma Oromoo irratti taasisaniin cabnee, caba kaleessa garboonfataan cabne keessa teenyee garboomsaa faarsuuf, faajjii garboomsaa dhaadeessuuf ekeraan wareegamtootaa nagaa nuu hinlaatu, nuu hinayyamus. Har’a saatii qabsoo Oromoo xumuraan geenyee jirrutti, qabsoo naamusaaf sansaka mataasaan ABO dhaan durfamee kaayyoof ejjennoo mataasaan adeemaa jirutti shiroonni diinaa heddummatuun qabsoo Oromoo waan balleessan itti fakkaatee, Oromoo bitamaa barbadanii Oromoo irratti bituu aadaa taasifachuun akeeka goobanoota kaleessaa har’as goobanota lammaffaa hedduusaanii oomishatanii, vaayirasii qabsoo Oromootti lakkisanii jiraataniis akeekaaf kaayyoon ABO ittuu uummatasaa jabeessuun diina bool’aaf afaan du’aarraan geenyee jirra. Har’a afaan guunnee Wayyaaneen akka du’urra geessee jirtu ammas irra deebiin ibsina. Continue reading
Guyyaa Har’aa Qeerroon Bilisummaa Wallagga, Horroo Gudurruu Odaa Bulluqitti IRBUU haaroomfatan.
Aside
Qeerroon Arsii Asallaa guyyaa Har’aa Hiriira Gaggeessaa oole irratti Jijjiirraa Sirnaa Jijjiirraa Sirnaa jechaa oolan.
Aside
SBO Adoolessa 1,2018. Oduu, Gaaffii fi Deebii HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa Raadiyoo VOA Afaan Oromoo Waliin Waxabajjii 28, 2018 Taasisanii fi Haala Naannoo Banishangul Gumuuz Ilaalchisee Yaada Jiraataa Naannichaa Obbo Falmataa Nagaa SBOf laatan.
Aside
Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname
Aside
Injifannoofi Galatni Kan uummata Oromoo Hundaafi Qeerroo Bilisummaa Oromooti!
Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname
Manni Maree minsteerotaa Itoophiyaa ADWUIn Seeraa dabaa kan maqaa Labsii Shororkeessummaa jedhuun ABO, ONLF fi G7 ittin maqaa balleessuu cinatti labsii seeraa kana dahoo godhatee lammiilee keenya nagaa mirga sarbaa, dhiiga dhangalaasaa, lafee cabsaa, hidhaan gidirsaafi biyyarra ittin baqachiisa ture akka haqamu murteesseera. Uummatni Oromoo akka uummatattiifi jaarmiyaan qabsoo hadhooftuu wareegama qaalii gaafate gochuun injifannoo boonsaa qabsoon galmeeffameen icciitiin seeraa dabaa lammii keenya miidhaa ture saaxilamuun sirnachi dirqamee sadarkaa seeraa dabaa farra dhala namaa addatti farra uummata Oromoo ta’e kana haquu danda’ee jira. Dhugaan jiru jaqabuma iyyuu ABOn shororkeessaa akka hin taane sirriitti utuu beekanii jaalala guddaa uummatni Oromoo ABOf qabu irraa ka’uun Uummata Oromoo ittin miidhuuf ta’ee jedhamee labsii shira guddaan uummata keenyarra kaa’amedha. Continue reading
Jala Bultii Bilisummaa!! Magaalaa Dambi Doolloo
Aside
Wallagga Dambii Doolloon Alaabaa ABO Magaalaa Keessaa fi Handaaraan Balaliisuun Bilisummaa Dhandamaa Jiru. Ummanni Oromoo jala bultii Bilisummaa isaaf magaalaa fi baadiyyaalee isaa keessa alaabaa isaa fannifachuutti jira.

