Category Archives: Oduu/News
Ibsa Ejjennoo Ariifachiisaa Barattoota Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Hundaaf.
Aside
Biyya Dimookiraasiin hin jirree keessatti filannoo dimookiraatawaa gaggeessuun hin danda’amu.
Bitootessa 14,201
Adeemsi amma biyya keenya keessatti lafa dimookiraasiin hin jirreetti filaannoo dimookiraataawaa gaggeessa jirra jechuun ololli lallabamaa jiru kun dhaabbachuu qaba.
Adeemsi amma biyya keenya keessatti lafa dimookiraasiin hin jirreetti filaannoo dimookiraataawaa gaggeessa jirra jechuun ololli lallabamaa jiru kun dhaabbachuu qaba. Biyyatti keessa bu’uurri dimookiraasii hin jiru, ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuramaa, ajjeefamaa, barnoota irraa arii’atamaa fi doorsifamaa ,Oromummaan yakkamaa jiru.
Akkasumas Oromoon qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa buqqa’aa, fi mirga abbaa biyyummaa dhabnee waan jirruuf biyya dimookiraasiin hin jirree fi mirgi namummaa fi dimookiraasii dhiitamaa jiru keessatti maqaa filannoo gaggeessina jedhuun kaardii filannoo hiruu fi olola sobaa filannoo dimookiraasii jechuun lallabuu dura mirgootni dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qabu.
Haala rakkisaa kanaan uummatni keenya xaxamee utuu jiruu adeemsi amma Mooraa Yuunibarsiitii keessatti kaardii Filannoo hiruuf jirra jechuun mootummaan EPRDF lallabaa jiru jabeessinee balaaleffachuun, ibsa ejjennoo armaan gadii dabarsina.
- Filannoo gaggeessuun dura Mirgootni dimookiraasii fi namummaa kabajamuu qaba;
- Filannootti seenuun dura gaaffiin mirgaa fi dimookiraasii bara darbe Ebla irraa eegaluun hanga har’atti itti fufinsaan karaa nagaa gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamuu qaba. Keessattuu rakkoon uummatni keenya gama siyaasaa, dinagdee fi hawwaasummaan qabu akka furamuuf gaaffii keenya xalayaa Iyyannoon dhiyeeffachaa kan jirruuf deebiin ariifachiisaan nuuf kennamu qaba;
- Barattootni Oromoo gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa waan gaafatan qofaaf jumlaan hidhatti guuraman haal duree tokko malee hiikamuu qabu. Kanneen ajjeefamaniif mootummaan yakka ajjeechaa rawwate seeratti dhiyaachuu qaba. Kanneen barnoota irraa arii’amanii fi doorsifamaa jiran irraa Mootummaan hiraarsa dhaabuu qaba, beenyaan qaamota midhaman hundaaf baafamuu qaba.
- Bu’uurrii dimookiraasii hundeeffamee, boordiin filannoo gartuu mootummaa irraa bilisa ta’ee hundeeffamee filmaatni dhaabbilee Siyaasaa biyyattii hundaa fi kanneen bilisummaa uummata isaanii kabachiisuuf qabsoo gaggeessan hundi kan keessatti himatanii fi filmaatichi yoo qaamooleen leellistoota dimookiraasii addunyaa adeemsa filmata gaggeeffama jiru keessatti hirmachuun haallii yoo aanjeffame qofa filachuu fi filatamuun kan dada’amu ta’uu hubachiisuun adeemsa amma jiruu kanaan filamaata kanaatti kan hin hirmaanee fi kaardii filannoos fudhachuun gatii kan hin qabne ta’uu jabeessine hubachiifna;
- Mootummaan ani dimookiraatawaa dha, filannoo dimookiraasiin gaggeessa jechaa jiru kun waraanaa fi human tikaa mooraa barnoota keessa qubsiisuun mirga keenya guutummatti sarbaa jira. Afaan qawweetti fayyadamuun dirqamaan dimookiraasiin jira, kaardii fudhadhu jechuun falla dimookiraasii fi abbaa irreemmaa ija baase ta’uu uummata keenyaa fi addunyaan hubachuu qabdi. Gaaffii dimookiraasii fi bilisummaa gama hundaan gaafachaa jirruuf filannoo dura deebiin nuuf kennamuu qaba; hanga gaaffiin keenya deebii quubsaa argatuttii Warraaqsi FDG jabaate kan itti fufu ta’a jennee ibsa keenya kana dabarfannee jirra.
Barattoota Oromoo yuunibarsiitii Jimmaa
Injifannoon Uummata Oromoof!!
Bitootessa 14, 2015
ቄሮ:የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ :ድምፅ: የሳምንቱ: ዜና ::March 13, 2015
Aside
Wallee Haaraa Sabboonticha Artist Bashananaa Haayiluun/Bitootessa 13,2015
Aside
Warraaqsa Ka’een Goototi Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Homaa Waraana Wayyaanee Waliin Wal Qabaa Jiru.
Aside
Bitootessaa 13,2015 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa FDG egaalaan jabeessuun itti fufuun guyyaa har’aa barruulee fi qalama isaanii qabachuun waraana Wayyaanee meeshaa waraana gurguddaa hidhachiifame waaliin wal dura dhaabbachuun, Kaardiin Filannoo wayyaaneen amma barattoota yuunibarsiitiif hiruuf jirtuu akka hin hirmneef dursanii mormii guddaan dura dhaabbatan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa guyyaa har’aa barnoota dhaabuun mirgi keenyaa sarbamee waraanaa fi human tikaa mootummaa wayyaaneen doorsifama barachuu hin dandeenyu jechuun xalaayaa Iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo qabxii 14 of irraa qabu afaan Ingiliffaa fi Afaan Oromootiin qindeeffatan qaamotni bulchiinsa mootuummaa wayyaanee gaaffii barattoota irraa fudhuu irraa akka nama biyya keessa hin jirreetti waan dhokataniif humnoota poolisii fi Waraana barattoota fixuuf bobbaafama jirutti kennachuun isin iyyuu ni dandeessuu taanaan gaaffii keenyaaf deebii gahaa akka nuuf kennitan barbaadna jechuun warraaqsa FDG bifa jabaateen itti fufan.
Mootummaan Wayyaanee sodaa guddaa Sochii warraaqsaa FDG gootota Qeerroo barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa irraa qabu irraa ka’uun torbee tokkoo oliif human waraanaa fi humnoota tikaa biyyatti gara Godina Jimmatti guuruun sochii FDG ukkamsuuf yaaliin guddaan godhama ture, guyyaa har’aa immoo qophii fi sochii warraaqsaa barattootni Oromoo Yuunibarsiitii jimmaa godhanitti barraaguun human waraanaa fi poolisotaa ganama sa’aa lama irraa eegaluun mooraa Yuunibarsiitii irratti humnoota tikaa fi humnoota poolisii dachaan dabaluun barattoota Oromoo tokko irratti human poolisaa fi waraanaa lama ol ramaduun waldura dhaabbatnaan guddaan gaggeeffamera. Barattootni Oromoo fi barattootni yuunibarsiitii Jimmaa hundi namni tokko illee lama ta’ee akka wal duukaa hin adeemnee fi hin dhaabatne Mootummaan abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO/’n qoqqobbii guddaa waraana of harkaa qabuun kaa’uus Goototni barattootni oromoo Yuunibarsiitii jimmaa guyyaa baruu bItootessaa 14/2015 irraa eegaluun barnoota dhaabuun mirga isaanii afaan qawwee fi poolisootaan sarbamaa jiru deeffachuuf guyyaa har’aa bakka waraannii wayyaanee fi poolisootni wayyaanee jiranitti barruu warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi gaaffii mirgota dimookiraasii of irraa qaban bittinneessuun diina rifaasisan.
Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Mooraa Saayinsii fi Technology keessatti bifa haalan jajjabeessa fi abdachiisaa ta’een humnoota Waraana wayyaanee fi poolisoota wayyaanee dara dhaabbatan. Poolisootni wayyaanee mooraa kana seenuun doorsisuuf yaalanis diddaan barattoota Oromoo daran jabaachuun barruulee iyyaannoo isaanii wajjiraa poolisii mooraa Yuunibarsiitii jimmaa fulduratti bittinneessan.
Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee guyyaa boruu irraa eegaluun kaardii Filannoo sobaa barattoota Oromoo fi barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii fi kolleejjoota Oromiyaa garaagaraaf bitootessaa 14/2015 irraa eegaluun hiruuf waan jirtuuf Goototni barattootni Oromoo olollii filanoo kijibaa/sobaa wayyaanee dhaabbachuu qaba jechuun goototni barattootni Oromoo sochii isaanii jabeesuun kaardii Filannoo sobaa Wayyaanee fudhachuun kan hin barbaachifne ta’uu hubachiisuun, guyyaa boruu barattootni Oromoo fi lammileen Cunqurfamoo biyyatti adeemsa kardii filannoo sobaa kana dura dhaabbachuun warraaqsaa FDG jabeessinee kan itti fuffan ta’uu jabeessanii hunbachiisan.
Waraabbbii sagalee fi suurawwaan sochii barattoota Oromoo guyyaa har’aa rakkoo network irraan dabarsuu ykn maxxansuu hin dandeenye.
Barattooti Oromoo Mooraalee Yuuniversitii Adda Addaa Guyyaa Har’aa FDG Itti Fufan.
Aside
Gabaasa Qeerroo Bitootessa 13,2015
Mooraalee barnootaa Yuuniversitii Oromiyaa keessattu guyyaa har’aa gaaffiin adda addaa ka’ee akka jiru odeessi Qeerroo yuuniversitiilee irraa nu gahaa jira. wal duraa duubaan odeessa Qeerroo nugahee jiru irraa:
- Wallaggaa Yuuniversitii
Halkan edaa Bitootessa 13,2015 naannoo sa’a 6:00 irratti barattootni sabboontotni Oromoo gufuu qabsoo oromoo kan tahan, ilmaan Oromoo irratti yerood heeraa ajjechaa kan raawwatan “ Gantuu, Hattuu, Saamtuu , Maxxantuu fi Basaastuu kan tahan, dhiiga ilmaan oromoo kan xuuxaa jiran bakka jiranitti jireenya isaanii balleessuudhaaf tarkaanfii jabaa isaan irratti fudhachuu qabna” kan jedhu barruun mooraa yuuniversitii Wallaggaa keessatti sabboontota barattoota oromootiin maxxanfamee kan bule yoo tahu list barattoota hojii hamaa kana irratti bobbahanii sabboontota barattoota oromoo mooraa kanaan tarkaanfiin irratti fudhatamuuf akeekame nama 23 waliin maqaa isaanii guutummaa waliin kan maxxanfamee bulee fi battaluma sanatti caasaa mootummaa mooraa sanatti argamaniin waraqaan maxxanfame kun kan buqqa’e tahuu gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.
- Haroma yaa Yuuniversiitti:
Akka odeessa Qeerroo mooraa yuuniversitii kana irraa addeessutti barattootni dhimma barnootaan kan wal qabate har’a gaaffii kaasanii jiru,kunis qindoomina Qeerroo mooraatin tahuu isaa odeessi kan ibsuudha, akka ibsa gabaasichaatti barattootni muummee barnoota Ogeessa Fayyaa Bineensotaa baratan waggaa 1ffaan gaaffii isaan kaasanii jiran gosa muummee barnootaa kanaan kanaan dura barattoota eebbifamanii jiran hanga ammaatti hojii irratti kan hin bobbaane waan taheef barbaachisummaan isaa maalii? Kanaafuu kutaan barnootaa kun cufamee muummee barnoota biraa seenna jechuudhaan barumsa dhaabanii akka jiran odeessi kun ibsa. Kanumaan wal qabatee muummee barnoota kana irratti kan hojjetan bulchiinsi, osoo barattanii gaaffii kaasuutu fudhatama qaba malee akkamiin barumsa dhaabdu jechuun mufannaa fi aariidhaan mootummaatti gabaasa olgochuu fi barattoota muummee barnoota kana irratti bulchiinsi moorichaa tarkanfii fudhachuuf kan deemu sochii taasisuu kan eegalee, barattootni muummee biroon akka walii galaatti barattoota kana deggeruudhaan cina dhaabbatanii fincila dhimma kanaan wal qabate finiinsuu irratti argamanii akka jiran gabaasni qeerroo nugahaa jiru addeessa.
- Walloo Yuuniversitii , Mooraa Dasseetti
Dhimma filannoon kan wal qabate irratti, kunis taajjabonni filannoo mooraa sanaa martinuu barattoota oromoo qofaadha, kan tahuu qabus akka kanatti kan murtaa’e kanaafis taajjabdoota kana filachuudhaaf dirqama Afaan oromoon dubbachuu fi gaggeessuu qabna kan jedhamuun yoo tahu akkuma isaatti afaan oromoo kan hin dhageenye afaan amaaraatti hiikuudhaan sagantaan filannoo sun kan gaggeeffame taajjabdoota barattootni 14 kan filamaniidha, isaan keessaa namni 3 miseensa Qeerroo akka tahe odeessi Qeerroo nugahe kan ibsuudha. Kanumaan Afaan oromoo irraa kan hafe afaan biraaniyyuu dubbatamuu hin qabu nuti oromiyaa keessa kan jiraannu jechudhaan barattootni oromoo sochii taasisaniin mootummaan wayyaanee inni aadaa fi afaan oromoo balleesuuf dhama’u barattoota kana dura dhaabbachuu fi taajjabdoota filaman keessaa shakkii qaban miseensi Qeerroo jiraachuun isaa filannoo mooraa kanatti gaggeeffamu laamshessuu danda’u kan jedhu qorannoo fi marii peresedantii moorichaan mariin guyyaa guutuu gaggeeffamaa kan oole tahuu isaa odeeffannoon nugahee jira.
- Waldaya Yuuniversitii
Akka mooraa kanaatti fincilli addaa barattoota oromoon kan qabsiifamaa jiruudha, odeessi achirraa yeroodhaa yerootti nu qaqqabaa jiru torbee kana guutuu dhimma barnootaan kan wal qabateedha. Kunis 1ffaa qormaata seemisteeraa irratti barataa dhalootaan oromoo tahe qorumsa irra osoo jiranii telfoonni isaa iyyuudhaan quunnamtii biraa goote ykns gargaarsa barataa biraadhaaf goote kan jedhamuun barataan kun barumsaan sadarkaa guddaa kan tahe barataa waggaa 3ffaa barsiisaa tigree tokkoon kan irratti mallatteeffameen barataan kun mooraadhaa ariyame, kanumaan wal qabsiisanii barattootni oromoo wal gurmeessuun qorumsa irra osoo jiranii gaaffii kaasuun barataan kun yakka tokkollee hin qabu kan jedhu dhiyeessan, kanumaan xiyyeeffannoon barattoota oromoo kan eegaleen barattoota ciccimoo waggaa 1ffaa irraa kaasanii hanga waggaa 3ffaatti barumsa isaaanii incomplete gochuudhaan guyyoota muraasa dura barattootni oromoo qofti 1200 ol tahan mooraa gadhiisanii gara maatitti galani jiru,barattootni oromoo moorattis hafan yeroo ammaa kanumaan fincilli ka’ee kan jiruudha, barattootni oromoo mooraa gadhiisan haa deebi’an tahuu baannaan barataan kamiyyuu barachuun irra hin jiraatu jechudhaan gaaffiin itti fufee kan jiruudha, inni 2ffaan moorama kanatti barattootni muummee bulchiinsa lafaa jedhamu baratan waggaa 1ffaadhaa hanga 3ffaatti , muummee barnootaa kanaan kan eebbifaman miindaan isaaniif kennamaa turee armaan dura 4,000 ture yeroo dhiyoo asitti miindaan isaanii gara 1700 gadi siqe, kana mootummaatu faayidaa dhuunfaa isaatiif miindaa isaanii kana godhe jechuudhaan barattootni kun har’a Bitootessa 13 barumsa dhaabuu odeessi ibsa. Muummee barnootaa Ingineering irraa addaa tahu hin qabu kan jedhuun akkasuma yuuniversitiilee kanneen akka Bahardar fi Haromayyaa keessattis gaaffiin kana fakkaatu kan itti fufee jiruudha.
Yuuniversitiilee kanneen akkaa Mattuu, Bulee Horaa, Wallaggaa, Amboo, Finfinnee fi Adaamaa keessattis sochiin Qeerroo kan eegalee fi barattootni barumsa dhaabuun gaaffii mirgaa kaasuun kan itti fufeedha.
Sagalee QEERROO Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 10, 2015
Aside
Warraaqsi Bilisummaa Oromoo Guddoo Kan Isa Baaragse Wayyaaneen Konkolaataa Godinoota Deeman Hunda Sakatta’uuf Murteesse.
Aside
Bitootessa 12,2015 Naqamte
Sochii Oromiyaa keessatti bifa addaan Qeerroon Bilisummaa itti fufeen kan baarage mootummaan Wayyaanee waan qabee gadhiisu wallaallee jira,haala kanaan barattooti Yuuniversitii fi hojjettooti mootummaa aannoolee dhaloota isaanii fi bakkoota adda addaatti ramadamanii hojii warraaqsa bilisummaa ni gaggeessu sababaa jedhuu fi shakkii hin jirre afarsuun konkolaatotiin aanaa fi godina deeman hundi akka sakattama’amaniif ajjaja dabarsee jira.
Ajaja kanaan kan sakatta’u loltoota Wayyaanee naannoo biraa irraa rarramadamanii bakka buufata konkolaataa fi keellaalee irra dhaabbatanii jirachuu Qeerroon gabaasa.
Wallagga,Aanaa Jimmaa Horroo Keessatti FDG Itti Fufe.Poolisoonni Oromiyaas Qeerroo Deggeran.
Aside
Bitootessa 11-12 bara 2015 sochiin Qeerroo Bilisummaan Oromoo taasisaa jiruun goleelee Oromiyaa walii gala keessatti gaaffiin mirgaa fi bilisummaa Oromoo bu’ureffate itti fufuun, Bitootessa 11 irraa kaasee uumata waliin wal qabachuun godina Wallaggaa aanaa Jimmaa Horroo keessatti diddaa kaasaniin waraana Wayyaanee waliin walitti bu’aa oolanii jiru.
Gaaffii uumanni Oromoo aanichaa gaafataa jiru keessaa:-
Mootummaan Wayyaanee haamlee fi aangoo ittiin uumata Oromoo bulchu waan hin qabneef waggaan 23 isa gahee jira nurraa haa bahu.
Qeerroon Bilisummaa akeeka mirga democaracy fi bilisummaa qabatee falmaa itti fufa.
Finfinneen kan Oromooti,
Gochaaleen hammeenyaa mootummaa Wayyaaneen nurratti ta’aa jiru akka dhaabbatu!
Fi dhadatnooleen adda adda addaa dhageessifamaa Qeerroonis wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa oolee jira.
Poolisonni naannoo Oromiyaas Qeerroo cinaa dhaabbattan isa jedhuun mootummaan Federaalaa humna addaa fiduun ummata itti roorisaa ooleen poolisii Oromiyaa keessaa tokko ammoo namni Shifera Kuusaa jedhamu akka hidhame gabaafama.
FDG Bitootessa 11,2015 Ona Daawoo Magaalaa Buusaa Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargagaggoon Oromoo Galataa Waaqoo Reebichaan Mana Hidhaa Wayyaanee Keessatti Dararamaa Jira
Aside
Bitootessa 12,2015 Gabaasa Qeerroo Magaala Buusaa
Dargaggoo Galataa(Tamasgeen) Waaqoo kan jedhamu godina Shaggar Kibba Lixaa ona Daawoo magaala Buusaa keessa itti guyyaa kaleessa ganama keessaa toora 12.30 pm itti gaaffii mirgaa kaftan sababaa jedhuun Poolisootaa fi kaabinootaan ari’amee erga qabamee booda sadafii qawween erga rukutamee haalaan miidhamee jira,kana malees reebicha Poolisoonnii fi dabballoonni Wayyaanee irraan gahanii lafa irra harkisuun reebicha humnaa ol erga irraan gahaanii booda mana hidhaa aanichaatti galchanii jiraachuu Qeerroon gabaasa.
Kana malees Dargaggoo Galataa Bitootessa 11,2015 erga reebanii hidhanii booda rifeensa gogaa irraa haadun fi mana kophaatti galchuun harkaa fi miilla muka dhaabbatutti hidhuun reeba kan jiran yoo ta’u erga kaleessa hidhamee haga amma hidhan kan irraa hin hiikkatiinifi reebichi irraa hin dhaabbatin ta’uu oodeffannoo achiirraa nu gahe ni addeessaa!


