Wallagga, Qellem,Begii Irratti Ayyaana fi Walgahii OPDO Kabachiisuuf Jecha Uummata Hiriira Baasuuf Kan Akeekame Uummanni Irratti Hirmaachuu Diduuhan Feshaluu Qeerroon Gabaase.

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeellam,Ebla 4,2015

Oromian resistanceDhimma walgayii fi Ayyaana OPDOn wal qabatee torban kana guutuu Wallagga naannoo adda addaatti dirqamaan uummata bobbaasuu bakka uummanni didutti miseensuma isaanii hirmaachisuu fi daa’imman doorsisuudhaan ayyaana hundeeffama OPDO fakkeessuun  mootummaan Wayyaanee Godina Wallaggaa irratti uummata gidirsuuf addatti bobba’ee jira.

Godinoota Wallaggaa bakka xiyyeeffatanii maqaa walgayiin uummata toohachuuf yaalan keessatti itti milka’aa hin jiran naannoo hedduutti uummataan feshela’aa akka jiru odeessa Qeerroo nu gahaa jiru irraa waan hubatamuudha. Haaluma kana fakkaatuun kaleessa Ebla 3,2015 Qellem Aanaa Begii irratti walgayii, hiriira uummata baasuun humnaan uummata irraa deggrsa argachuuf yaalan, maqaan Ayyaana jedhamuunsi uummanni bahee akka kabajuuf humna waraanaa fi tika mootummaa kan ta’e  gandoota irra bobbaasuun dirqiin uumata manaa baasuu irratti  duula taasisan, ajaja isaanii bakkaan gahuuf kan bahes deggertoota isaanii kan tahanii fi hidhattoota mootummaa waliin dhaabbatan qofa yeroo tahu mootummaan kan barbaadu irra guddaa diddaan baadiyaa Oromiyaa keessatti deemaa waan jiruuf jecha qonnaan bultoota Oromoo walgahii fi jireenya abdii sobaan sossobee qababchuuf tattaaffii godhudha. Haala kanaan qonnaan bulaa Oromoo aanicha keessa jiran humna waraanaa fi tikoota itti bobbaasanii walgahii yaamuu haa yaalan malee diddaan guddaan uumati dura dhaabbachuun gabaafama.

Haalli jireenya Oromoo baadiyaa fi dhabiinsi xaawoo akkasumas hiyyummaan qonnaan bultaa haalaan hammaachaa waan deemeef uummanni gurra ittiin mootummaa Wayyaanee dhagahu dhabee jira waan ta’eef diddaan sirnichaa bakka hundatti itti fufee jira jechuun qeerroon godina Qeellem gabaasa.

Mootummooti Habashaa Dhufaa Darbaan Qabsoon Uummata Oromoo Dura Dhaabbachuuf Jecha Tajaajila Jireenyaa Gabaa Irraa Balleessuun Ummata Dararuu Tooftaa Godhate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Godina Iluu A/Booraa,Magaala Mattuu, Ebla 4,2015

Qeerroo bilisummaaMootummaan Wayyaanee yeroo ammaa kana diddaa uummanni taasisaa jiru shiraan dura dhaabbataa jiru gara dhabsiisuudhaaf, naannoo fincilli ka’utti halkanii guyyaa walgayii labsuudhaan, amma ammo keessumattuu ayyaana OPDO jedhamuun wal qabsiisuudhaan uummata burjaajeessuu irratti duula taasisaa jira,kanatti dabalatuudhaan ammo uummata gidduutti rakkinoota bishaan dhugaatii, ibsaa, dhiyeessii garagaraa kanneen akka Ziyita nyaataa fi sukkaaraa itti kayyeffatee uummanni qabsoo isaa dagatee gara kanatti yaadaan akka luucc’u, uummanni gaaffii mirgaa kaasaa jiru dhiisee dhimma kanaan wal qabatee ka’umsa isaa akka dagatuuf yeroo ammaa rakkoon kana uummata keessatti hammeessaa jira.

Jireenyaaf waan gaafatamuu qabu dhugumas zaita, surraaka, bishaan dhugaatin dhabamuun rakkina guddaa fiduu fi rakkoo ifaa kanneen tajaajila ifaa baran irraa kutuudhaan gaaffiin uummataa kanatti deebi’ee gaaffii mirgaa kaasuu irraa maqsiisuu irratti kan xiyyeeffatamee hojjetamaa jiruudha. Godinoota Oromiyaa keessaa Finfinnee, Wallaggaa, Shawaa lixaa, Adaamaa, Haromayaa, Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa fi kkf keessatti rakkoon kun darana jabaataa kan dhufe tahus mootummaan wayyaanee sochii uummataa kallattii isaa jijjiiruuf deemus kaan keessatti waliin gara gaaffii bu’uuraa qabatee rakkoon guyyaa keessa dhufan mirga keenyaaf falmachuuf nun dhorku jechuudhaan itti fufaa jiru. Odeessa Qeerroo Ebla 4,2015  Godina Iluu Abbaa Booraa irraa nu qaqqabuun guyyoota muraasa dura aanaalee fi magaalota keessatti rakkinooti kun guutummaatti babal’atee waan jiruuf Qeerroon waraqaalee balaliituu magaalota kanneen akka Buree,Mattuu,Noonnoo,Cooraa fi Yaayyuu keessatti faca’ee;
– Mootummaan wayyaanee sobaa fi humnaan aangoo isaa dheerefachaa jira,
– Uummanni oromoo rakkoo kana faarsuu hin qabnu gaaffiin mirgaa itti fufuu qaba,
– Rakkoon bishaan dhugaatii, zayitii fi surraakaa qabsoo ummata oromoo boodatti hin deebisu,
– Maqaa walgayii fi Ayyaanaan sossobamuun uummata oromoo gabrummaatti hambisuuf tooftaa jijjirratee dhufaa jira,
– Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDOn sobduu, saamtuu, hattuu fi shororkeessaadha.
– TPLF/EPRDF dhaadessi mishooma dharaa isaa, Daa’imman, Shamarran,Qeerroo, Maanguddoo Oromoo dhabamsiisuuf daandii guddachaa jiruudha malee dhugaatti mishoomi akka hin jirre dh kan jedhu, Barruulee dhaamsa kana qaban Qeerroodhaan barreffamuudhaan magaaloota naannoo adda addaatti darbatamuudhaan uummata diddaatti hirmaachisuu fi jabeesse, uummannis rakkonoota mootummaan wayyaanee mala dhahee qabsoo harkaa rukutuudhaaf guyyaa keessa waan uummata rakkisuu fi yaada uummata wal qabsiisuu dhorku itti fiduu irra darbe uummanni Qeerroo waliin tahuun gaaffi isaa qabatee akka jiru odeessaan Qeerroo godina Iluu A/Booraa magaala Mattuu irraa addeessa.

Godina Horroo Huduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu Magaalaa Hagamsaa fi M/B Hagamsaa Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa Keessatti FDG Haalaan Jabaan Itti Fufe.‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Horroo Guduruu Ebla 2,2015

Ebla 2,2015 Barattootni Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa fi M/B Hagamsaa Sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti FDG haalaan jabaassuun itti fufan.

diddaa9Goototni barattootni Oromoo M/B Agamsaa sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa qabsoo FDG warraaqsaa gootota dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon biyyatti keessatti gaggeeffamaa jiru jabeessuun guyyaa kaleessa irraa eegaluun magaalaa Hagamsaa keesstti FDG kaasuun hiriira mormii sirna abbaa irree EPRDF irratti gaggeessuun hawwaanna uummataa guddaa kan argatanii fi uummatni Oromoo aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa jiraatu gootota barattoota Oromoo waliin hiriiruun abbaan irree EPRDF/TPLF/OPDO’n nu hin bulchituu mirgi keenyaa kabajamuu qaba, tajajila hawwaasummaa kanneen akka ibsaa,bishaanii fi networkii nurraa kutuun eenyummaa keenyaa fi falmii mirga abbaa biyyummaa gaggeessa jirruu nu dhaabsisuu hin danda’u, gaaffii mirgaa gaafachaa jirruuf hidhaan deebii hin ta’u,ajjeechaan deebii hin ta’u, doorsifnii deebii hin ta’uu, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo fi gaaffiin dhimma Finfinnee hanga deebii sirnaa argatuttii FDG jabaatee itti fufa, doorsiisa,hidhaa fi ajjeechaan kan dhaabbatu miti jechuun ifatti ba’uun mootummaa abbaa irree Wayyaanee irrattii FDG qabsiisan.

Sochiin FDG guyyaa kaleessaa irraa egaluun Amuruu magaalaa Agamsaatti qabsiifame hanga guyyaa har’aatti guyyaa 2ffaaf itti fufee gaggeeffama jiraachuun goototni sabboontotni Oromoo magaalaa agamsaa irraa gabaasa jiru. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee akkuma amalasaa humna
waraanaa fi poolisoota kora bittinneessa jedhaman irratti bobbaasuun uummataa magaalaa fi barattoota Oromoo gooluu irratti argama, yeroo
amman kanatti sabboontotni Oromoo fi goototni barattootni Oromoo baay’inaan gara 16 olitti lakkaa’aman humnaan qabamanii mana hidhaa
magaalaa Hagamsaa wajjira Poolisiitti darbamuu madden keenya gabaasa jiruu,

Wal Dorgommii Isporti Shaggar Kaabaa Sulultaa Irratti Gaggeeffameen Barattootni Walleelee Qabsoo fi Dhaadannoo Dhageessisan!

Aside

Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa Aanaa Sulultaa irraa Ebla 2/2015 Sport Fiigichaa fi Tapha Kubbaa Miillaan Wal Dorgommii Taasifame godina Shaggar Kaabaa aanaa Caancoo fi Sulultaa Gidduutti hara Ebla 2 barattoota garee lamaanuun gaggeeffameen sirbootni qabsoo fi dhaadannoon Qeerroo fi barattoota bakka lachuu irraa walitti dhufaniin dhageessiffame. Barattoota dorgoommii fiigichaa fi tapha kubbaaf aanaa lameen irraa walitti dhufanin hara ganama irraa kaasee naannoo mana barumsaa aanaa Sulultaa sadarkaa 2ffaatti sirbootni qabsoo fi dhaadannoo dhageessisaa oolan, uummata wal dorgommii ilaaluuf dhufe hirmaachisuudhaan diina garaa guban, uummannis barattoota waliin tahuudhaan dhaadannoo dhageessisan, keessattuu sirboota qabsoo uummata kakaasuu fi akkasuma waraqaalee garagaraa irratti halluu alaabaan tolfameen naannoo mana barumsaa keessaa fi alaan maxxansuun uummatatti agarsiisan, ergamtootni wayyaanees haala uummataa fi barattootaa sodaachuun inaaffaan itti dhagayamuudhaan naannicha irraa fagaatan. Sirbootaa fi dhaadannoowwan dhageessiifamaa oolan – Siifan lolaa yaa oromoo narra hin gortuu. – Eenyu isheen daangaa oromoo lixxu irra ejjettee mormaa ishee hin kuttuu, – Oromiyaan kan oromooti! – Habashootaaf hin bitamnu, wayyaaneen gabroonfataadha! – Bilisummaaf wareegamuun sabaaf dhaabbachuudha, barabaraniis yaadatamuudha! – Gumaa barattoota keenya waggaa darbee haa deebisnu! – Oromiyaa yaa dachee badhaatuu siif wareegamna! – Qonnaan bulaa keenya lafa isaa irratti mirga ha qabaatu! – Kan hidhame haa bahu, Kan jedhu dhaadannoolee fi walleewwam qabsoo garagaraa dhageesisuun uummata qonnaan bulaa daawwiif dhufes hirmaachisan. Galgala kana kanumaan wal qabatee barattoota adda durummaadhaan dhaadannoo dhageesisuu fi wellisiisaa turan gara deemanitti tikaan hordofamuu akka eegalan walumaa galatti aanaa Sulultaa irraa Qeerroon gabaasee jira.

Oromiyaa Keessatti,Zayita,Shukkaara,Saamunaa fi Dhiyessii Guyya Guyyaan Uummati Barbaadu Gabaa Irraa Dhibuun Jireenya Daran Hadheessaa Jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Ebla 2,2015 Naqamte

Rakkoo Zayitaa fi Shukkaaraa Magaalaa Naqamte

Rakkoo Zayitaa fi Shukkaaraa Magaalaa Naqamte

Mootummaan Wayyaanee Zayita,Shukkaara,Saamunaa fi meeshaalee guyya guyyaan uummati barbaadu harkatti galfatee uummati rakko guddaa keessa jira. Yeroo ammaa kanatti magaalaa Oromiyaalee adda addaa keessatti uumanni Oromoo Shukkaaraa fi Ziyita nyaataa akkasumas waanneen jireenyaaf barbaachisoo ta’an akka fedhee fi bakka fedheen yeroo barbaadetti bitatee fayyadamuu hin dandayu. Hiriira guyyaa guutuu dhaabisisuun darabee galee mootummaa irraa raabsii bittaa eeggataa jira.

Suurri as irratti maxxanfame kun akka fakkeenyaatti Ebla 2,2015  magaala Naqamtee keessa hanqina zyitaa fi sukkaaraa mudateen uummati, hoteelonni fi manneen nyaata cufamuuf jedhutti hiriira galee uumanni bitachuufuu yerootti dadhabee deebi’u gahee jira. Haalli kun magaalota Oromiyaa kanneen kaan keessattis wal fakkaataa dha.

Kunis kan muldhisu mootummaan Wayyaanee gara kufaatiitti waan deemuuf akka fedhetti uumata hagabsee fi dhiheessii barbaachisu irraa kutee abdii kutachiisuuf sochii godhu ta’uu jaajjabdoonnii fi jiraatoti ni dubbatu.