Category Archives: Oduu/News
TV GAADDISA DHUGAA: Gaaffi fi Deebii Gabaabaa HD ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Prezidaantii Oromiyaa Obbo Lammaa maagarsaa waliin taasifamee.Hagayya 08 2018
Aside
The bright future beyond the Horizon!!
Aside
SBO: Hagayya 8,2018. Oduu, Ibsa Waloo Mootummaa Itiyoophiyaa fi ABO, Dhimmuma Araaraa Kanaa Ilaalchisuun Yaada HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa fi Pir. MNO Dr. Lammaa Magarsaa Nuuf Laatanii fi SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
Tokkummaa Oromoo Dagaagaa Jiru Kunuunfataa, Warraaqsa Dararee Firii Itti Gochuuf Ni Qabsoofna!
Aside
Tokkummaa Oromoo dagaagaa jiru kunuunfataa, warraaqsa dararee firii itti gochuuf nii qabsoofna!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Finfinnee Oromiyaa
Hagayya 7,2018
Daagaa halagaan Oromoo gidduutti ijaare kukkutee gatuuf, tokkummaa uummata Oromoo ijaaree uummata Bilisaa fi biyya Walabaa ijaarrachuuf akeeka Adda Bilisummaa Oromoo qabatee, ABO dhaan hogganamee; karaa nagaa qabsaa’aa turuu ummanni addunyaatu ragaadha . Ammas akeeka ABO qabatee qabsoo isaa itti fufee jira. Jaarmiyaan Qeerroon Bilisummaa Oromoo tokkummaa amma argamaa jiru kana bu’uuressuuf sochiiwwan roga maraan taasisaa tureen wareegama akkuma kaffale milkaa’inaa jalqabaa argataa jiraachuusaa hubataa, kanarra gamtaa’inaan qabsoo saba Oromoo finiinsuun waanjoo jaarraa tokkoof walakkaaf nurratti fe’amee jiru waloon ofirraa deebisuun biyya nagaa qabdu ijaaruuf tokkummaa argamaa jiru kunuunfataa warraaqsa dararee firii itti godhuuf qabsoo isaa itti fufuun adeemsiisuuf qophaa’uu mirkaneessa.
Hawwii Qeerroof saba Oromoo mirkaneessuuf akeekni Addi Bilisumma Oromoo fi mootummaan qabatanii karaa nagaa rakkoo fixachuuf waalii galan fedhii saba Oromoo irratti ka xiyyeefateef ka jaallatamaaf leellifamaa ta’uu hubataa, rakkoo uummatni keenya keessa jiru furuuf daandii nii saaqa jechuun Qeerroon abdata. Uummatni Oromoo waan akka walootti dhabe deeffachuuf waloon qabsaa’uun akka barbaachisaa ta’e asumaan dhaammataa, gamtaa’ina amma argamaa jiru akka jajjabeeffamu nii dhaamna. Continue reading
Yeroo nagaa waaraan biyya keenya Oromiyaa keessatti uumamuuf socho’amaa jirutti tokkummaa Oromoo tiksuuf jabinaan nii qabsoofna!
Aside

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa
Hagayya 6,2018
Finfinnee Oromiyaa
Nagaa waaraa biyya keenya Oromiyaa keessatti akka uumamu, gaaffiin Oromoo karaa nagaa akka nuu deebi’u dhiibbaa gochaa turuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo beekamaadha. Nageenyi biyyattii akka deebii’uuf rakkoo siyyaasaa biyya Xoophiyaa karaa nagaa akka furamuuf waamicha ABO taasise fudhachuun tarkaanfii mootummaan naannoo Oromiyaa taasisaa jiru dinqisiifataa adeemsi karaa nagaa akka milkaa’uuf kan hojjennu ta’
