Yeroo nagaa waaraan biyya keenya Oromiyaa keessatti uumamuuf socho’amaa jirutti tokkummaa Oromoo tiksuuf jabinaan nii qabsoofna!


Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa
Hagayya 6,2018
Finfinnee Oromiyaa
Nagaa waaraa biyya keenya Oromiyaa keessatti akka uumamu, gaaffiin Oromoo karaa nagaa akka nuu deebi’u dhiibbaa gochaa turuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo beekamaadha. Nageenyi biyyattii akka deebii’uuf rakkoo siyyaasaa biyya Xoophiyaa karaa nagaa akka furamuuf waamicha ABO taasise fudhachuun tarkaanfii mootummaan naannoo Oromiyaa taasisaa jiru dinqisiifataa adeemsi karaa nagaa akka milkaa’uuf kan hojjennu ta’

uu ibsina. Qaamoonni maqaa Qeerrootiin miidiyaa hawwaasaa irraan abbootii Gadaa fi qondaalota OPDO yeroo murteessaa kana keessa arrabsan Qeerroo Bilisummaa Oromoo bakka hinbu’an. Qeerroo Bilisummaa Oromoo waan uummatni isaa jaallateef fedhii uumatasaa guutuuf naamusaaf sansaka mataasaan jaarmiyaa socho’u malee jaarmiyaa nageenya biyyattii booreessuuf warraaqu miti! Qabsoon Oromoo gaaffiin abbaa Biyyummaa hanga mirkaanaa’utti qabsoo roga maraan taasisu itti fufaa waan tokkummaa uummataa jabeessuun qabsoo uummataa gara Bilisummaatiin gahu hojjechuurratti qiyyaafatuu keenya uummataaf ibsaa, yeroo mariin araaraa adeemaa jirutti qaama uummataa kam irratti holola kan hinoofne ta’uu ibsina!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Hagayya 6, 2018
Finfinnee Oromiyaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s