Wallagga Gimbii Keessatti Poolisootaa fi Kora Bittinneessaa Oromiyaa Irraa Hidhannoon Hiikame, Baalee Roobetti FDG Finiine‏

Aside

Muddee 1,2015 Gabaasa Qeerroo Gimbii

photo0765 001

Mootummaan wayyaanee humna dafee qaqqabaa fi kora bittinneessaa kan Oromiyaa hidhannoo hiikkachiise.
Wayyaaneen hidhattoota kora bittinneessaa fi humna dafee qaqqabaa Oromiyaa magaalaa Gimbiitti ed hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. FDG aanaa Ayiraa, wanjoo fi Gimbiitti kaleessaa dhoween waraanni wayyaanee biyyatti hin hafne magalaa Gimbii dhufee buufate jedha Qeerroon. Battala kanatti uummata hedduutu qabame reebame hidhaatti guurame. Sababa kanatti poolisoota Oromiyaa fi kora bittinneessaa oromiya irraa ergamee gara sana jiru irraa hidhannoo hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. Yeroo ammaa kanatti magaalli Gimbii buufata waraana wayyaanee taatee argamti. Uummanni mirga keenyaaf falmachuu hin dhaabnu jechuudhaan itti fufee jira.
Baalee Roobetti FDG eegalee jira. Halkan edaa Qeerroon waraqaa bittimsuun
– Barataan kamuu ka’ee mirga isaa akka falmtu waamicha taasie
– Mormiin master pilaanii yoomiyyuu akka hin dhaabbanne waamichi bakka uummanni argutti maxxanfamee bule
– Sirbootni qabsoo Qeerroodhaan dhageessifamaa bulan haaluma kanaan guyyaa har’as kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon yeroo ammaa gabaasaa
jira. Waraanni wayyaanee magaala Roobee buufatee jira.Itti Fufa FDG! Oromiyaan ni bilisoomti

Muddee 1/2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa Keessatti Qabsiifame Cinaa Dhaabbachuun Diddaa Qabsiisaan

Aside

DIDDAA 2Muddee 1, 2015 Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda walaabuu Warraaqsaa FDG Golee Oromiyaa keessatti qabsiifame adeema dara
jabeessuun itti fufsiisuun Hanga Mastern planii Finfinnee Haqamuu fi Gaaffiin Mirga abbaa biyyummaa deebii argatutti warraaqsii keenya itti
fufa jechuun Xalayaaa Iyyannoo Gaaffii Uummata oromoo 11 ol qabate dhiyeeffachuun FDG finiinsaa jirachuu maddeen keenya gabaasan.
Goototni Barattootni oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu FDG Mooraa yuunibarsiitii Harammayyaa keessatti qabatee adeemaa jiru
jabeessuun sadaasa 30/2015 mootummaan wayyaanee sodaa keessa galuun Waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii Madda walaabuutti ol naqee barattoota sodaachisuu fi ukkamsuuf yaalii guddaa godhullee Warraaqsaa FDG guyyaa har’aa Mooraa yuunibarsiitii Madda walaabuu keessatti Adeemsifamaa jiruu dhaabuu kan hin dandeenye ta’uu goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Madda Walaabuu ifatti beeksisuun Qabsoo
finiinsan.goototni barattootni oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu GAAFFII ISAANII IYYANNOO dhaan qopheeffachuun waraqaa iyyannoo isaanii kan gaaffii mirga abbaa biyyummaa Oromoo fi Master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaalota Oromiyaa mormuu dhiyeeffachuuf wayita hiriiranii jiranitti bulchiinsii Yuunibarsiitii madda Walaabuu gaaffii barattoota irraa fudhuu dhiisee waraana waan itti gadhiiseef barattootni Oromoo iyyannoo isaanii waraana Wayyaanetti dhiyeeffachuun Warraaqsa FDG jabeessuun itti fufuun Waraana wayyaanee isaan bittinneessee hidhuu, ajjeesuu fi reebuuf bobba’e dura dhaabbachuun falmachaa jiraachuun gabaafamera.Gabaasan kun Iyyaannoo barattoota Oromoo yuunibarsiitii Madda Walaabuu dhiyeeffataniin kan walqabatedha. ilmaan Oromoo hedhamanii fi waraana wayyaaneen Madeeffaman addabaasuun isiniif gabaasna, Gabaasan itti fufa…

Marii Ogeessota Fayyaa Magaalota Impaayera Itiyoophiyaa Garaa Garaa Keessatti Geggeeffamurratti Dhimma Maaster Pilaanii Kan Mormu “Dhiphattootaa Fi Ergamtoota Isaaniiti” Jedhchuu Hogganoonni Wayyaanee Dhadatan.‏

Aside

Sadaasa 30.2015 Naqamte

Embedded image permalinkMootummaan Wayyaanee Ogeessota fayyaa kanneen tarsiimoo sirna abbaa irree Wayyaanee hin fudhatanii bifa siyaasaan ogeessa fayyaa jedhaman  leenjiin siyaasaa ogeessa maraaf laatamuu qaba jechuun magaalota akka Hawaasaa, Jimmaa, Maqalee, Adaamaa fi Baahirdaaritti laatamaa jira. Kanuma irraa ka’uun guyyoota lamaan duraaf dhimma rakkoo fayyaa hawaasa biyyattii waggaa 25 boodas fooyyee akka hin agarsiisin jiruu fi kunimmoo hanqina geggeessumaa sadarkaan jirurraa kan maddu ta’uu kaasanii mari’ataniiru. Ta’us ogeessotni fayyaa quuqama hawwaasaa qabanii fi mootummaa kana ifatti morman hanqinni kun kan madde imaammatichi haala qabatamaa biyya keenyaan utuu hin qoratamin kallattiin biyyoota alaarraa kan fudhatame ta’uu, hooggantootni tajaajilamuu hawaasaa utuu hin ta’in gabaasa miidhagsuu fi baay’isuu kan filatanii fi kunimmoo dhaabichumarraa kan baratan ta’uu, akkasumas hojjettootni ekistenshiinii fayyaa gandatti ramadaman hojii siyaasaa malee waayee fayyaa hawaasichaaf yeroo kan hin qabne ta’uu ifatti itti himaniiru.
Guyyoota lamaan kanaan booda, waliigalatti ajandaan fayyaa dhiifamee gara saamicha lafaa kana mariisisuutti kan galan yoo ta’u, guyyaa hardhaa aanga’oonni Pilaazmaa TV dhaan galmoota shanan kanaaf ibsa Guyyaa hardhaa, Sadaasa 30, 2015 kennaniin “Dhimma Maaster Pilaanii Finfinnee Kan Mormu Dhiphootaa Fi Ergamtoota Isaaniiti, Dhimmi Kun Dhimma Misoomaati, Misooma Dura Kan Dhaabbatummaa Daandiirraa Maqsuuf Qophiidha” jechuun qaanii malee, tuffii uummata Oromoof qaban ibsuun dhaadannoo isaanii irra deebi’aniiru. Ogeessotni Godinaalee Oromiyaa garaa garaarraa bakkichatti argamanis tokkummaan yaadicha mormuuf ejjennoo qabatanii jiraachuu isaanii gabaasaan bu beeksisaniiru. Keessaayyuu guyyaa borii mormiu ol anaan akka mudachuu danda’u ni eegama. Kanaaf jedhan Qeerroleen Ogeessotni Fayyaa, dhiimi kun dhimma lafaaf lafee keenyaati waan ta’eef salphumatti Ameen jedhamee kan fudhatamu miti, uummatni Oromiyaa Lixaarraa akkuma wareegama kaffalaa jiru, qaamonni Oromiyaaf dhaabbatan marrii fi lammiilee fi jaallattootni Oromoo gamtaan ka’uu qabu, jechuun ejjennoo isaanii ibsaniiru.

Iyyannoo Barattoota Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Hunda Irraa Dhiyaate

Aside

Iyyannoo Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Harammayyaa

Bulchiinsa Yuunibarsiitii Harammayyaaf

                                   Harargee

QeerrooNuti dargaggootni barattootni Oromoo yuunibarsiitii Harammayyaa DUULA cunqursaa fi Gidiraa Maqaa Master Plan Finfinnee fi Magaalota Oromiyaa Federaala jala galchuuf Caffeen Oromiyaa raggasisee jiru wayita dhageenyetti gadda guddaatu nutti dhagaa’ame. Uummatni keenya Oromiyaa badhaatuu keessa utuu jiruu mootummaa isa misoomsuu fi mootummaa wabii uummataa dhaabbatu dhabuun balaa beelaan lafarraa duguugame dhumaa jiruu yeroo aginuutti obsinee tenyee ilaaluuf boqonnaa dhabnee waan jirruuf iyyachuuf dirqamnee jirra. Bara 2014 Karoora master plan Finfinnee hin fudhannu jennee gaaffii mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan waan gaafanneef mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO jedhaman humna waraanaa of harka qabu nurratti bobbaasuun ilmaan Oromoo dhobbootaan lakkaa’aman daa’imman ganna 8 hanga manguddoo ganna 80tti kanneen umriin isaanii keessatti argamu dabalatee ilmaan Oroomoo guyyaa saafa loltoota mootummaan ajjeefamaniif mootummaan itti gaafatamummaa fudhachuu diduun dhiiga ilmaan Oromoo irra ejjechuun karoora master plan Finfinnee fi Karooraa Magaalota Oromomiyaa Federaalaa jala galchuuf dabballoota mootummichaa kan maqaaf ‘ Caffee Mootummaa naannoo Oromiyaa’ ofiin jedhan karoora master plan Finfinnee fi Magaaloota Oromiyaa federaala jala galchuuf karoorfame kan raggasisuun gadda gadda caaluu nutti ta’ee jira. Iyyannoo Barattoota Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Hunda Irra.pdf 22

Oduu Ammee:- Wallagga Magaalaa Ayiraa Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe Jedha Gabaasi Qeerroo.

Aside

Sadaasa 30,2015 Ayiraa Gullisoo

Yes We Can!!!FDG har’a Sadaasa 30,2015 Oromiyaa dhaabbilee barnootaa fi godinale garagaraa keeysatti itti fufee jira.
Odeessa amma nu qaqqabaa jiruun
1.Godina wallagga lixaa aanaalee garagaraa keessatti torbee darbe FDG finiinee jiru osoo wal irraa hin cinne hanga har’aatti jabeeffamee itti fufeera. Bifa haaraadhaan har’a barattootni mana barumsaatii bahuudhaan Wallagga aanaa Aayiraa keessatti dhagaa fi dullaa qabachuun dhaadannoo dhageesisaa humna waraana wayyaanee diddaa kana dura dhaabbatuuf ramadame waliin lola gaggeeysaaa oolaaniru. Barattoota deggeruudhaan qonaan bulaan diddaa magaala Ayiraatti barattootaan qabateen itti hirmaachuudhaan wal’aansoo fi dhaadannoo dhageesisaa jiru. Maanguddooliin akkasuma gaaffii barattootaa ni deggerra jechuun daandii bahan. Sagalee barattootaa dhaadannoo dhageessifameen sirbootni qabsoo sa’a kana ganama irraa kaasee kan itti fufeedha. Godinaalee mara magaalota keessattis haaluma wal fakkaadhaan itti fufee jira.
2.Dhaabbilee barnootaa garagaraa keeysattis diddaan qabatee akkuma jiru har’a Yuuniversitiin Haromayyaa hiriira bahaniin dhaadannoo dhageesisaa kan turan yoommuu tahu waraanni wayyaanee kora bittinneessaa fi waraanni agaazii jedhamu barattoota dhaanuu irratti kan argameedha. Barattootni hedduun kan miidhaman yoo tahullee diddaan barattootaan qabate kan itti fufee hn dhaabbatiin jiruudha.Yuuniversitii biroon Mattuu, Jimmaa, Amboo fi Adaamaa dabalatee humni waraanaa naannoshee buufatee akka jirus Qeeyroon nuuf addeessee jira.