Muddee 1,2015 Gabaasa Qeerroo Gimbii
Mootummaan wayyaanee humna dafee qaqqabaa fi kora bittinneessaa kan Oromiyaa hidhannoo hiikkachiise.
Wayyaaneen hidhattoota kora bittinneessaa fi humna dafee qaqqabaa Oromiyaa magaalaa Gimbiitti ed hidhannoo isaanii irraa hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. FDG aanaa Ayiraa, wanjoo fi Gimbiitti kaleessaa dhoween waraanni wayyaanee biyyatti hin hafne magalaa Gimbii dhufee buufate jedha Qeerroon. Battala kanatti uummata hedduutu qabame reebame hidhaatti guurame. Sababa kanatti poolisoota Oromiyaa fi kora bittinneessaa oromiya irraa ergamee gara sana jiru irraa hidhannoo hiikkachiisuun Qeerroon gabaasee jira. Yeroo ammaa kanatti magaalli Gimbii buufata waraana wayyaanee taatee argamti. Uummanni mirga keenyaaf falmachuu hin dhaabnu jechuudhaan itti fufee jira.
Baalee Roobetti FDG eegalee jira. Halkan edaa Qeerroon waraqaa bittimsuun
– Barataan kamuu ka’ee mirga isaa akka falmtu waamicha taasie
– Mormiin master pilaanii yoomiyyuu akka hin dhaabbanne waamichi bakka uummanni argutti maxxanfamee bule
– Sirbootni qabsoo Qeerroodhaan dhageessifamaa bulan haaluma kanaan guyyaa har’as kan itti fufee jiru tahuu Qeerroon yeroo ammaa gabaasaa
jira. Waraanni wayyaanee magaala Roobee buufatee jira.Itti Fufa FDG! Oromiyaan ni bilisoomti


Mootummaan Wayyaanee Ogeessota fayyaa kanneen tarsiimoo sirna abbaa irree Wayyaanee hin fudhatanii bifa siyaasaan ogeessa fayyaa jedhaman leenjiin siyaasaa ogeessa maraaf laatamuu qaba jechuun magaalota akka Hawaasaa, Jimmaa, Maqalee, Adaamaa fi Baahirdaaritti laatamaa jira. Kanuma irraa ka’uun guyyoota lamaan duraaf dhimma rakkoo fayyaa hawaasa biyyattii waggaa 25 boodas fooyyee akka hin agarsiisin jiruu fi kunimmoo hanqina geggeessumaa sadarkaan jirurraa kan maddu ta’uu kaasanii mari’ataniiru. Ta’us ogeessotni fayyaa quuqama hawwaasaa qabanii fi mootummaa kana ifatti morman hanqinni kun kan madde imaammatichi haala qabatamaa biyya keenyaan utuu hin qoratamin kallattiin biyyoota alaarraa kan fudhatame ta’uu, hooggantootni tajaajilamuu hawaasaa utuu hin ta’in gabaasa miidhagsuu fi baay’isuu kan filatanii fi kunimmoo dhaabichumarraa kan baratan ta’uu, akkasumas hojjettootni ekistenshiinii fayyaa gandatti ramadaman hojii siyaasaa malee waayee fayyaa hawaasichaaf yeroo kan hin qabne ta’uu ifatti itti himaniiru.





