Galmee Sabboontota Oromoo FDG Irratti Hidhamanii fi Ajjeefaman Keessaa Hamma Tokko Qeerroon Bilisummaa Baase.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

 

 

 

 

FDG Wajjiin Walqabatee Oromoota Hidhamanii fi Loltoota Wayyaaneen Ajjeefaman Keessa Hanga Tokko

Gabaasa Qeerroo Bilisummaa, Mudde 09, 2015

FDG gaaffii abbaa biyyummaa fi Maaster Pilaaniif mootummaa Wayyaaneetiin hidhaman kan naannoo Finfinnee irraa funaaname akka rmaan gadii ti.

Lakk.            Maqaa saala Umurii B/Dhalootaa Sadarkaa banootaa Hojii Teessoo Jireenyaa
Kutaa magaalaa Aanaa Ganda
1 Habtamu Milkeessaa Dhiira 26 G/Afdaa Sabbataa Digrii Alpha Uni. Barataa  w.1ffaa Godina Addaa FF Buraayyuu 03
2 Girma Xiruneh Saaqqataa ,, 34 Wallagga lixaa,Mandii 6ffaa Weellisaa Bole 12 12
3 Immiruu Nagawoo Jimmaa ,, 42 Wallagga Lixaa, A/Walal 6ffaa Bole Mikaa’elatti waardiyaa churchii Makana yesus Bole 12 12
4 Shifarra Girma Sanbata ,, 23 Gindabarat dippiloma Barsiisaa Godina addaa Sabbataa 01
5 Sajin Cala Fiqadu Abdata ,, 25 Wallagga Bahaa, Waamagalo 10+3 Poolisii Finfinnee Bole 12 12
6 Dajane Fayisa Xaafa ,, 32 G/Addaa, Sabbataa Hin baranne Ogeessa ijaarsaa Bole 12 12
7 Komsisa Dhuguma Milkeessa ,, 23 Amboo 10

+3

Poolisii Finfinnee Bole 01 01
8 Gammachu Tariku Ijjigu ,, 23 Qellem wallagga, 10ffaa Poolisii Finfinnee Bole 01 01
9 Bekuma Tadese Sande ,, 23 Naqamte 10+3 Poolisii Finfinnee Bole 03

Guutummaan Gabaasaa Kanaaf PDFn Kunooti:- Gabaasa Qeerroo Bilisummaa Mudde 09, 2015

Godinni Kaaba Shaggar(Godinni Salaalee) Daandii Cufuun Bulchiisa Wayyaanee Lagatan, Midaaqenyii fi Gincis Hamma Galgala Kanaa Diddaa Itti Fufan.

Aside

Muddee 09,2015 Gabaasa Qeerroo
Haa dursuu nagaan Oromummaa!, Godinni Kaaba Shaggar(Godinni Salaalee) bulisummaa ishee labsachuuf jirti!! Yeroo amma kana Daandiin Finfinnee Gara Kaabatti Naannoo Amhaaraa fi Goojjamitti Geessuu Guutummaatti Cufamee Jira. Konkolaataan Finfinnee gara Kaabatti adeemu karaa darbaa dhabee Caancoo hanga Muka Xurii Ga’utti karaa Darbaa Dhabee hidhamee wal cufee dhaabatera, Kellaawwaan hedduun daandiin citee, bakkoota hedduutti Cufamee jira, Uummatni hanga gaaffiin mirga abbaa biyyummaa deebii argatuutti poolisiin Federaalaa nutti hin seenuu hin qabu. poolisiin Federaalaa nuti seennaan Dubbiin akka hammaatu akeekkachiisan, Gabaasaan kun Amma mudde 9/2015 halkan keessa sa’aa 4:20 irratti kan isiniif erginedha. Jaalli keenyaa Hoogganaan Godina Salaalee amma achuma uummata keessatti argama.

Alaabaan Keenya Ni Fannnifame Godina Shawaa Lixaa Ona Miidaqanyi fi Gincitti Diddaan yeroo ammaa kana oromiyaa keessatti uummataan qabatee jiru
gara dhumaa fi Bilisummaatti dhiyaatee yeroo uummanni oromoo biyyattii keessa jiru bilisummaa faarsaa jiruu fi gaaffiin walabummaas kaatee
finiinaa jirtu kanatti sirna mootummaa abbaa irree Wayyaanee waliin fonqolachiisuuf wareegamni bahaa jiruun FDGn oromiyaa keessatti
finiinaa jira.
Akkuma yeroodhaa yerootti gabaasa jirru uummanni yeroo kana diddaa daandi cufuu, tarkaanfii diinaa fi qabeenyaa wayyanee irratti fudhataa
jiraatuun waanuma ganamaan itti fufeedha. Hara Muddee 9/2015 galagala keessaa saa 10:00 booda shawaa lixaa aanaa Miidaqanyii fi
Gincitti FDG dhoween Alaabaan Itoophiyaa manneen barnootaa fi waajjiraalee OPDOtii gadi buee Alaabaan keenya ( Adda Bilisumma
Oromoo) fanifamee jira.
Galgala kana magaalan Gincii dhaadannoo WBO fi Dhaabni keenya ABOdha abbaan lafaa ABO dha, Abbaan Biyyaa ABO dha, Lafti Kan Oromooti,
Wayyaanee miti ABO kan nu bulchuu qabu jechuudhaan galgala kanaa dhaadannoon gootota dargaggoota oromoo magaalota Gincii keessatti
alaabaan erga olkaee booda dhaadannoo dhageesisuun beekamee jira.

Shaggar Kaabaa Naannoo Muka Xurii Irraa Gara Finfinnee Karaan Geessuu Uummataan Daandiin Cufamee, FDG itti fufe!

Aside

Gabaasa Qeerroo Shaggar Mudde 9,2015

Gabaasa Qeerroo godina shaggar Kaabaa naannoo Muka Turii irraa amma saa kana addeessuun FDG oromiyaa keessatti yeroo ammaa uummataan dhowee gaggeeffamaa jiru adda kan taasisu didda amma godina Shaggar Kaabaa keessatti gaggeeffamaa jiruudha. FDG shawaa kaabaa naannoo Fiichee, Sulultaa, Kuyyuu fi Muka Turi keessatti kaleessa irraa eegalee jiru hara haala mootummaa wayyaanee sodaachisuutiin itti fufeetu jira.

Kunis daandiin konkolaataa Finfinnee irraa gara Shaggar kaabaa geessu Finfinneerraa kiilomeetira 89 kan fagaatu boode mukeeniin, dhagaadhaan, ricqichis cite daandiin cufamee jira. Yeroo ammaa kanatti magaala Muka Turii keessatti qabeenyaan diinaa keessattuu konkolaataan 30 tahan hojiin ala tahanii jiru humni waraana wayyaanee gara sana deemee jiru tarkaanfii uummata irratti fudhateen namni lamaa ol lubbuudhaan darbuu fi FDG magaala Muka Turiitti gaggeeffamaa jiru haalaan jabaataa tahuu Qeerroon gabaasee jira. d

Uummanni qonnaan bulaan WBO fi ABO guutummaatti faarsaa jira. tarkaanfiin uummataan diinaa fi qabeenya diiraa irratti fudhatamaa jira. Humni waraana wayyaanee daandii cufameen karaa darbuu hin dandeenye daandiirra buufatee jira.

Konkolaataan Bishooftuu Bus Jedhu Oromiyaa Irraa Gara Maqaleetti Hidhamtoota Geessee Baratoota Yuniverstii Adigrat 25 Irraa Ammoo Waraqaan Eenyummaa Fuudhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Muddee 09,2015 Gabaasa Qeerroo Maqalee

Guyyaa hardhaa Mudde 9 ,2015 konkolaataa gabateen isaa 07404  Bishooftuu bus kan  jedhu Tigiray magaalaa Maqalee ganda Kuha jedhu keessatti kan argame baratoota Oromoo Oromiyaa irraa fe’ee dhufee akka dhaabataa ture odeeffanoon nu gahe ture, haaluma kanaan wal qabateen yeroo ammaa baratoota Oromoo Yunbarsitii Maqalee mooraa Adiyaaqii keessatti
argamanu immoo  sagalee gadda keenya  dhageesifachu erga sambata darbee ittti jirra, Bartooti lama yeroo ammaa barbaadamaa jiru, barataan tokko akka qabame oduun na gahee jira.
Haaluma kanaan kan wal qabate Yuunbarsitii ADIGRAT keessatti baratoota Oromoo 25 harka iID card n funaanamee kan immoo qabamani kan immo mooraa keessa baqatani bosona keessati kan argaman jiru, haa tahu male Yunbarsiti Adigrat yeroo amma waraanan marfamtee jirti waraani kun kan dhufe reebichuma baratoota oromoof ykn baratoota id card harka funaname guure bahuuf jedhaniti jedhu baratoonni yunbarsiti adigrat.