Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Tolee Magaalaa Abeebee Keessatti FDG Ka’een Oromoonni 5 ol Wareegamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 19,2015

Godina kibba lixa Shaggar aanaa Tolee magaalaa Abeebee keessatti gaafa guyyaa gaafa Mudde 18-19/2015 sa’aatii sadiirraa eegalee sabboontota barattoota fi ummata Oromootin eegalame haala ajaa’ibaatin diinan waldura dhaabbannan fi sodaa tokko malee mormii qaban ibsataa oolan.

Mootummaan gabroomsaa fi nama nyaatan Wayyaanee ummata hirira baherratti gara jabeenyan humna Agaazii fayyadamuudhan rasaasa roobsaa oolen qotee bulaa shan ajjeesuudhaan kudhanii ol akka malee madeessun lubbuun isaanii du’aaf jireenya gidduu kan jiruudha.Namoonni wareegaman maqaan isaanii

1.Obbo Mokonnin Guddisaa

2.Obbo Daadhii Kumsaa

3.Obbo Kumaa Leenjisaa

4.Obbo Abarraa Dhaabaa

5.Haga ammaa Maqaan kan nun gahin battalatti kan du’an yoo ta’u,kan lubbuun hafan magaala walisoo hospitaala Kaatoolikii luqaas,Finfinnee fi Hospitaala tulluboollotti yaalamaa kan jiraniidha.

Ummanni oromoo bakka hundaa waltumsee mootummàa Lubbuu ilmaan oromoo akka malee duguugaa jiru kana waloodhan ofiirra darbuu qaba.Qabsoon itti Fufa.

Mudde 19,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Magaalaa Geedoo Keessaa Beektotni Oromoo  Humna Waraana Wayyaanee(Itihophiyaan) Ukkanfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa

Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa

Mudde 19,2015  Sochii warraaqsaa Biyyaalessaa Oromiyaa gaggeeffamaa jiru keessatti ga’ee qabduu jedhamuun ilmaan Oromoo kan Hayyootni Jaalaalaa fi Kabaja uummata Oromoo qaban keessatti argaman humna waraanaan ukkanfamuun dararaa ulfaataa keessa jiraachuun gabaafame. Haala kanaan beektootni barsiisotni Oromoo fi uummatni Oromoo Oromummaan yakkamanii Magaalaa Geedoo keessa Ukkanfaman:

1. Barasiisaa Deebisaa Bayyanaa Tolasaa , Hayyuu Oromoo Uummata Oromoo miliyoonotaan jaalatamu,Sabboonaa Oromoo nama bara afaan Oromoo dubbachuun akka yakkatti lakka’amu nama yeroo jalqabaaf  Qubee afaan Oromoo Uummata Oromoo Calliyaa fi naannoo ishee barsiisuun seenaa guddaa uummata Oromoo keessatti qabuu fi Barsiisaa Afaan Oromoo fi Paartii mormituu KFO bakka bu’uun Mana mare Bakka Bu’oota uummataaf Aanaa Midaa Qanyii irratti yeroo  filmaata darbe irratti kan dorgomee, Aanaa Midaa Qanyii irratti guyyaa Safaa Wayyaanee harka 100%n Injifatee boddarra  Mootummaan abbaa irree humna waraana agaaziitti fayyadamuun sagalee uummataa kan irra garagalchatee ofii mo’adhe jechuun labsate, Barsiisaa Deebisaa Bayyanaa jalatamaa fi Kabajamaan hayyuu Oromoo Ogeessa Afaanii fi Barsiisaa Qubee afaan Oromoo Abbaa maatii 8ti kan ta’ee guyyaa kaleessa humna Waraanaan ukkaanfame.

2.  Barsiisaa Kabbadee Camadaa , sabboonaa Oromoo dorgomaa paartii KFO Aanaa Calliyaa Mana Maree Naannoo Caffee Oromiyaaf filmaata darbe irratti dorgomee sagalee guddaan kan injifate, mootummaan Wayyaanee sagalee uummataa humnaan garagalchachuun ofii mo’uu kan labsatee yoo ta’a’uu Sabboonaa Oromoo barsiisaa Kabbadee Camadaa balleessa tokko malee  Oromummaa isaan yakkamee ukkanfamee eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun gabaafamera. Kana Malees ilmaan Oromoo nagaan Gaaffii Mirgaa karaa nagaa gaaffachuun yakkamanii hidhaman Magaalaa Geedoo keessa namootni 40 ukkaanfamuun hidhamuun gabaafamera.

Aside

Mudde 19,2015 Barataan Oromoo Tasammaa Ittisaa Barataa Engineering waggaa jalqabaa Yuunibarsiitii Walqixxee guyyaa lama dura erga humna tikaan qabamee achi buuteen isaa dhabamee jira Tasammaa Ittisaa Shaggar Dhiha Gindabaratitti dhalatee guddate

Kana malees har’a Mudde 19,2015 Barruu Qeerroo  magaalaa Naqamtee keessatti facaeen guutummaan magaalaa Naqamtee har’as fincila addaa keessa jirti

Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Barsiisaa Dinqeessaa Caalaa Guutamaa Rasaasa Wayyaaneen Wareegamee(1989-2015)

Aside

Mudde 18,2015

12395529_1007671035960044_1273543748_nBarsiisaa Dinqeessaa Caalaa Guutamaa kan dhalatee guddatee godina Shaggar Lixaa Aanaa Dandii ti. Barnoota isaas hanga sadarkaa 2ffaa ti achuma Aanaa Dandii magaala Giincitti kan baratee yoo ta’uu sadarkaa Olaanaa Kolleejjii Barsiisota Jimmatti damee saayinsii Hawaasaa (social science) baratee bara 2009 Jimma irraa qabxii Olaanaan eebbifame barsiisaa ta’uun godina Shaggar lixaa aanaa Jibaati fi akkasuma Shaggar lixaa Ejereeti kan barsiisaa ture yoo ta’uu hanga yeroo dhihoo ji’oota muraasa duraa daraara fi dhiibbaan dabballoota wayyaanee itti hammaate dalagaa dhaabuuti. Dinqeessaan ilmaa sabaaf uumame qaroo Qeerroo oromoo addaa dureen dirqama oromummaa isaa raawwata tureedha.

Dinqeessaan sochii diddaa barattoota Oromoo kan 2001,2004 fi 2005 Shaggar Lixaa keessatti ta’aa turee addaa dureen hirmaataa akka ture seenaan ragaa baha. Jimmatti illee miseensa koree Tokkummaa barattoota Oromoo Yuuniversitii fi kolleejjii Jimma keessatti shooraa ijaarsaa fi sabboonummaa Oromoo irratti gahee guddaa taphataa ture. Akkasuma Koree Aadaa fi aartii Oromoo kolleejjii barsiisota Oromoo hanga cufamutti miseensa irraa ka’ee dirqama ooganummaa garaagaraa ti dirqama isaa bahaa ture. Dinqeessaan nama barnoota isaan jabaa fi amala qabeessa fakkeenyaa dargaggoo oromoo ta’eedha. Goota miseensa qeerroo Dinqeessan osoo guyyaa tokko duubatti hin deebi’iin Osoo falmuu gaafa guyyaa 16/12/2015 waraana agaazii wayyaaneen Magaala Ginci ti wareegame. Goonnii kun hiriyaa isaa Jaagamaa Badhaanee ti makamee gumaa koo baasaa jedhe.

Aside

44Mudde 18,2015 Goototni Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Finfinnee Killoo 6 Warraaqsaa Biyyaalossaa Oromiyaa FDG jabeessuun itti Fufuun Guyyaa har’aa Warraaqsii Finiinsuun Labsii waraanaa Uummata Oromoo uummata karaa nagaa Mirga isaaf falmachaa jiru irratti dabarfame balaaleffachuun hiriiraa Mormii ba’uun sagalee guddaan dhaadannoo ‘’Uummata Civilii irratti waraana labsuun Yakka Genocide
dhuguuginsa Sanyii ta’uu aaddunyaan nuuf haa hubatu ‘’ jechuun mormii jabeessuun itti fufan. Gaaffiin Keenya gaaffii uummata Oromooti, gaaffii mirgaa fi dimookiraatawaa ta’ee, Mormii Master Pilaanii Finfinnee fi mormii labsii magaalota naannoo Oromiyaa irratti dhiyaatee fi gaaffii mirga abbaa biyyummaati. Malee Shororkeessuumma waliin haalli wal qabachiisuu tokko illee hin jiru jechuun yaada isaanii ibsachuun ,Yakka Labsii waraanaan Uummata Ukkamsina jedhu kana gadi jabeessuun ni balaaleffanna jechuun sagalee guddaan mormii isaanii jabeessuun itti fufan .