Category Archives: Oduu/News
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 21 December 2015
Aside
I Stand With #OromoProtests
Aside
Ka’i Ni Kaana’i !! Artistoota Oromoo Gaaddisee Shamsaddiin fi Sa’aad Awwal(Daddaraaroo)/Wallee Haaraa Muddee 21,2015
Aside
Warraaqsii Biyyaalessaa Oromiyaa FDG Itti Fufe!!
Aside
Muddee 21/2015 Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaatti Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa daran jabaachuun kaleessa galgala qabsiifame Guyyaa Har’aas Gootottni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waraana Wayyaaneetiin hiraarfamaa jiru, Mooraan Yuunibarsiitii jimmaas Waranumaan Dhunfatame jira.
Barattootni Oromoo kaleessa galgala jechuun Muddee 20,2015 Yuunibarsiitii Jimmaa mooraa guddicha (main campus) keessaa waraana mootummaan guuraman namoota 55 ukkanfamuun Magaalaa Jimmaa wajjiraa Poolisiitti Guuramuun hidhaman. Barattootni Hedduun Reebamanii midhaa guddaan irra ga’ee Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yuunibarsiitii Jimmaa (JUSH) galfamanii jiru, akka namni itti siqee hin gaafannee waraanaan eegamaa jiru.
WARRAAQSII FDG DARAN JAJJABACHUUN BAKKOOTA HEDDUU FINIINAA JIRA
Aside
Mudde 21/2015 Warraaqsii biyyoolessaa oromiyaa FDG Godina Horroo guduruu keessatti Jabaachuun itti fufe,Warraaqsaa guyyaa har’aa Magaalaa Haratoo keessatti gaggeeffamaa jiruun hanga ammatti Ilmaan Oromoo Madaa’an 8 ga’aniru,.
Godina Lixa Shaggar aanaa Gindabaratitti Diddaan Uummataa daran Jabaachuu Guyyaa kaleessa irraa eegaluun daandiin Konkolaataa Gara Abunaa gindabarat geessuu bakkoota hedduutti cufamuun waraannii wayyaanee daandii banuuf rakkoo ulfaataan muddamee jira.
Aanaa Meettaa Roobii keessatti Yakki Waraanaa ilmaan oromoo irratti rawwatameen lubbuun namoota hedduu galafatame, hanga ammaa reffii namaa barbaadamaa jiraachuun ibsame jira. Gabaasaan itti fufa.
Godina Horroo Guduruutti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Magaalaa Haratootti daran Jabaachuun Itti Fufe,
Aside
Mudde 21/2015 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaa Jimmaa Gannatii Magaalaa Haratoo keessatti Gootota Qeerroo Barattootaa Oromoo M/B Haratoo sadarkaa 2ffaa,Qophainaa fi sadarkaa 1ffaa, Barsiisota ,Hojjettootaa fi qonnaan bultootaan daran Jabaachuun itti fufe.ilmaan Oromoo 4 rasaasaan madaa’an.
Hanga gaaffiin Mirga abbaa biyyuummaa, gaaffiin karaa nagaa fi dimookiraatawaa taeef deebiin sirnaa kennamutti Warraaqsii keenya itti fufa jechuun Goototni Oromoo godina horroo Guduruu guyyaa haraa Warraaqsaa gaggeeffama jiru daran jabeessuun itti fufuun, labsii waraanaa kan Mootummaan Wayyaanee EPRDF Uummata karaa nagaa falmatu irratti labse gadi jabeessuun balaaleffatan. Mootummaan atattamaan ajjeechaa , hidhaa fi shororkeessaa nurraa dhaabuu qaba, kanneen hidhaman attattamaan gadhiifamu qabu, kanneen wareegamaniif mootummaan gaafatamuu qaba, waraannii nurraa kaafamu qaba jechuun warraaqsaa ganama irraa eegaluun finiinsuutti fufan.
Mootummaan Wayyaanee akkuma amalasaa human waraanaa guddaa uumatatti bobbaasuun namootni 4 rasaasan madeeffamuu fi namootni lama lubbuun haala sodachisaa keessa jiraachuu madden keenya gabasan. Yeroo amma kana Magaalaan Haratoo Dirree Waraanaa Fakkaatti.
Daandiin konkolaataa Shambuu gara haratootti Geessuu fi Haratorraan gara Fincaaaatti geessuu bakkoota hedduutti cufamee jira gabaasaan itti fufa.
Wallagga Magaalaa Mandii Keessaa Maanguddoonnii fi Dargaggoonni Qaroo Ukkaamfamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Muddee 22.2015
Jaarsolii fi Dargaggoonni qaroo uummata Oromoo ta’an magaalaa Mandii keessaa uukkaamfaman
Jaarsolii kanneen akka
- Oljirraa Dibaar
- Oljirraa Guutaa
- Miizanaa Gammadaa
Jaarsolii biyyaa umurii 75 olii yeroo ta’an,jimaata darbe mana cabsuun humni tikaa Wayyaanee ukkaamsee achi buuteen isaanii dhabamera
Guyyuma kana Barsiisaa Qananii Geetaanee dargaggoota magaalaa Mandii wajjin qabamee achi buuteen isaanii dhabamee
Yeroo ammaa kana magaalaan Mandii dargaggootii fi jaarsoliin hawaasi kan keessa hin jiraanne ta’uun beekamaadha!
Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cupasii FDG Itti fufun Qabsoo Finiinsan.
Aside
Mudde 20,2015 Jimmaa
Warraaqsii Biyyoolessa Oromiyaa FDG’n Galgala kana sa’aa 11:00 irraa eegaluun Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Main Cupasii Itti fufun Qabsoo Finiinsan.
Addaatti Labsii Waraanaa Mootummaan Ethiopia EPRDF/TPLF/OPDO’n Dabarse gadi jabeessuun balaaleffachuun Hanga gaaffiin Mirgaa Abbaa biyyummaa Oromoo kabajamuu fi mirgootni Namummaa fi Dimookiraasii kabajamuutti Warraaqsii keenya wal Irraa hin citu jechuun Warraaqsaa FDG jabeessuun itti fufan.
Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Utuu humna waraana agaazii fi Humna ittisa biyyaa guddaan Marfamanii eegamaa jiranii warraaqsaa Finiinsan. Ilmaan Oromoo utuu jilmaan humna waraanaan ajjeeffamanii, utuu Lollii Duguuginsa Sanyii nurratti Labsamee jiruu, utuu ilmaan oromoo hidhaatti Guuramanii, utuu Oromoon dararaa ulfaata keessa jirruu falmaa irraa duubatti hin deebinuu,jechuun warraaqsaa FDG jabeessuun Mootummaan Hatattamaan Waraanaa ittisa biyyaa , Waraana agaazii fi Poolisii federaalaa Oromiyaa keessa baasuu qaba. Ilmaan Oromoo jumlaan Wareegamaniif Mootummaan gaafatama fudhachuu qaba jechuun Warraaqsaa jabeessuun itti fufan.
Mootummaan Wayyaanee akkuma amala isaa barattoota karaa nagaan gaaffii mirgaa fi dimookiraasii gaafachuun qalma malee homaa of harka hin qabne irratti waraana bobbaasuun gaazii Summaa’aa haalaan ulfaatu mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti dhoosuun qilleensaa uumamaa illee faaluun barattoota Oromoo fi barattoota mooraa yuunibarsiitii Jimmaa irraan balaa guddaa qaqqabsiisa jira. Warraaqsa kanaan walqabatee galgala kana goototni barattootni Oromoo waraanaa waliin waldura dhaabbachuun warraaqsa itti fufan, Barattootni hedduun Mooraa gadi lakkisaa jiru, guutummaa gabaasa kanaa walitti deebina…
Aside
Mudde 20,2015
Godina addaa Oromiyaa naannawa Finfinneetti mootummaan hojjattoota mootummaa mana hidhaatti guuraa jira.
Akkuma beekamu FDG yeroo ammaa guutuu Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru kanaan raafama guddaa keessa galuun isintu uummata nurratti kakaasaa jira jechuun hojjattota mootummaa maqaan isaanii
1ffaa. Darajjee magarsaa hojjataa waajira qonnaa
2ffaa. ASheetuu tolaa barsiisaa kan jedhaman guyyaa kaleessaa mana hidhaa aanaa sululta magaala caancotti darbatamuun reebichaa fi dararaan garagaraa irratti raawatamaa ji1a