Muddee 23,2015 Warraaqsi Bilisummaa Jabaachuun Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 23,2015 Godina Lixa Shaggar Aanaawwaan Jalduu, Gindabarat, Meettaa Roobii, Adaa’aa Bargaa, Magaala Baabbicha fi uummata Gandoota baadiyyaa baabbichaa,, Geedoo, fi uummata Baadiyya, Aanaa Midaa Qanyii, amboo fi uummata Baadiyyaa Waddeessaa,  Xuuqur Incinnii, Tokkee Kuttaayee, Iluu Galanii fi Baakkoo Tibbee fi Uummatni Gandoota Baadiyyaa sadarkaa Maayibaasii fi gandoota walitti Aanaaniin Walitti dhufuun Mootumma nu ajjeesaa jiruu fi warana nurratti labse waliin hin jiraannuu, ilmaan keenya ajjeesuu irra darbuun waraana kallattiin waan nurratti labsaniif mottummaan kun mootumma keeny akka hin taane mirkneeffannee jirra jechuun hanga bilisummaa keenya gonfannuu fi mirga namumma fi Dimookiraasiin qabnu nuuf kabajamutti Jaarsolii biyya fi Abbootii Gandaa naannoon wl bulchna malee mootummaa nu ajjeesuu fi nu hidhu jalatti hn bullu jechuun murteeffatan.
Yeroo kanatti Maqaa master Pilaanii Finfinnee fi Labsii Magaaloota oromiyaa mootummaan balleessa keenyaa jedhanii fudhachaa waan jiranif Mormii sababaa kanaan ka’een Lubbuu badee fi qaama hir’ateef kan itti gaafatamuu qabuu fi seeraatti dhiyaachuu qabu Mootummaa dha malee Nu hidhuu fi nu doorsisuun, Nu ajjeesuun nurraa dhaabbachuu qaba, warri karoora kana baasee ittin nu fixaa jiru seeratti dhiyaachuun itti gaafatmuu qabu jechuun uummatni Yaadaasaa kaasee warraaqsii itti fufee jira.

Kanan Boodaa hariiroon mootummaa gabrooonfaata waliin qabnu hin jiru, walga’ii kamuu kara ergamtootaa fi jaarsolii ergamtuu isaniitiin dhufuu hin fudhannu, Kanfaltii gibra hin kanfallu, diddaan keenyaa hanga mirga abbaa biyyummaa keenyaa eegsifannutti jechuun murtii jabaa fi sirna fudhatan

Sabboontoti Oromoo Engineer Cimsaa Abdiisaa fi Engineer Addaamuu Rattaa Humnoota Tikaa Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Because I am OromoMudde 22,2015 MootummaanWayyaanee EPRDF’n Ilmaan Oromoo adamsee ukkamsee Mana hidhaatti darbachuun beekamu gidduu  kana Magaalaa Burraayyuu irratti Engineerota Oromoo Lama utuu lafa hojiii saanii adeemaa jiran ukkaamsuun hanga guyyaa har’aatti eessa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame.Engineerootni Sabboontootni ilmaan Oromoo Oromummaan yakkamuun ukkanfaman kunis:

1.EngineerCimsaaAbdiisaa , yuunibarsiitii Jimmaa irraa kan eebbifame yeroo  Yuniversitii Jimma turettis Oromummaa isaatiin yakkama ta’ee humnoota tikaa Wayyaaneetiin doorsifama kan ture.

2. Engineer  Addaamuu Rattaa kan Engeer Cimsaa waliin hojii construction  hojjechaa utuu jiranii Hojjettoota isaaniif Mindaa Magaalaa Finfinnee keessa qarshii 120,000 baasanii kanfaluuf utuu adeemanii humnoota tikaa fi Agaaziin ukkanfamuun essaa buuteen isaanii kan hin beekamne ta’uun ibsame jira. Mootummaan wayyaanee dhaloota qaroo ukkamsuun umrii bittaa wayyaanee kan gabaabsu malee kan dheeressuu akka hin taane ni hubachiifna. Har’as wayyaaneen kaleessa dhaloota qaroo hedduu ajjeessuun, hedduu hidhuu fi hedduu biyyaa arii’achuun kunoo uummata Oromoo akka galaanaa irraa garagalchee malee Oromoo mirga isaa falmachuu irraa duubatti hin deebifne, kanaafuu uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa tokkummaan harka walqabachuun iyyaa iyyaa dabarsaa, ilmaan Oromoo haalduree tokko malee gadhiifamuu qabu.

Oduu Injifatnoo:- Qellem, Anfilloo Gandi Garjeedaa Toohannoo Uummataa Jala Jirti. Poolisoonni Wayyaanee Reebamanii Gandicha Gadhiisan, Hidhamtootni Mana Hidhaatii Uummataan Gadhiifaman!‏

Aside

Godina Wallagga Qellem, Aanaa Anfilloo ganda Garjeedaa jedhamutti Muddee 21/2015 FDG uummataan dhoween uummanni poolisootaa fi kaabinoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhateen ganda Garjeedaa keessaa arga ari’een booda hidhamtoota tokko osoo hin hambifnee mana
hidhaa keessaa yaasee jira.
Akka gabaasni Qeerrroo nugahe ibsutti uummanni sirna wayyaanee of keessaa baasuu qabna jechun tokkummaadhaan barattoota waliin
poolisoota wayyaanee irratti tarkaanfii fudhate. Poolisoonnis sodaa uummataan dhukaasa banuun lubbuu isaaniin uummata jalaa baqatanii
bahan, uummanni hidhamtoota mana hidhaa keessa jiran erga yaaseen booda bulchiinsa mataa ofiin of bulchaa jira. Yeroo ammaa Garjeedi
bakki gabaa kamisaa fi sanbataa jedhamee waamamu toohannoo uummataa jalatti argamti. Manni hidhaa banamee hafe. Alaabaan biyya Itoophiyaa bakka bu’u gadi bu’ee jira. Yeroo kana fakkaattii fi ergamtuun Wayyaanee magaala Garjeedaa keessatti hin argamtu.

FDG Wallagga Aanaa Waamaa Hagaloo Keessatti Ka’een Wal Qabatee Dargaggoonni 11 Waraana Agaaziin Qabamanii Bakka Bu’an Hin Beekamu Jedha Gabaasi Qeerroo.

Aside

Mudde 22,2015 Waamaa Hagaloo,

Because I am OromoHiriira diddaa garbrummaa mootummaa Wayyaanee irratti gaggeefameen wal qabatee Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo magaalota Moxeefi Qassoo jedhamanitti barnooti erga dhaabbatee bubbuleera

Haala Kanaan uummanni nagaa waraana Agaazii Wayyaaneen qabamanii bakka buuteen isaanii hin beekamne, uummanni naannoos namoonni hidhaman hanga deebi’anitti qabsoo keenya itti fufna isa jedhuun diddaa isaanii dhageessisaa jiru.

Mudde 21,2015 Oromoonni nagaa qabamanii bakka buuteen hin beekamne keessaa

  1. Konkolaachisaan Taarikuu Mokonnoon jedhamu rasaasaan rukutamee qabame.
  2. Waardiyyaan Baankii daldalaa kan ta’e Dirribsaa Waaqumaa
  3. Barataa Geetuu Baqqalaa
  4. Zalaalam Amaaree
  5. Misgaanuu Addunyaa 
  6. Misgaanuu Alamaayyoo
  7. Nagaasaa Beekumaa
  8. Caalaa Bantii
  9. Mo’iiboon Tasfaa
  10. Eebbaa Surraa
  11. Dassaalenyi Waggaarii
    Kanneen jedhaman humna tikaa wayyaaneetiin Ukkaamfamanii konkolaataa Ambulaansii aanichaan kan fuudhamanii dhabamsiisaman yeroo ta’u,

Tikoonni Wayyaanee Daggafaa Tamasgeen fi Bultii Fiqaaduu jedhaman dararaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa warra jiran keessaa gahee guddaa kanneen qaban dha.

Humni Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Kaabinootaa Fi Basaasota Wayyaanee Adabe.

Aside

(Oromedia, 22 Mudde 2015) Humni Addaa WBO Godina Baalee Mudde 18,2015 basaasotaa fi kaabinoota Onaa afur adabe.

Dabballota harka mirgaa wayyaanee ta’an Abdurrahamaan H/Kaliil, Nugusee Girmaa, Damisee Tulluu fi Shimallis Tafarii jedhaman ergama wayyaanee fudhatanii FDG barattootnii fi ummatni finiinsaa jiran qabbaneessuuf, Gooroo irraa gara magaalaa Soof Umar deemaa turan bakka Gaara Didibbisaa jedhamutti tarkaanfii irratti fudhateen akka ajjeese Ajaji WBO Godina Kibba-Bahaa beeksisee jira.

Tarkaanfiin kun kan fudhatames ganama keessaa sa’aa 10:00 irratti akka ta’e gabaafameera.

Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Mudde 13 fi 16,2015 loltoota wayyaanee Warraaqsa Ummata Oromoo belbelaa jiru dhaamsuuf daangaa Somaalee irraa gara Giddu Galeessa Oromiyaatti socho’aa turan irratti tarkaanfilee gara garaa fudhateen 91 ol hojiin ala gochuu isaa gabaasamuun kana yaadatamu.