Godina Wallaggaa Bahaa fi Dhiha Keessatti Ficilli Xumura Gabrummaa Haalaan Jabaatee Itti Fufee Jira. Mootummaan Itiyophiyaa(Wayyaanee) Barsiisotaa fi Hojjettoota Sababa FXG Godhatee Isaan Miidhaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Mudde 31,2015,Godinoota Wallaggaa Bahaa, Dhihaafi Horro Guduruu keessatti fincilli FXG itti fufeera Aanaa Gimbii magaalaa Gambeellaa jedhamtu keessatti FXG akka itti fufu kan taasisaa jiru barsiisota sababaa jedhuun ka’ee mootummaan abbaa irree Wayyaanee  barsiisaan Waggaarii jedhamu achi buuteen isaa kan dhabamee yeroo ta’u, FXG kana irratti Gammachiis Asafaa Guutamaa akka garmalee humna waraanaan miidhames beekameera

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Guutoo Giddaa Magaalaa Naqamtee keessattis barattoota Qophaa’inaa Naqamteetiin FXGn guyyaa kaleessaa marsaa sadaffaa jalqaban har’as akka itti fufetti jira

Barattooti Qophaa’inaa Naqamtee barattooti isaan keessaa ukkaamfaman,Oromooti mana hidhaa jiran hanga lakkisamanitti,gaaffiin abbabiyyummaa keenya hanga deebi argatutti gaaffiin keenya itti fufa jedhaniiti

Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree mana barumsaa Babal’aa sadarkaa duraa fi lammaffaa keessattis FXGn itti fufee akka jiru beekameera.

Barattoonni Preparatory Namqamtee FXG Itti Fufuun Loltooti Wayyaanee Heddumminaan Qabee Daa’immaan Reebuu fi Hidhuutti Jira.

Aside

Mudde 31,2015 BARATTONNI  PEREPARATORY NAQAMTEE FXG AKKUMA ITTI FUFANITTI JIRU Akkuma kaleessa jechuun mudde 29,2015 FXG eegala har’a Mudde 30,2015 bifa  dhaadannoo garaagaraan sagaleesaani dhageessifataa oolaniiru.
Dhaadannoole isan gootummaan humna waraanaa dura dhaabbatanii dhageessisan heddu naasisaa turuusaa ijaan argeera keessaayyu
_Nuti baraattoonni haawwaasaaf baranne,hidhaan,ajjeechaan,qawween haawwasaaf falmuu duuba nu hin deebisu
_Kan irratti wareegamne,kan irratti miidhamne amma galmaan geenyutti duuba hin deebinu
_Mootummaa nu ajjeesuun hin bullu
_Manni barnoota dirree waraana erga ta’ee mormii keenya,sagalee keenya,guyya guyyaan nii dhageessifanna
_Humni waraanaa hanga magaala Naqamtee gadi lakkisutti baraachuu hin dandeenye
_Kan hidhaman haa lakkifaman
_Kan Ajjesee seeratti nuuf haa dhihaatu
_Labsiin duguuggaa sanyii nurraa haa ka’u
_lafa keenyarraa Buqqa’un haa dhaabbatu fkkf jechuun sagalee dhageessisaa turan.Hanga gabrummaa jalaa baanutti diddaa  itti fufna jedhaniiru

Hidhaan, Ajjechaan fi Madeeffamuun Osoo Duubatti Nun Deebisne Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) Gara Fincila Xumura Gabrummaatti  (FXG) Cehuun Yeroon Isaa Amma   

Aside

                                  

QeerrooQeerroon Bilisummaa erga oromiyaa keessatti gadi dhaabbatee mormii karaa nagaatiin mootummaa shororkaawaa fi nama nyaataa Wayyaanee waliin gaggeessuu eegalee waggoota muraasa lakkoofsisee jira.

Qeerroon jajjabeen sabaa 0romiyaa keessatti uummata isaa waliin mirga uummata isaa kabachiisuuf, ciramuu lafa 0romiyaa dura dhaabbataa, falma hadhawaaa fi suukkanneessaa keessatti hedduun osoo ajjeefamuu, hidhamuu, ariyamuu fi gudeeddaan shamarraan Oromoo irratti osoo raawwatuu gabrummaa jalaa bahuuf maqaa FDG jedhu qabatee diina dura dhaabbatee wareegama guddaas baasee injifannoo guddaas galmeessaa Oromiyaa fi uummata Oromoo bilisa baasuuf sadarkaa mootummaa gabroonfataa mootummaa abbaa irree wayyaanetti xumura taasisuu irra gahee jira.

Seenaa darban keessatti FDG barana Sadaa fi Muddee 2015 keessa gaggeeffamaa jiru seenaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa tahee yaadatamuu fi dubbifamuu akka qabu hubachaa wareegamni FDG amma gaggeeffame keessatti wareegamni lubbuu, qabeenyaa fi diinagdee guddaa tahus Injifannoon galmawaan daran guddaa fi gammachiisaa akkasuma uummata Oromoo kan boonsuudha.

Egaan FDG amma gara xumuraatti dhufnee jirra. Qeerroon fincilli isaa kana booda itti fufuu qabu maqaa kana ofirraa jijjiiruudhaan FDG- Fincila Diddaa Gabrummaa kan jedhu gara

FXG-Fincila Xumura Gabrummaatti jijjiirruun qabsoo isaa Bilisummaadhaan xumuratuu fi yeroo gabrummaa ofirraa xumuru yeroo kana tahuun sochiiwwan yeroo ammaa gaggeeffamu irrraa kan hubannuudha.

Yeroo kanaa akkuma beekamu hidhaan uummata Oromoo irratti raawwataa jiru hammaachaa, gocho mootummaa shororkeessaa wayyaaneetiin godhamaa jirus suukkanneessaa shamarran Oromoo irratti gudeeddaa dirqiin raawwataa jiraachuu osoo argaa jirru, rasaasaan kan ajjeefaman daa’imaa hanga maanguddootti dhibbaan lakkaawam mul’ataa fi dhokaatatti beekame, ilmaan Oromoo yeroo ammaa kana mana hidhaatti guuramaa jiran kumaataman lakkaawamaa jiran kun gonkumaa qabsoo keenya duubatti osoo hin deebisnee Qeerron Bilisummaa FXG mirkaneeffachuun isaa amma tahuu wal hubachisuudhaan waamicha itti fufiinsaan qabsoo keenya dhaabuu hin qabnee taasisna.

FXG Amma!

Qeerroo Bilisummaa

Muddee 30, 2015

Ficila Xumura Gabrummaa Mudde 30 2015

Mudde 30,215 Godina Kaaba Shaggar (Godina Salaalee)tti Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa (FXG)n Daran Jabaachuun itti Fufee Oromoonni 150 Loltoota Itiyophia Wayyaaneen Hidhaman.

Aside

Mudde 30,2015 Godina Kaaba Shaggar (Godina Salaalee)tti Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa (FXG)n Daran Jabaachuun itti Fufe abbaan Irree Wayyaanee  humna waraanatti dhimma bahuun Ilmaan Oromoo 150 olitti lakka’aman ukkamsee hidhe, Adeemsii kun immoo daran uummata Warraaqsaatti jabeessee kan jiru ta’uu Uummatni Oromoo Godina Salaalee Aanaa Hidhabuu Abootee Mudde 29/2015 irraa egaluun Guyyaa hardhaas Gandoota baadiyaa fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa fi Qophaa’ina Taddasaa Birruu, Mana barumsaa Gidaamoo Sadeenii fi uummatni Ganda  Amuumaa Machaaraa, M/B  Darroo Ammuumaa wajjuu(Amaraaftee)  Aanaa hidhabuu Abootee  keessatti kanneen argamaan Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa Gandoota baadiyyaa keessatti argaman hunda kan dhuunfate Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa(FXG) daran jabaachuun itti fufuun uummatni Oromoo mirgaa keenyaa falmachuuf manaa baanee shororkeessaa waraanaa wayyaaneen manatti hin deebinu jechuun warraaqsii daran jabaachuun itti fufe jira. Ilmaan Oromoo 150 humna Waraanaan ukkaanfamuun hidhaman keessaa namoota muraasaa maqaan nu qaqqabee jiru keessatti kan argaman:

1.       Barataa Tolasaa Dabalaa

2.       Barataa Girmaa Zawudee

3.       Barataa Eliyaas Salamoon

4.       Barataa Shallamaa Girmaa

5.       Barataa Zarihuun Kabbadaa

6.       Barataa Mulggeetaa Admaasuu

7.       Barataa Dajanee Baruudaa

8.       Barataa Tayyee Fayyee

9.       Barataa Tolasaa

10.   Barataa Abarraa Muldhataa

11.   Barataa Abarraa Girmaa

12.   Barataa Hayiluu Shonkooruu

13.   Barataa Barraakaa Gurmuu

14.   Obboo Hindaalee Miidhaksaa qotee bulaa

15.   Obboo Tasfayee …….. Qotee bulaan kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii waan gaafatan qofaaf humna waraanaan ukkanfamuun hidhatti darbamuun dararamaa jirachuun ibsamee jira. Uummata hidhaa fi Ajjeechaa waraanaan dararuun gaaffii keenyaaf deebii kennuu jechuu miti yoo daranuu akka warraaqsaa  Fincila Xummura Garbummaatti akka seennu nu dirqisiisee jira jechuun guyyaa hardhaas Warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufee jiraachuu madden qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan.