Mudde 30,2015 Godina Kaaba Shaggar (Godina Salaalee)tti Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa (FXG)n Daran Jabaachuun itti Fufe abbaan Irree Wayyaanee humna waraanatti dhimma bahuun Ilmaan Oromoo 150 olitti lakka’aman ukkamsee hidhe, Adeemsii kun immoo daran uummata Warraaqsaatti jabeessee kan jiru ta’uu Uummatni Oromoo Godina Salaalee Aanaa Hidhabuu Abootee Mudde 29/2015 irraa egaluun Guyyaa hardhaas Gandoota baadiyaa fi manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa fi Qophaa’ina Taddasaa Birruu, Mana barumsaa Gidaamoo Sadeenii fi uummatni Ganda Amuumaa Machaaraa, M/B Darroo Ammuumaa wajjuu(Amaraaftee) Aanaa hidhabuu Abootee keessatti kanneen argamaan Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa Gandoota baadiyyaa keessatti argaman hunda kan dhuunfate Warraaqsii Fincila Xummura Gabrummaa(FXG) daran jabaachuun itti fufuun uummatni Oromoo mirgaa keenyaa falmachuuf manaa baanee shororkeessaa waraanaa wayyaaneen manatti hin deebinu jechuun warraaqsii daran jabaachuun itti fufe jira. Ilmaan Oromoo 150 humna Waraanaan ukkaanfamuun hidhaman keessaa namoota muraasaa maqaan nu qaqqabee jiru keessatti kan argaman:
1. Barataa Tolasaa Dabalaa
2. Barataa Girmaa Zawudee
3. Barataa Eliyaas Salamoon
4. Barataa Shallamaa Girmaa
5. Barataa Zarihuun Kabbadaa
6. Barataa Mulggeetaa Admaasuu
7. Barataa Dajanee Baruudaa
8. Barataa Tayyee Fayyee
9. Barataa Tolasaa
10. Barataa Abarraa Muldhataa
11. Barataa Abarraa Girmaa
12. Barataa Hayiluu Shonkooruu
13. Barataa Barraakaa Gurmuu
14. Obboo Hindaalee Miidhaksaa qotee bulaa
15. Obboo Tasfayee …….. Qotee bulaan kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa karaa nagaa fi dimookiraasii waan gaafatan qofaaf humna waraanaan ukkanfamuun hidhatti darbamuun dararamaa jirachuun ibsamee jira. Uummata hidhaa fi Ajjeechaa waraanaan dararuun gaaffii keenyaaf deebii kennuu jechuu miti yoo daranuu akka warraaqsaa Fincila Xummura Garbummaatti akka seennu nu dirqisiisee jira jechuun guyyaa hardhaas Warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufee jiraachuu madden qeerroo bilisummaa Oromoo gabaasan.