SBO Bitootessa 01,2019. Oduu, Miidhaa lammiilee Oromoo Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Ona Abee-Dongoroo ganda 15ffaa keessa jiraatan irra gahaa jiru irratti gaaffii fi deebii akkasumas Marii Obbo Lubee Birruu waliin goone kutaa 4ffaa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO01032019.mp3x_8px.png

“ABOn Gaachana Keenya” Hiriira Guyyaa Har’aa Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Ta’e.

Aside

 

SBO GURRAANDHALA 27,2019. Oduu, Hiriira Godina Jimmaa Ona Limmuu Kossaa irratti nama dubbisnee fi Gaaffii fi deebii Hayyuu Oromoo Obbo Lubee Birruu kutaa 3ffaa

Aside

icon_10_generic_list.pngSBO27022019.mp3x_8px.png

Virus-free. www.avg.com

SBO GURRAANDHALA 24,2019. Oduu fi Gaaffii fi deebii Obbo Lubee Birruu waliin godhame kutaa lammataa

Aside

“Haqa qabna; qabsoo keenya…uummata keenya defend godhuun mirga keenya.” J Goollicha Dheengee, Ajajaa WBO Zoonii Kibbaa

Aside

Gaaffiif deebii jaal Goollicha Dhengee fi Gaazixeessaa Dhaabasaa Waaqjiraa waliin godhame; kan barreeffamatti jijjiire Qalbeessaa barruDhangi’aa  ti. 

“…. uummatni Oromoo nam 50 miti nam miliyoona 50, namni 50 nama miliyoona 50 bakka hinbu’u. Abbootiin gadaa namni 5 hincaalle, koree toknikaa jedhanii nama 71 ijaaranii, isaan keeessayyuu calalanii nama 30 tti galchanii, hogganni Keenya hogganni ABO WBO uummata Oromoof abbootii gadaaf laadheera jechuun nama 30 hireesaa murteessa jedheetii? Oromoon mari’achiifameeraa? Akka rifirandamiitti WBO’n jiraachuu qabamoo dhabamuu qaba jedhee Oromoon mari’achiifameeraa? Namoosi muraasi uummata Oromoo bakka hinbu’ani..” jedha.

Gaazixeessaa: Hayyee jaal Goollicha Dhengee ajajaa waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibbaa toorarratti argamtee gaaffif deebii si waliin gochuu ayyamuukeetiif galatoomi.

Jaa Goollicha: Isinis gaaffiif deebii naa gootaniif galatoomaan jedha.

Gaazixeessaa: Egaa akkuma beekamu yeroo ammaa kana wal dhabdee mootummaa fi mootummaa gidduu jiruun kan walqabate waraana bilisummaa Oromoo gara biyyaatti deebisuuf gareen abbootii gadaa fi ogeessota adda adda of keessaa qabu bobba’ee jira. Haala kanarratti maanni yaadi keessan?

Jaal Goollicha: Yaadni keenna akkuma hubatamu gareen abbootii Gadaa fii koree teknika jechuudhanii araara adda bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti buusuuf socho’an. Garee kana dheengadda naannoo Yaaballootti dhufanii nam sadii Jaawar Mohaammad fi namootni biroon lama isaan waliin turani, “waraanni bilisummaa Oromoo asitti simatama, asitti walitti qabama, asitti galmaa’ee fudhannee gara biyyaatti galla” jechuudhaan, naannoo Yaaballootti argamanii.

Egaa haa ta’uutii; tokkoffaa waraanni bilisummaa Oromoo abdii gaachana uummata Oromootii. Kaninni qabsaa’aa tureef bilisummaa uummata Oromoo fi walabummaa uummata Oromoo mikaneessuudhaafi kan qabsoo godhaa turee. Egaa kana keessatti rakkoo waraana bilisummaa Oromoo fi mootummaa Xoophiyaa jidduu akka laayyootti kan ilaalamu miti. Continue reading

SBO GURRAANDHALA 22,2019. Oduu, Miidhaa waraanni mootummaa EPRDF Gujii Bahaa keessatti geggeessaa jiru irratti gaaffii fi deebii ummata naannoo waliin taasisamee fi marii Obbo Lubee Birruu waliin taasisame

Aside

“ARAARICHI ARAARA HAQAA MITI. JAARSOLII JEDHANII ADEEMAA JIRAN DUBBISUUN HINDANDAA’AMU WARAANAN AJJABAMANII WAAN DEEMANIIF” JAAL MARROO

Aside

Jaal Marroo Dirribaa ajajaa WBO godina lixaa ti. Jaalli kun jiruu fi jireenya dhuunfaaf takkaa yeroo kennee hin beeku; gaaffii ummata Oromoof akka deebiin argamuuf qabsootti jira. Qabsoo kana keessa erga seenee Gadaa lamaa ol ta’eera.

Dhimma yeroo ammaa ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru irratti gaazexessaa  Dhaabasaa Waaqjiraa waliin gaaffii fi deebii addaa godheera.
“Araara jechuun harka kennachiisuu miti” jedha, Ajajaa WBO Zoonii lixaa, Jaal Marroo Dirribaa. “WBOn sirna ittiin taliigamu qaba; humna namtokkeen dubbisanii gansiisan miti.”

Gaaffii fi deebii kana Qalbeessa Dhangi’aa gara barruutti jijjiiree jira; kunooti!
…..
Gaazixeessaa: fayyaa ta’i jaal Marroo toora kanarratti argamtee gaaffiif deebii nu waliin gochuukeef, mee waan ammaa adeemaa jiru irratti yaada maalii qabdu kan abbootiin gadaa biyyatti gala mootummaatti deebi’aa jedhan irratti.

Jaal Marroo: Hayyee atis fayyaa ta’i jaala kiyyaa waan ammaa abbootii gadaa fi jaarrolee araaraa jedhamuu adeemu irratti egaa waluuma galattiakka Zoonii Zooniitti osoo hintaane akka waraana bilisummaa Oromootti haldureelee waan araara kanarratti qabnuu karaa ajajoota Zoonii Kibbaa kan dhiyaatee jiru tokko miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanfamaa ture quba qabduu, akka waraana Zoonii Lixaatti sanarraa kan adda ta’e hinqabnu. Waraanni Bilisummaa Oromoo caasaa adda ta’e hinqabu bakka marattuu murtiin keenya wal fakkaata. Continue reading

ONN: Guraandhala 18,2019-Gujii manneen Ummataa gubatan.

Aside

Yeroo koreen teknikaa araaraaf gara Kibba Oromiyaatti bobba’ee jirutti Raayyaan Ittisa Biyyaa gocha araara gufachiisu dalagaa jira.

Godina Gujii aanaa Oddoo Shaakkisoo ganda Sawwanaa keessatti guyyaa kaleessaa (Guraandhala 17/2019) Raayyaan Ittisa Biyyaa poolisii Oromiyaa fi Milishaa gandaa dabalachuun mana uummataa 30 ol gubee uummata qe’eerraa gara bosonaatti godaansiseera. Kana malees motora midhaan daaku kan nama dhuunfaa gubuun qabeenya uummataa barbadeesseera. Kanuma waliin bunaafi midhaan gosa adda addaa gubuun gocha gara jabinaa uummata irratti raawwataa jira. Yeroo ammaa uummanni manniifi qabeenyi jalaa gubate bosonatti dheessee jira. Continue reading

SBO GURRAANDHALA 17,2019. Oduu, Bobbaa Dr.Abiyyii fi Obbo Lammaan Begiitti taasisanii fi haasaa ummata waliin godhan irratti hirmaataa tokko haasofsiisneerra. Kan biraas ni qabna.

Aside

SBO GURRAANDHALA 15,2019. Oduu fi Haala naannoo Wallagga Lixaa Onoota Begii fi Gidaamii keessa jiru irratti marii jiraataa naannoo Begii waliin taasisame

Aside