Jaal Marroo Dirribaa ajajaa WBO godina lixaa ti. Jaalli kun jiruu fi jireenya dhuunfaaf takkaa yeroo kennee hin beeku; gaaffii ummata Oromoof akka deebiin argamuuf qabsootti jira. Qabsoo kana keessa erga seenee Gadaa lamaa ol ta’eera.
Dhimma yeroo ammaa ABO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu jiru irratti gaazexessaa Dhaabasaa Waaqjiraa waliin gaaffii fi deebii addaa godheera.
“Araara jechuun harka kennachiisuu miti” jedha, Ajajaa WBO Zoonii lixaa, Jaal Marroo Dirribaa. “WBOn sirna ittiin taliigamu qaba; humna namtokkeen dubbisanii gansiisan miti.”
Gaaffii fi deebii kana Qalbeessa Dhangi’aa gara barruutti jijjiiree jira; kunooti!
…..
Gaazixeessaa: fayyaa ta’i jaal Marroo toora kanarratti argamtee gaaffiif deebii nu waliin gochuukeef, mee waan ammaa adeemaa jiru irratti yaada maalii qabdu kan abbootiin gadaa biyyatti gala mootummaatti deebi’aa jedhan irratti.
Jaal Marroo: Hayyee atis fayyaa ta’i jaala kiyyaa waan ammaa abbootii gadaa fi jaarrolee araaraa jedhamuu adeemu irratti egaa waluuma galattiakka Zoonii Zooniitti osoo hintaane akka waraana bilisummaa Oromootti haldureelee waan araara kanarratti qabnuu karaa ajajoota Zoonii Kibbaa kan dhiyaatee jiru tokko miidiyaa hawwaasaa irratti maxxanfamaa ture quba qabduu, akka waraana Zoonii Lixaatti sanarraa kan adda ta’e hinqabnu. Waraanni Bilisummaa Oromoo caasaa adda ta’e hinqabu bakka marattuu murtiin keenya wal fakkaata. Wanti amma deemaa jiru araara dhugaa biyya kanarratti nagaa buusuuti taate akka amma deemaa jiru kanaan harka nama haqaaquu ykn humnaan harka nama micciiruu kan fakkaatu ta’uu hinmallee, jaarrolee kanaa kabajaa olaanaa isaanii qabnaa yoo dhuguma nagaa buusuu ta’e jennee dhaggeeffanneerraa yoo nutti dhufu ta’es dubbisuuf qophii turree, kallattii addaa addaa dhaamsa karaa nama namaanuu ergamaa turee dubbisuuf obsaan eegnee turre sababaan hayyu dureen keenya akka isaan dubbifnu nuu dhaamanii turan waan ta’eefii. Garuu dubbiin turtee akkaataa itti jara kana dubbisuun dandaa’amuttuyyuu argamuu hindandeenyee isaaniis nu dubbisuuf jaarsa araaraa hinfakkaannee, abbootii gadaa nama wal lole gidduutti naga buusan hinfakkaanne, waraana bilisummaa Oromoo bakka addaa addaatti qaama addaa addaatiin itti sochoo’amee akka waraana booji’ame tokkootti, akka waraana saba kanaaf umuriisaa waggaa meeqaa gabbaree daa’imni kichuun meeqa itti cabde, qe’een nama meeqaa itti buqqa’e akka hintaane tokkoottillee akka bobbaa Hoolaa Hoolan illee tiksee qabdi tikseen ganama baaftee yeroo itti dachaaftu qabdi. Guyyaa waaree Hoolota diida keessaa dachaasanii hingalchan bobbaan Hoolaallee yeroo qaba kabajaa qabdii. Jaarsa araaraa nama gidduutti rakkoo furu utuu hintaane mootummaan yeroo muddamu afuura baafachiisuu fakkaata. Badiin xiqqoo tokko karaa waraana bilisummaa Oromoo dhalatte yoo jedhan quba nutti qabuuf WBO’n akkas godhe kana balleesse jedhanii ibsa baasuu; rakkoo ulfaataa dararamni hiriyaa hinqabne uummata Oromoo irratti gama waraana mootummaatiin yeroo raawwatu ammo callisaniituma ilaalanii kunii shakkii nutti uumee. Dhukaasa dhaabaa jennaan dhukaasa dhaabnee lafa jirru hundumaa irrattii nagaan haa bu’u araaraaf uummanni keenya hunda caalaa ammoo uummanni keenya bakka jiru maraa mootummaan kun araara barbaada taanaan mee dhukaasa dhaabaa nutu isin wajjin jiraa jennaan uummata dhageenye. Eenyuun caalaa kan qabsoo kanatti wareega kaffale uummata keenya jennee uummataa dhageenyee dhukaasa dhaabne. Dawoo kanaa galuun waraanni mootummaa uummata keessa seenee lafa uummatni nagaa deemuudhaan uummata keenyarratti miidhaa geessise haala akkasii keessatti, haala waraanni guyyaa tokko addaan hincitne keessatti haala WBO’n dhukaasa dhaabee bakka jirutti humni raayyaa ittisa biyyaa itti dhufee itti dhukaasee ajjeesaa jiru keessatti haala uummatni waraanaan mandara keessaa godaanee jiru keessatti jaarroleen kunii dhufanii sanuu immoo waraana mootummaan tikfamaa akkaataa sanaan mariin gaggeefamuu fii araarri ykn jaarsumman adeemu tasumaa biyya kanarratti ka ta’ee hinbeekne. Kanarraa kan ka’ee waraanni bilisummaa Oromoo hinfudhanne.
Gaazixeessaa: amma jaarrolee araaraaf deeman waliin wal argitaniittuu?
Jaal Marroo: jaarrolee kana waliin wal arguuf fedhii guddaa qabna turree; garuu, wal arguun hindandaa’amu maaliifii? Isaan kan adeemanii waraanaan marfamaniitii yoo ol baanu waraanaaf itti baanamoo? Walitti dhukaasuuf itti baanamoo? Nagaa dubbachuuf itti baana? Siin galu. Bakkoota addaa addaatti marfamaniitu adeemu uummatnillee keenyallee ijoolleen keenya ergamtoota keenya, fedhii isaanii nullee beeknaa nu dubbisaa jedhee uummatni gaafannaan jaarroleen kun yeroo dhokatantu mul’ate. Kanaafii achitti isaan haasofsiisuun hindandaa’amuu waan araaraa hinfakkaattuu meeshaa dhumaa meeshaa Oromoon dhabee ittiin cabe kana deeffachuuf tattaafatu isaaniin akka jaarrolee araaraatti ilaaluu bifa hindandeenyerra geenyee jirra. Araara yoo ta’e sanuu nama waggoota dheeraaf wal waraanaa ture nama shakkii walirraa qabuun ati kottu, ati akkas ta’iin halkan tokkotti hinraawwattu.
Waan wal dhabdee olla tokkoo hingeenye fakkeessuun waraana keenya akka booji’amaatti fakkeessuun gaaffii Oromoo xiqqeessun waan adeemaa jiraniif haala kanaan wal arguun hindandaa’amu. Miidhamaa jirra guyyuu guyyuutirraa wareegama kaffalaa jirra. Uummata keenyallee ajjeesanii wal awwaalaa jira waan ta’eef obsa fixachuurra jirra.
Gaazixeessaa: akka booji’amaatti nu ilaalaan waan jedhu kaaftee jirta mee atoo ajajaa WBO zooniitii dhufanii si hindubbifnemoo maal jechukeeti mee kana naa ibsi?
Jaal Marroo: ajajoota dubbisuu dhiisanii miseensota dubbisuutii, miseensota gadii dubbisanii gansiisu araara miti. Haqasaa baafnee dubbachuu wayya waraana gansiisuu irratti kan xiyyeeffatu jaarsa araaraa jedhanii, abbootii gadaa jedhanii abbootii amantii jedhanii olaantummaa mootummaa qofa qabatanii waraanni bilisummaa Oromoo Qawwee hiikkataa akkaataanni harka kennatu irratti hojjetu kan deemaa jiru malee murtii jaarmiyaa WBO qabatanii kan hojiitti hiikamaa jiru miti. Bilbiloota waraanni qaban qabatanii galaa jechuu irratti hojjetaa jiru.
Gaazixeessaa: utuu dubbiin kun deemaa jiruu Obbo lammaa Fi Dr. Abiyyi Begii deemanii uummata dubbisaniiru kana quba qabduu?
Jaal Marroo: Eeyyee quba qaba baay’ellee irraa fagoo hinturre, ganamasaa meeshaa waraanaa gurguddaan akkasuma xiqqoo turaniimmoo Elekopteeratu naanna’uu jalqabee xiqqoo turree maal jennaan namoota kanatu dhufe jechuu dhageenye eeyyee quban qaba.
Gaazixeessaa: yaadaan maaliif akkas godhame sitti fakkaata yeroo dubbiin araaraa deemaa jiru kanatti?
Jal Marroo: kana kanallee yoon jechuu baadhee uummatni kun waan bare tokko aadaa mootummootni xoophiyaa barsiisan yeroo namni siyyaasaa tokko dhalatu waan raawwachuu hindandeenye tokko waadaa seenuu inni kuni yeroo muddama siyyaasaa qofaaf yeroo filannoo waan ta’uu egaa kunis kanarraa fagoo miti.
Gaazixeessaa: miidiyaalee garaagaraa irraa jiilli araaraaf gara Lixaa imale Jaal Marroo dubbiseera waan jedhu jira, jaarroleen kun si dubbisaniirumoo si hindubbifne?
Jaal Marroo: WBO zoonii lixaa gaafa jedhamu Buraayyuuf kattaa ka’ee waraana socho’udha. Isa kana qoqqoodanii waraana Begii dubbifne, waraana gidaamii dubbifne, kan mogor, kan salaalee jedhanii dabalataan jaala Marroo dubbifne waraanasaa qabatee nutti adeemuu jira waan akkasii deemuutti jira. Waraanni Bilisummaa Oromoo akka mana gogaa Harreeirraa ijaaramee gaafa Waraabeessi yuusu diigamu miti waraana sirna qabu, waraana sirna irratti ijaaramedha. Waraana kaayyoo qabu, waraana cichooma qabuu fi waraana waan manaa baheef beeku , waraana akkamittiin akka galu beeku waan Oromoo Oromoof maltu waraana barbaadaa jiru sun argamte jennaan halkan tokkollee caakkaa taa’u miti. Kan kanarraa hafe ebelu dubbifne, walii galle, ebelu dubbifne walii galle jedhamuun waraana diigamu miti. Waraanni WBO waraana dhiigaaf lafee gootota hedduun ijaarame, sagantaa qaba heera qaba. Hololli akkanaa ammo adeemaa jirti garuu waan diigus waan ijaarus hinqabu. Waraanni kun(WBO) naamusaan murtii waloo waraanni bilisummaa fudhatu eeggatuutti jira. Gabaabumatti qaamni maqaa araaraan deemu kan nu dubbise hinjiru. Dubbisuu jibbine utuu hintaane akkatti isaan dubbisantu hinjiru adamoon itti fufee jiraa, uummatni keenya ajjeefamaa jiraa, midhaan gubatuutti jiraa safuun Oromoo cabee Saani Sangaan diida keessatti rasaasaan rukatamuutti jira haala kana keessatti jara kana dubbisuutu hindandaa’amu.
Gaazixeessaa: waraaqaan tokko kan ministeera waraanaa biraa mallattoo Biraanuu Juulaan bahe waraanni karaa haa saaqu jedha isa kanaaf waraanni mootummaa karaa saaqee jiraa akka isin jaarrolee kana dubbiftaniif?
Jaal Marroo: karaa saaquu mitii lolatu deemaa jira siin jedhaan jira jaala kiyya. Yeruma araarri dubbatamaa jiru kanatti waraana bilisummaa Oromootti waraanni mootummaa dhukaasa banaa jira. Ofittisuutti jirra. Karaa Saaquu mitii labsii dhukaasa dhaabuu jedhamu mootummaan hojiitti hinikne. Muddamsi ittuma fufee jira, lolli ittuma fufee jira karaa Mootummaatiin. Holola waraanni Bilisummaa Oromoo hogganasaaf hinajajamu jedhu dhugaasaa mul’isuuf wareegama kaffaluutti jirra. Uummatni keenyas wareegama kaffalaa jira. Utuu isin nu keessa jirtanii miidhamuutti jirra jedhee uummatni keenya obsa fixachuutti jira malee karaan saaqame hinjiru.
Gaazixeessaa: amma araarri kun araara haqaa hinfakkaatu kan jedhu naa kaaftee jirta. Araarri haqaa akka ilaalcha WBO tti araara akkamiiti?
Jaal Marroo: araarri haqaa uummatni Oromoo akka sabbaatti gaaffii waggoota dheeraa gaafataa ture jiraa waan barbaaduu jiraa, waraanni bilisummaa Oromoo ammo akka agartuu uummataatti gaaffii kana ofitti fudhatee jiraa, gaaffiin Oromoo hundeerraa akka deebii argatutti akkasumas waraanni mootummaa ilma ajjeesee haadha irra teessise, ka dubartii ulfa ajjeese, ka maatii godaansisee fii dargaggoo kichuu dhiiga dhangaase seeratti dhiyaatee afuurri araaraa akka amantuutti bakka hundaatti mul’atee gaaffiin uummaata Oromoo ka illee halkan tokkotti deebi’u yoo ta’uudhaa baate deebii argachuuf daandii kan qabate yoo ta’e bifa kanaan araarri bu’uu nii dandaa’a. araarri haqaa inni tokko yoo miidhu callisanii, inni tokko yoo miidhamu callisanii isa tokko afuura itti horaa isa tokko afuura kutaa kan deeman osoo hintaane guutuutti qaani lamaanuu waraana dhaabee bakka bakkaasaa qabatee akka deemu gochuu ture.
Gaazixeessaa: warri mootummaan ammaa mootummaan Abiyyi mootummaa Oromooti, mootummaa Oromoo waraanuu utuu hintaane gargaaruu qabna jedhan jiru kanarratti maal jetta jaal Marro?
Jaal Marroo: afaaniif beekii Hayila Sillaaseen Oromoo turee, Mangistuun Oromoo ture jechuun waanuma jirtu. Nuti Oromoon hogana siyyaasaa ta’uu miti ka jechuu jirru gaaffiin Oromoo deebii argachuu qabaa jechuu jirra. Namootni afaan Oromoo dubbatan kun aangoo siyyaasaa qabachuun deebiin Oromoo tokkittiillee gaaffii ilmaan Oromoo kitilli ba’ee itti fincilee irratti wareegame kanatu deebi’e kan naan jettu jiraa? Tokkollee hinjiru. Kanaaf namni barcuma siyyaasaarra taa’eef ebelu ykn ebeluu obboleessa ebelluuti jechuu miti gaaffii Oromootu deebii argachuu qaba jechuutti jirra. Ilma ishee ajjeesanii irraa teessisan sun dhiiga saree miti.
…….itti fufee jira.
Barreeffamatti kan jijjiire Qalbeessa Dhangi’aa ti!
Karaa danda’ame hundaatiin mootummaan RIB isaa ajajee waraana akka dhaabsisuuf dhiibbaa irratti gochuun barbaachisaa dha. Gama kaaniin immoo ABOn dhiibbaa mootummaan WBO irratti godhaa jiru kana akka addunyaan beekuuf karaa miidiyaalee hundaatiin beeksisuun barbaachisaa dha. Sababni isaa yoo WBOn callisee of irraa ittisuu qofa irratti fuulleffate mootummaan karaa miidiyaalee isaa WBOtu araara dide jedhe labsatee waraana hamaa banuuf deema waan ta’eef dhugaa jiru hawwaasa addunyaati beeksisuun murteessaa dha. Hooggansi ABOs haala qabatamaa kana Abbootii Gadaa fi uummata Oromootiif yeroodhaa yerootti gadi ba’ee ibsa barbaachisu kennuu qaba malee ibsa Jawar Mohammed qofatti amanee callisee taa’uun of dagachuu ta’a. Uummatni Oromoo guyyaa guyyaatti odeeffannoo haala yeroo irratti argachuun barbaachisaa oguu ta’u odeeffannoo kana kennuun immoo dirqama hooggantoota ABO ta’a. Yeroon kun yeroo itti of dagatanii rafan miti. Oromoon hundi waan nurraa eegamu baasuun amma! Horaa Bulaa! Injifannoon Uummata Oromoof!