Har’a Amajjii 20,2016 Baha Wallaggaa magaalaa Naqamteetti Uummata Magaalattif Qeerroon Waliin ta’un “Dhala keenyaaf Haadhoo of biraa dhabaa yeroo jirrutti nuti gammachun ayyaana dabarsuu hin dandeenyu” jechuun gara FXG finiinsan walle warraqsaa kan yoomille gurra ummataa keessa hin banne (baala hadaami shaggo yaa sharritti fkkf)n geellifama ture Humni waraana kan qubsumas Naqamte godhate akkuma amala ummata bittimsus akka hin dhabbanne abdii guutun hima oduun achi nu dhaqabe.
Category Archives: Oduu/News
Qeerroon Godina Lixa Arsii, Kokosa Keessatti Diddaa Sirna Wayyaanee Gaggeessaniin Oromoon Biyya Isaa Barbaada,Wayyaaneen Nurraa Haabahu Jechuun FXG Gaggeessaa Oolan.
Aside


Warraaqsa FXG Qonnaan Boltoota Oromoo Godina Haragee Aanaa Asaboot
Aside


Uummati Magaalaa Naqamtee hiriira FXG guyyaa ayyaanaa cuuphaatti itti fufanii!
Aside
Har’a Amajjii 20,2016 Magaalaa Naqamtee naannoo kuusaa bunaa durii bor bakka naafxaa NOC jedhamutti gobii sirbuudhaan, Qeerroon magaalaa Naqamtee hanga abbaan biyyummaa keenya mirkanaa’utti FXGn keenya duuba hin deebi’u jechuun guyyaa har’aa kana fincila geggeessaa jiru
Hoo Baala baddeessaa Wayyaanee Nurraa geggeessaa, Hoo korma guduruu Oromoon biyya hin gurguruu jechaa dhaadhannoo dhaanootummaa Wayyaanee abaaraa oolan Loltooti humna garboomfataa tigiraayis humna isaa ilmaan shanan Leeqaa irratti bobbaaseen boombii aara imimmaan nama buusisu irratti facaase.
Haata’u malee,hiriirtonni durumaan bishaan qabatanii ba’uun Ijoollee irratti facaasuun baraaranii ammas yeroo lammataaf hiriirri wayita itti fufu,humni agaazii itti roobsamuun addaan bittinneessuun isaa beekameera Jiraattonni magaalaa Naqamtee yeroo amma kana humni waraanaa mana galmaa isaanii keessaa humna waraanaatiin qabamanii akka gara mana hidhaatti guuramaa jiranis beekameera
Humni Waraanaa Shororkaa Mootummaa Waayyaannee Agaazii Baha Wallaggaatti Kan Duraa Irra Daran Dabalamaa Jiru.
Aside
Amajji 20,2016
Sagalee Uummataa uukkaamsuu kan amaleeffate Mootummaan Waayyaane,har’as aangoosaatti fayyadamee FXG dhaamsuuf dhamaati ta’e
duraa fashala’uun jiraatus abdii osoo hin kuti humna waraanaa hidhannoo guutu Uummata civil keessa bittumsuutti jira Akkasuma magaalaa Naqamtee keessatti amajji 18 2016 asitti Agaazii 400 guyyaa hara’aa Amajjii 20,2016 dabalanii baadiyyaa keessa qubachiisanii akka jiran gabaasame.
FXG Oromiyaa
Aside
Guyyaa Har’aa Amajjii 19,2016 Dirre Dawaa Magaala Waahel Keessatti FXG Itti Fufee Jira.
Aside


European Parliament: MOTION FOR A RESOLUTION on Ethiopia (2016/2520(RSP))
Aside

Source: European Parliament
MOTION FOR A RESOLUTION
with request for inclusion in the agenda for a debate on cases of breaches of human rights, democracy and the rule of lawpursuant to Rule 135 of the Rules of Procedure on Ethiopia (2016/2520(RSP))
Hilde Vautmans, Beatriz Becerra Basterrechea, Petras Auštrevičius, Izaskun Bilbao Barandica, Marielle de Sarnez, Urmas Paet, Pavel Telička, Ilhan Kyuchyuk, Ramon Tremosa i Balcells, Ivo Vajgl, Dita Charanzová, Nedzhmi Ali, Martina Dlabajová, José Inácio Faria, Fredrick Federley, Nathalie Griesbeck, Marian Harkin, Filiz Hyusmenova, Ivan Jakovčić, Petr Ježek, Javier Nart, Maite Pagazaurtundúa Ruiz, Frédérique Ries, Robert Rochefort, Johannes Cornelis van Baalen, Paavo Väyrynen, Valentinas Mazuronis
on behalf of the ALDE Group
B8 0095/2016
European Parliament resolution on Ethiopia
(2016/2520(RSP))
The European Parliament,
- having regard to its previous resolutions on the post-election crisis and serious human right violation in Ethiopia and in particular those of 7 July 2005 on the human rights situation in Ethiopia, 13 October 2005 on the situation in Ethiopia,
- having regard to the local EU statement on the situation in Ethiopia on 30 July 2014,
- having regard to the joint statement by the HR/VP of the EU and the Ethiopian Minister of Foreign Affairs on 20 October 2015 in Brussels,
- having regard to the statement by the EU External Action spokesperson on 23 December 2015 on recent clashes in the Oromo and Amhara regions in Ethiopia,
- having regard to the Human Rights Watch report on Ethiopia on January 2011,
- having regard to the Cotonou Agreement,
- having regard to the fact that Ethiopia is the fourth largest recipient of EU aid in the world and the EU its most significant trade partner,
- having regard to the African Charter on Human Rights and Peoples of 1981,
- having regard to the International Covenant on Civil Rights, 1966 policies,
- having regard to the Universal Declaration of Human Rights of 1948,
- having regard to the Constitution of the Federal Republic of Ethiopia, adopted in 1995, in particular its articles 46 and 47;
- having regard to Article 135 of the Rules,
- Whereas in Ethiopia, which was one of the poorest countries in the world and is the Africa’s second most populous nation, the ruling party (Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front –EPRDF-) dominated by the Amhara and Tigray ethnic clans has been in power since the overthrow of the military government in 1991; whereas some of the largest ethnic communi¬ties, particularly the Oromo and Somali (Ogaden), have been marginalized by Abyssinians (Amhara/Tigray) with little participation in the political representation, and are subject to regular and violent human rights abuses;
Read Full Document
FXG Oromiyaa Bakka Gara Garaa fi Magaala Naqamte Keessatti Itti Fufe.
Aside
Magalaan Naqamtees Guyyaa Har’aa FXG Itti Jira Manneen Barnootaa:-
1. Qopha’insaa naqamtee
2. Mana barumsaa Oolmà da’imanii beetel
3. Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Dibooraa
3. Mana barumsaa kibbaa Waachaa
4. Mana barumsaa Ask K eessaattii Mormii cimaan godhama jira. Daa’immaan heddunis gazii nama boosisun miidhamaniru. Mana barumsaa kibbaa waachaa Keessaattii dhukkasni hedduun godhama ture. Baratootni miidhamanis yaalii akka hin argannee dhorkamanii kallaattiin gara mana hidhaa naannoo dhidhessaattii geessamaniru.
Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Gimbii Wallaggaa Loltoota Wayyaaneen Qabamanii Seeraan Ala Hidhamaa Jiru.
Aside
Amajjii 19,2016 Gabaasa Qeerroo Gimbii
1,Abayyaa Faxxanaa Tasgaraa kan jedhamu hojjetaa dirree misoomaa kan ta’e,ga’een hojii isaa kfo keessatti barreessaa kan godina wallaggaa lixaa,yeroo ta’u, yeroo adda addaatti ragaa sobaa irratti qindeessuun carraa guddinaa akkanni hin arganne godhanii jiran. Kana malees sababa mormaa deggerte jedhamuun iddoo hojii isaa duraa irra kaasuun lafa fagootti darbachuun,karaa dheeraa marmaaree akkanni hojjetu godhaa jiran. kan biraan warreen ganda bulchaniin waaninni keessaa hin qabne godheera,goosiseera jedhaa ragaa nuuf laadhaa jechuun akka lakkoobsa habashaatti 06/05/08tti Koreen mataa isaa danda’e ijaaramee hojiitti seenee jira.
Akka keessa beektonni jedhanitti sochii barattootaa duuba jirta,hojii shororkaa hojjechaa jirta jechuun hojii irra hari’uuf ykn mana adabaatti darbachuuf qophii akka ta’an adda baasanii jira.
2,Solomoon Mokonnon wallitti qabaa kfo godina wallaggaa lixaa yemmuu ta’u,paarlaamaaf illee dorgomaa ture. Namni kunis haaluma kanaan ija diinaan fuula mootummaa duratti ilaalamuu ergaa eegalee bubbulee jira. Yeroo dhihoo Kanas shororkaa duukaa hiriirtee jirta jechuun torbanoota sadiif mana adabaa turee kan ba’e yoo ta’u ammas doorsifni adda addaa irratti geggeefamaa jira.
3,B/Tafarii Baqqalaa itti aanaa Solomoon, bifuma walfakkaatuun hidhaa torban lamaa irra turee dhiyeenya yoo gad dhiifames, ammas carraan isa eeggatu hidhamuuf hojii irraa hari’atamuu akka ta’e, warreen quuqama lammii isaanii qaban iccitii kana bakkee baasaniiru.
Kana malee Fufaa kan jedhamuuf kanneen biroon kfo keessatti hirmaanna garagaraa godhaa turan martuu adabni akka isaan eegaa jiru bira ga’ameera. Kanaaf hundumtuu gochaa diinaa kana hubatee akka irratti qabsaa’uu qabu dhaamsa keenya dabarfanna.








