Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Gimbii Wallaggaa Loltoota Wayyaaneen Qabamanii Seeraan Ala Hidhamaa Jiru.

Amajjii 19,2016 Gabaasa Qeerroo Gimbii

1,Abayyaa Faxxanaa Tasgaraa kan jedhamu hojjetaa dirree misoomaa kan ta’e,ga’een hojii isaa kfo keessatti barreessaa kan godina wallaggaa lixaa,yeroo ta’u, yeroo adda addaatti ragaa sobaa irratti qindeessuun carraa guddinaa akkanni hin arganne godhanii jiran. Kana malees sababa mormaa deggerte jedhamuun iddoo hojii isaa duraa irra kaasuun lafa fagootti darbachuun,karaa dheeraa marmaaree akkanni hojjetu godhaa jiran. kan biraan warreen ganda bulchaniin waaninni keessaa hin qabne godheera,goosiseera jedhaa ragaa nuuf laadhaa jechuun akka lakkoobsa habashaatti  06/05/08tti Koreen mataa isaa danda’e ijaaramee hojiitti seenee jira.
Akka keessa beektonni jedhanitti sochii barattootaa duuba jirta,hojii shororkaa hojjechaa jirta jechuun hojii irra hari’uuf ykn mana adabaatti darbachuuf qophii akka ta’an adda baasanii jira.

2,Solomoon Mokonnon wallitti qabaa kfo godina wallaggaa lixaa yemmuu ta’u,paarlaamaaf illee dorgomaa ture. Namni kunis haaluma kanaan ija diinaan fuula mootummaa duratti ilaalamuu ergaa eegalee bubbulee jira. Yeroo dhihoo Kanas shororkaa duukaa hiriirtee jirta jechuun torbanoota sadiif mana adabaa turee kan ba’e yoo ta’u ammas doorsifni adda addaa irratti geggeefamaa jira.
3,B/Tafarii Baqqalaa itti aanaa Solomoon, bifuma walfakkaatuun hidhaa torban lamaa irra turee dhiyeenya yoo gad dhiifames, ammas carraan isa eeggatu hidhamuuf hojii irraa hari’atamuu akka ta’e, warreen quuqama lammii isaanii qaban iccitii kana bakkee baasaniiru.
Kana malee Fufaa kan jedhamuuf kanneen biroon kfo keessatti hirmaanna garagaraa godhaa turan martuu adabni akka isaan eegaa jiru bira ga’ameera. Kanaaf hundumtuu gochaa diinaa kana hubatee akka irratti qabsaa’uu qabu dhaamsa keenya dabarfanna.

1 thought on “Dargaggoonni Oromoo Magaalaa Gimbii Wallaggaa Loltoota Wayyaaneen Qabamanii Seeraan Ala Hidhamaa Jiru.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s