Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi Aanaawwaan Amboo Jiran Keessatti Xumura Mootummaa Wayyaaneetti Gochuuf Jecha Diddaan Ummataa Haalaan Jabaachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Amajjii 24,2016  Godina Lixa Shaggar Magaalaa Amboo fi aanaawwaan Amboo jiranitti Warraaqsii FXG haalaan jabeessuun Uummatni fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO Waraanaa nurratti labsee lafarraa nu fixaa jiruu jalatti hin bullu, gaaffiin mirga abbaa biyyummaa dhiyeeffanneef deebiin nuuf haa kennamu, Mirgi namummaa fi Dimookiraasii nuuf haa kabajamuu, Mootummaan Federaalaa fi Bulchiinsii Magaalaa finfinnee Master Pilaanii Finfinnee Labsiin haquu qaba, Mootummaan EPRDF/TPLF/OPDO Waraana nurratti Labsee Labsii nurraa kaasuu qaba yoo kaasuu baatees Wareegama Qaalii baasuun of irraa kaasuuf qophiidha jechuun murtii dhumaa dabarfachuu ibsatanii Warraaqsii itti fufe jira. Qabxiilee armaan gadii kunis yeroo amma kanatti bakka hundatti utuu wal irraa hin citiin kan fudhatamuu qabanii fi fudhataam jiran ta’uu ibsan.

1.       Qonaan Bultootni, daldaltootnii fi qaamni hawaasa marti kanfaltii gibiraa  mootummaa  saamichaa irratto bobbaa jiruu  fi yakkama kanatti akka hin kaffallee ibsatan.

2.       Walga’ii bifa kamiin iyyuu mootummaan abbaa irree waraanaan bulaa jiru kun godhuu akka hin hirmannee murtii fudhatan.

3.       Mootummaan Wayyaanee atattamaan aangoo gadhiisee yakka ajjeechaa ilmaan Oromoo irratti rawwateef akka itti  nuuf gaafatamu ,

4.       Ilmaan Oromoo wareegamaniif itti gaafatamuu qaba, gumaas kanfaluu qaba,

5.       Daandiin Konkolaataa kan Waraannii wayyaanee irraa fiiguun qe’ee keenyaatti nu dararaa jiruu daraan jabeessuun cufuun falmaa hadhaawaa jabeessuuf murtii fudhanne jirra.

6.       Hidhamtootni siyaasaa Oromoo hundii ataattamaan akka hiikaman.

7.       Mootummaan Cee’umsaa yeroon akka hundeeffamuu fi Mirgootni namummaa fi dimookiraasii hanga nuuf kabajamuutti falmachuu irraa duubatti hin deebinu jechuun uummatni Oromoo Aanaa Amboo fi nannaawaa Magaalaa Ambootti argamaan Murtii ulfaataa fi ijibbachisaa fudhachuutti akka seenaan labsataniru.

Haaluma kanaan Aanaa Amboo gandootaa baadiyyaa fi magaalaa keessatti Uummatni kanfaltii gibiraa guutummaan guutuutti dhaabuun, mootummaa Wayyaanee humnaan dirqamsiisuu barbaaduu dura dhaabbachuun falmaa isaa itti fufee jira, dabbaalloota gandaa ergama wayyaanee sodaatanii galmaan ga’uuf fiigan illee uummatni akeekkachiisuun bakkeewwaan muraasatti immoo wajjiraalee gandaa irratti diiguun uummatni tarkaanfii kamiif iyyuu qophaa’aa ta’uu argisiisee jira. Haaluma kanaan Aanaa Amboo Gandoota akka Waddeessaa bakka ilmaan Oromoo bara baraan Wayyaaneedhaan Wareegamtu, Haroo Xiroo, Galaan, Xullee ,fi Cittuu  keessatti Uummatni guutummaati Sirna Abbaa irree jalatti hin bulluu jechuun murtii olitti dabarfatan hojiirra olfachuu isaanii mirkaneessuun yeroo amma ofiin wal bulchaa jiraachuu fi wareegama loltoota wayyaaneen issaan irratti fudhatamaa jiruu, Amajjii 20/2016 irraa eegaluun bifa adda ta’een jala dhaabbachaa jiru.

Godina Shaggar Lixaa Ona Waddeessaa Keessatti Walitti Bu’iinis Qonnaan Bultootaa fi Waraana Wayyaanee Jidduu Jabaachaa Jira.

Aside

Amajjii 24/2015
Gabaasa Shaggar Lixaa ona Waddeessaa irraa nu qaqqabeen guyyaa sadiif jechuun torban kana keessa dhukaasni uummataa fi waraana Wayyaanee gidduutti taasifameen humna waraana Wayyaanee keessaa namni 4 kan du’a yoo tahu hedduun madeeffamuun kan gabaafame yoommu tahu qonnaan bulaa keessaa namni 2 du’uunis Qeerroon gabaasee jira.
Har’a odeessi Qeerroo garasii nu qaqqabeen dargaggooni ona kana gadhiisanii jiru, akkasuma qonnaan bultootni tokko tokkos naannicha
gadhiisuun naannoo biraatti godaanananii jiru jedhu kunis waraana Wayyaane humni guddaan gara sanatti guuramaa waan jiruuf haalli jiru
jabaata tahuu irraan dargaggoonni hedduun naannicha gadhiisaa akka jiran gabaafamee jira.
Haaluma kanan barattootni yuuniversitii 14 maqaan isaani maxxanfamee jiru waraana Wayyaaneen kanneen barbaadamaa jiraniidha. Maqaa
barattoota lukkuulee diinaan barbaadamaa jiranii gabaasa keenya eengaddaa irratti ifa ta’ee jira.

Jiraattooti Naannoo Harmaayaa Mudde 15,2015 FDG Bahaniin Qofa Hedduun Hidhaa Galanii Hanga Ammaatti Darararaan Guddaa Irraan Gahamaa Jiraachuu Qeerroon Beeksise.

Aside

Because I am OromoGabaasa Qeerroo Amajjii 24,2016 ,Hiiriira FDG Mudde 15,2015  magaalaa Haramaayaattii gaggeeyfame irrratti hirmaattan ja’amanii qabamuun hanga har’aatti murtii takkaan maletti buufata poolisii magaalaa Haramaayaa fi mana hidhaa Addeellee keessatti dararamaa jiran keessaa muraasaa fi haalaan kanneen miidhaman hammi tokko:-

  1. Booranaa Yuusuf
  2. Malkaa Sheekhaa
  3. Iskender Duurrii
  4. Magarsaa Abdii
  5. Joonii Mahammed
  6. Laziiztuu Mahammed
  7. Nuuruu Mahammed
  8. Kadiiree Aliyyii
  9. Illuu Yaassiin
  10. Iskoorlee Yuusufii
  11. Abaasee Saalih
  12. Abaasee Mahammed
  13. Zakkii Muummee
  14. Caalaa Baker
  15. Iskender Uttoo
  16. Faamii Yoonis
  17. Obsaa Mahdii
  18. Ramadaan Abdullaahi
  19. Magarsaa Qondo haadha manaa isaa, jaartii obboleessa isaa waliin
  20. Abraahim Bakaroo, haadha mana isaa, ilma isaa,Intala isaa
  21. Nuuraddiin
  22. Mahbuub Xahaa
  23. Nasraa nama jedhamtuu

fii kanneen maqaan hin beekkaminiis hedduudha hidhaa keesatti rakkachaa jira.

FXG Wallagga Yuunibarsiitii Keessatti Bifa Haaraan Egale

Aside

Amajji 24,2016
Wallaggaa UniDararuuf giddirsuun dhaloota qubee akka mirgaaf hin falmanne gochuu hin danda’u.kanas kan dhageenyurra kan arginu nii mirkaneessa
Sa’atiin ammaa kanatti FXG WU keessaa banbanaa jira Dhukaasa gurguddaan dhaga’amaa jira.kunoo sa’atiuma kanayyu dhukaasa
dhuka’a jiru dhaga’an jira. Haaluma kanaan bor manneen barnoota fi Kollejjiwwan dhuunfaa magaalaa Naqamtee akka itti fufan irbuu walii galanii turan bifa milkaa’ina qabuun akka itti fufan dubbatamaa jira

Amajjii 23,2016 Amboo Naannoo Waddeessa Jedhamutti Waraana Wayyaanee fi Uummata Jidduutti Falmaa Ta’een Dargaggoonni Oromoo 5 Wareegamanii ummanni 60 Ol Ammoo Loltoota Hedduun Qamanii Mana Hidhaa Amboo 03 Keessatti Dararamaa Jiru.

Aside

Amajjii 24,2016 Waddeessa(Amboo) irraa  Falmiin wiirtuu Waddeessaatti Mootummaa abbaa irree fi uummata haqa isaaf falmatu gidduutti geggeeffamaa jiru irratti dargaggooti  Oromoo armaan hedduu madoo fi Wareegama kafalaniiru.

  1.  Dargaggoo Biraanuu Gaaddisaa gaafa 23/1/2016 Ganda kaarraa naannoo guuniyaa ykn Faafama jedhamutti raasaan rukutamee wareegameera.
  2. Barataa Chuuchee Baqqaanaa Bayyansaa ganda Galan waddeessaa naannoo caffee Elemee jedhamutti rasaasaan rukutame kellaa fayyatti wal’ansa amma tokko argeetuyyuu gara hospitaala Amboo akka hin deemne karaatti duwwameera (bakka dhalootaa g Ganda Dikii)
  3. Barataa Hundeessaa Leellisaa Sirrii bakkuma Chuucheen rukutamatti rasaasaan kan rukutame yoo ta’u ( bakka dhaloo. Aanaa Amboo ganda ganjiifi gooroo horee) innilleen karaa hospitalaa deemuu dhabee rakkataa jira.
  4. Barataa Abarraa Sisaayee Hayilee bakkuma armaan olitti ibsametti rasaasaan kan rukutame yommuu ta’u (bakka dhalootaa Ganda Galan waddeessaa)
  5. Dargaggoo ammaaf maqaansaa nun qaqqabne akka malee miidhaa karaa Aanaa bakkee mana yaalaa qaqqabsiisuudhaaf gateetti uummataan baatamee deemee jira!

Kana malees namoonni 60 ol ta’anis qabamanii waajira poolisii Aanaa Amboo kan magaalaa Amboo ganda 03 tti dararamaa jiru kan sababa reebichaatiin miidhaan cimaan irra gahes wal’ansa dhabanii haala yaaddeessa keessa jirachuu Qeerroon gabaase.

 

Wallagga Aanaa Jaarsoo Keessaa Dargaggooti Oromoo Lolotoota Wayyaaneen Qabamanii Bakka Geeffaman Hin Beekamu Jedha Gabaasi Qeerroo.

Aside

Dasalenyi Alamaayyoo

Barataa Dasaaleny Alamaayyoo

Amajjii 23,2016. Barattooti Oromoo dargaggoo Solomoon Sobbooqaa fi Dasaaleny Alamaayyoo Loltoota Wayyaaneen Aanaa Jaarsoo Wallaggaa irraa qabamanii bakka buuteen isaanii hin beekamu.

Dargaggoo Solomoon Sobbooqaa

Dasaleeny Alamayyoo namaa yeroo hedduuf mana hiidhaa wayyanettii dararama turedha A.LH ttii bara 2003 magaalaa Jaarsootii alabaan ABO hidhamee ture bara sana dhimaa alabaan wal qabate dararama heddunn irraa ga’a ture jira, ammos FXG Amajjii 23,2016 gaggeefameen wal qabatee loltoota Wayyaaneen qabamee bakka buuteen isaa hin beekamu.

Mootummaan Itiyophiyaa Wayyaaneen Wallaggaa Bahaa Waamaa Hagaloo Keessatti Barattootaa fi Jiraattota Nagaa Hidhuu fi Dararuu Itti Fufe.

Aside

Amajjii 24,2016 Yeroo ammaa kana Barattoonni digadamii lama mana hidhaa ykn karchallee Wallaggaa Bahaa jaatoo naqamtetti yeroo argaman Barattoonni sadii fi qonnaan bultoonni lama humna tikaatiin achi buuteen isaanii dhabame.

Barattoota keessaa

  1. Caalaa Bantii Nagarii
  2. Misgaanuu Addunyaa Bantii fi
  3. Dassaalenyi Eebbisaa yeroo ta’an,

Qotiisaan bultoota lama  kan hidhattoota isaanii turan uumataaf aantummaa agarsiiftan maqaa jedhuun hidhannoo hiikkachiisuun erga qabanii kan ukkamsan Baatilee Warqinaa Biluu fi Tasfaayee Warqinaa obbolaa lamman yeroo ta’an, Obbo Baatileen umurii ijoollummaa isaatiin waraana dargiin hirmaachise irratti qaama hir’uu kan ta’aniifi dhukaasanii qal’aa kan kutan waan ta’eef, wayyaaneen uummata daguuguuf karoora waan qabduuf namoota tarkaanfii ishee deebisuu malanii fi hawaasa biratti dhaga’aman dhabamsiisuun uummata shororkeessuuf badii dalagame ta’uu qeerroon addeessee jira

Aside

The PAFD extends its most sincere gratitude to the EU Parliament in general and to those who were the sponsors of the Ethiopian resolution, including members from the Socialists and Democrats (S&D), the Alliance of Liberals and Democrats for Europe (ALDE) and Greens/European Free Alliance (G/EFA) of the EU parliamentary groups in particular.

The resolution the European Parliament has adopted on 21 January 2016 offers great support to the millions oppressed in all parts of Ethiopia and gives them courage for a better democratic and just future.The multitude of committed genocides and unfolding atrocities in Oromia, Ogaden, Gambella, Sidama, Omo, Benishangul and other parts in Ethiopia will continue, unless the international community takes some urgent practical measures to stop them. The Ethiopian government has often ignored international calls for remedy of its human rights violations, knowing that there would be no follow up or significant repercussions. In 2007, for example, the UN called for an urgent investigation into the Ogaden war crimes and crimes against humanity. However, the Ethiopian government embarked on an all-out campaign of extermination and collective punishment of civilians in the region and the international community looked the other way. Similarly, the killings in Gambella and Sidama, as well as those in Finfinnee (Addis Ababa) were also condemned by the international community, while the regime shrugged its shoulders and continued its massacres and curtailment of all democratic rights, while being rewarded with more money under the pretext of development.

History has shown that development at the expenses of democratic rights has ended in disasters and grave consequences. The Ethiopian situation is much more complex than other areas which aggravates the matter further because of unresolved historical injustices.

The PAFD calls upon the UN, AU and EU to follow up to their own resolutions and send independent commissions of inquiry to look into the massive human rights allegations that have been and are being perpetrated by the Ethiopian government against the civilian population and take appropriate measures to stop any further acts. All types of Ethiopian security forces must immediately withdraw from Oromia, Ogaden, Gambela and other areas into their barracks.

The PAFD calls upon all peoples in Ethiopia to stand together and act in unison against the atrocities committed by the regime, in order to regain their denied rights to democracy and true self-determination.

Issued by The Peoples Alliance for Freedom and Democracy (PAFD)

January 23, 2016

OFFICE OF PRESIDIUM