Category Archives: Oduu/News
Barruuleen Warraaqsaa fi Waamicha Qabsoo Xumura Gabrummaa Magaalaa Naqamtee Keessatti Daran Faca’aa Jira.
Aside
Aside
Aside
Halkan edaa Amajjii 27,2016 Barruuleen warraaksaa,alaabaan addabilisummaa Oromoo aasxaan Qeerroo fi dhaadannowwan garaagaraa naannoo Yuunibarsiitii Wallaggaa mooraa Yuunibarsiitichaa tii qabee hanga waraaba sukukkee akkasumas magaalaa Naqamtee kutaalee garaagaraatti faca’an
Waraqaleen maxxansaman kun
Kan nu ajjeese nun bulchu
Kan nuajjese seeratti haa dhiyaatu
Bulchiinsa garboomfattuu TPLF Tigiraay hin barbaaddu
OPDOn ergamtuudha fi kkf yeroo ta’an,guyyaa dheengadda naannoo Qophaa’inaa Naqamtee keessatti faca’uusaatiin guyyaa kaleessaa humni waraanaa uummata nagaa goolaan kan ture fi halkan edaas barruuleen warraaksaa maxxansamu irraan ka’e naannoo Yuunibarsiitichaatti humni waraanaa bobbaafamuu qeerroon gabaase
“Hin Kennu Dhaala Koo” Faarfatnaa Ababaa Tamasgeen 2016
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 27 January 2016
Aside
Aside
Ammajjii 27/2014 Warraaqsii FXG Godina Dhihaa Oromiyaa Magaalaa Guddoo Naqamtee Keessatti Haalaan Jabachuun Itti Guyyaa Har’aa
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Rifti Valley damee Naqamtee fi M/B Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa Comprehensive Naqamtee Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa kan xummura gabrummaa gaggeessa jiru.
Goototni Qeerroon barattootni Oromoo fi Uummatni Oromoo magaalaa Naqamtee waraanaan dursifamaa, ajjeefamaa fi hidhamaa sirna abbaa irree gabromsaa jalatti hin bulluu jechuun ji’a sadii guutuu utuu wal irraa hin citiin Magaalaa Naqamtee keessatti Warraaqsii Jabaachuun mootummaa abbaa irree boqonnaa dhorkaa jiraachuu maddeen Qeerroo Bilisummaa Oromoo Magaalaa Naqamtee irraa gabaasaa jiruu, yeroo ammaa kanatti Magaalaan Naqamtee sochii warraaqsaa fi humna waraanaan raafama ulfaata keessa jiraachuun ibsame jiru, Goototni Barattootni Oromoo M/b Biiftuu Naqamtees gara Sochii Warraaqsaa kanaatti makamuuf akka jiran odeessi nu ga’ee ibsee jira
Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Hawwannaa fi Dirmannaa Saboota Cunqurfamoo Biyyatti Argachaa Jiraachuun Sabootni Cunqurfamoon Abbaa Irree Wayyaanee Irratti Warraaqsaa Gaaggeessa Jiraachuun Deeggarsa Isaanii Ifa Godhan.
Aside
Amajjii 27,2016
- NaannooUummata Gambeellaa Godina Anyuuwaki tti Barattootni Yuunibarsiitii Gambeellaa dabee saayinsii Fayyaa kan dhalootaan Anyuuwaki fi nuwwer ta’a Walitti dhufuun sirna EPRDF/TPLF balaaleffachuun Warraaqsaatti makamuu sagalee Mormii dhagesisuun ibsatan. Mootummaan Abbaa irree Wayyaanee akkuma amala isaa saboota walitti buusuun Umrii bittaa isaa asiin ga’atee jiruu Saboota Anyuuwakii fi Nuwwer Walitti buusuuf, Wal diddaa namoota dhuunfaa saboota lameen gidduu jiruu babaldhisuun barattootni kun deebi’anii akka walitti bu’aniif shira guddaa xaxaa jiraachuun ibsamee jira. Qeerroon Bilisummaa Oromoo sabootni Cunqurfamoon biyyaatti abbaa irree wayyaaneen mirga namummaa fi Dimookiraasii mulqamtanii jirtan, Shira mootummaa wayyaaneen xaxamu kamuu irratti dammaquun Waldhibdee gosaa fi namoota dhuunfaa karaa nagaa fi jaarsolii naannoon akka furattan, Yeroon yeroo gamtaan wal tumsinee abbaa irree aangoo irraa maqsuun hiree saba keenyaa murteessinudha jechuun kachachala mootummaa wayyaanee irratti dammaquun saboota Anyuuwaakii fi Nuwweeriif damsaa dabarsee jira.
2. Naannoo Uummattoota Kibbaatti Barruuleen Warraaqsaa kanneen mirga Saboota Cunqurfamoof falmituu fi kabajamuu Mirga ilma namaa fi Dimookiraasii of irraa qabduu Saboota Cunqurfamoo uummattootaa Kibbaa: Sidaamaa, Kafaa, Shakkoo Magenger, Walayittaa, Hadiyyaa Ka’aa Mirga keenyaafi Bilisummaa keenyaaf Falmannaa jechuun Barreelee warraaqsaan Uummataaf Waamichaa FDG gochaa jiraachuun Walqabatee Mootummaan Wayyaanee Gara Godinootaa Naannoo kibbaa kanneen akka Miizaan Teeppii fi Yuunibarsiitii Miizaan Teeppii Dabalatee waamicha gochaa jiraachuun Mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuuf qophii irra kan jiran ta’uu ibsachuun Walqabatee mootummaan wayyaanee waan qabee gadhiisu dhabuun gara kanattis Humna poolisii Federaalaa fi agaazii bobbaasaa jiraachuun ibsame jira.
“Baroode Kunoo Qeerroon Baroode” Wallee Warraaqsaa Haaraa
Aside
Oromiyaa Godinaalee Hedduu Keessatti Manni Barumsaa Dhaabbatee Jira
Aside
Amajii 27/2016
Arsii Bahaa magaala Asallaatti mootummaan wayyaanee Qeerroo dargaggoota lama ilmaan isaa ajajuun barattoota lama kana irratti gocha suukkanneessaa raawwatee kan jiru Qeerroon kan gabaaseedha.
Akka Qeerroon gabaasetti barattootni Yuunivarsitii Asallaa Amajji 21,2016 halkan 5:00tti barattoota lama: Isaanis
1.Kamaal Abubaker barataa saayinsii fayyaa waggaa3ffaa fi dhalataa harargee bahaa naannoo Dadarii kan tahee fi
2Tasfaayee Tashoomee barataa saayinsii fayyaa waggaa 1ffaa fi dhalataa Arsii Bahaa naannoo Boqojjii kan ta’an namoonni 4 ol tahan hucuu civil uffachuudhaan eeggatanii yeroo ijoolleen kun lamaan mana fincaanii seenan achi keessatti cuubeen waraananiinii gatanii erga deemanii booda barattoonni kun hospitaala seenuun yaalamaa jiru.
Wallaggaa lixaatti manneen barnoota sadarkaa 1ffaa irraa kaasee hanga qophaayinaatti cufamee jiraachuun Qeerroon gabaasee jira.
Maddeen oduu Qeerroo irraa akka hubannutti wallagga lixaa Aanaa Boojjii Birmajjii magaalaa Biilaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Biilaatti barattoonni Amajji 22,2016 sa’a3 irratti Fincila Xumura Gabrummaa (FXG) kaasuun ni yaadatama. Yerooma sana irraa kaasuun wayyaaneen humna ishee gara barattootaatti ergiteen barattootni barumsa dhaabuun gabaafamee ture. Guyyaa kanaa kaasuun barattootni mana barumsaa akka hin deebine yoo tahu akka walii galaatti godinicha keessatti barattootni barumsa dhaabuu irratti argamu..
Magaalaa Najjootti barattoonni man barumsaa sad.2ffaa Amajji 25,2016 FXG haaressuuf gara mana barumsaatti wal gahanii turan, barattootni hunduu hirmaanna barumsaa dhaabuudhaan yaadaa fi ejjennoo tokkoon FXG itti fufna malee barumsa hin barannu jechunis barumsi hanga har’aa hin gaggeeffamin jira.
Wallaggaa bahaatti Aanaa Diggaa Magaalaa Arjoo Guddattuutti Amajji 24, Qeerroon, qonnaan bulaa fi dargaggoonni waltahuun daandii gara Asoosaa geessu dhagaaf wantoota garaagaraan cufanii dhiichisa qabsoo dhaadannoo akkasuma tarkaanfii qabeenyaa fi ilmaan tigree irratti fudhatanii jiru. Haaluma kanaan naannowwan kunneen hanga guyyaa har’aatti eegumsa guddaa jala akka jirtu Qeerroon ganama kana gabaasee
jira.
Naannowwan Oromiyaa magaalota keessatti FXG kan itti fufe tahullee daandiwwan cufamaa jiru.

