Amajii 29,2016 irraa kaasee barattota Oromoo adamsuudhaan naannoo kiiloo 6,5 fi 4 keessa waraanni Wayyaanee olii fi gadi kaattee ijoollee qabuun ukkaamsaa jirti. Namoota isheen qabuuf duukkaa kaattu boodaan ijoolleen Qeerroo suuraa isaanii yoo kaasan kunoo argina. Baratootni oromo yuuniversitii kiiloo 5 keessaa baratan kaleessa waraqaa Qeerroo ABO maxxansan jedhamee shakkaman daandi irraa qabanii hidhaa ukkamsaa jiraatuu suuraadhaan kan deggeramen ragaa baha.
FXG oromiyaa keessa bakkeewwan hundaattuu kan itti fufe tahee naannoo biroo kanneen akka Gambeellattis fincilli uummata wayyaaneen walitti
buusee fayadamuuf kaatuun uummanni waliin mootummaa wayyaanee irratti ka’ee jiraatuu gabaasni naannoo Gamblee irraa dhufaa jira.
Akaksuma godina Gujii keessatti yero ammaa kana waraqaa hedduun waamica FXG bittimfamaa jira haala wal irraa hin cinneen. FXGs uummataan godina Guji keessatti torbee kana irraa kaasee aanaalee garagaraatti itti fufee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.
Category Archives: Oduu/News
SBO Amajjii 31,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Gaaffii fi deebii Jaal.Dachaas Roobaa kutaa xumuraa fi dhaggeeffatamuu kan qabu, Sagantaa hawaasa Oromoo Adileyid, Awustiraliyaa fi Qophiilee biroo
Aside
Waraabettiifi Wayyaaneen Dukkana Jaallatu!
Aside
Hariiroo Jorgootiin
Wayyaaneen gaafa barbaadde ABO’n hin jiru jetti. As gara galteemmoo mootummaakoof kan yaaddessaa ta’an; kan nashororkeessan keessaa inni hangafti ABO dha jettee akka namni sodaatee jala hin hiriirre gochuuf namni miseensa isaa ta’e shororkeessummaan himatama jettee seera tumti. Fincila Diddaa Gabrumaafi Xumura gabrummaa uummatni guutuun biyyattii itti garagalee ka’e kanallee ABO tu duuba jira jetti. Lolli wayyaanee haqa dhugaafi ifa wajjiniinidha. Wayyaaneen kan isheen jibbitu nama haqa falmatu. Nama dhugaa dubbatu! Nama kijiba saaxilee ifa godhu dha. Sababa kanaan Diinni wayyaanee inni guddaan media dha yoo jedhame soba miti. Wayyaaneen media nuukleer bombii caalaa sodaatti. Kun waan ta’eefiis akkuma waraabessaa dukkana adeemuu waan jaalattuufidha. Wayyanee biratti iftoominni hin jiru. Wanti hundumtuu icciitiidha. Saamichi ishiin gaggeessitu kun akka seera qabeessa hin taane isheenuu beekti. Mootummaan isheen qabdu kun akka seera qabeessa hin taanes tolchitee beekti. Wayyaaneen bakka amma taa’aa jirtu kana taa’uuf Seenaas heeras itti hin qabdu.
Kanaaf waan hundumaa dukkana haguuggateetti raawwachuu feeti. Kanaaf diinni ishee inni guddaan nama waan kana ishee saaxiludha. Haqni jiru ifa baanaan wayyaaneen akka lama hin bulle of beekti. Bajata guddaa isheen ramaddee qabdus kan hundaa caalu humna waraanaa isheefillee daran haqa kana haguuguuf kan ooludha. Gabaabaatti meeshaan waraanaa guddaan wayyaaneen sodattu media dha. Kunis median tirika ykn biiftuu eenyummaa wayyaanee saaxilu waan ta’eefidha. Waraabessaafi Wayyaaneen Dukkana Jaallatu
Godina Wallaggaa Magaalaa Gidaamii fi Jimmaa Horroo Akkasumas Gada Burii Jedhamu Keessatti FXG Itti Fufee Oole.
Aside
Guyyaa Har’aa Amajjii 29,2016 Godina Wallaggaa aanaa Gidaamii fi Jimmaa Horroo akkasumas ganda Burii jedhamu keessatti FXH haala jabaa ta’een gaggeeffamaa oole,Warraanni Wayyaanee haala kanatti rifates jiraattotaa fi barattoota qabee hidhuu fi gidirsuu itti haa fufu malee uummanni naannichaa jabinaan loltoota Wayyaanee of irraa dhorkaa oolanii jiru jedha Qeerroon.
Waraanni Wayyaanee Yuniversitii Finfinnee Naannoo Kiloo 6 Marsaa Oole.
Aside
Har’a Amajjii 29,2016 FXG mooraa Yuuniversitii Finfnneetti ka’a sodaa jechuuun har’a poolisii fi waraanni nannicha qubatee marsaa oolera.Waraanni Itiyophiyaa Wayyaanee Dararaa Dargaggoota Oromoo Sulultaa Irraan Gahaa Jiru.
Aside
Gareen Tumsa Qeerroo Bilisummaa Culumbus Ohio Keessatti Hawaasa Waliin Walitti Dhufuun Sochii Nagaa fi Dimokiraasi Oromoof Gumaacha Maallaqaa Taasisan.
Aside
Recorded Audio 2016-Jan-28 10-51-48 AM.mp3
Tumsi Qeerroo Columbus Ohio guyyaa Ammajji 24, 2016 magaala Columbus keessati hawwaasa nannoo waliin guyyaa yaadannoo FXG irraati waregaaman yaadachun sura waregamtoota irra hababboo kawun yaadatee kadhana mangudoota oromoon akkasumas abbooti ammantiin godhamera akkasumas gargarsa Qeerroo FXG gocha jiraanf gargarsaa gaodhaani jiru hangaa xumuraa itti godhamutiis akka Qeerroo waliin dhaabataan wadaa seenani jiru.
Kana malees Jaal Magarsaan hundeeffama sochii Qeerroo bara 2011 keessatti qooda ol’aanaa kafalaa bahee har’a Wayyaaneetti qabamee didiraa argaa bahee jalaa bahuun yeroo ammaa biyya Ameerikaatti ergamu walgahii kana irratti argamuun sochii Qeerroo eessaa ka’ee akkamitti akka jiru ibsa kennee jira.
Amajjii 28/2016 Goot otni Qeerroo Baratto otni Oromoo Yuunibar siitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa O romoo FXGf Qaban Irr aa Deebiuun Haaroms atan
Aside
Amajjii 28/2016 Goototni Qeerroo Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waadaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo FXGf qaban irraa Deebiuun Haaromsachuun Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLFtti Xummura gochuuf kan jiran tauu diddaan ibsatan. Goototni Qeerroon Barattoota Oromoo Waraanaa Mootummaa Wayyaanee Mooraa Dhihaa Biyyatti Magaalaa Jimmaa keessatti argamuun halkanii guyyaa gidirfamaa utuu jiranii wareegamaa qaalii dachaan kanfaluuf qophii fi murannoo isaanii waadaa isaanii jabeessuun T-Shirt Suuraa Gooticha Oromoo Generaal Taddasaa Birruu qabuu fi Dhaamsa Lammiin barate, gaaffii mirgaa gaafata jedhuu fi Handhuurri lafa keenyaa Hin muramtu harmeen keenya Waadaa seenneerra lafeen eegna” jedhuu hojjechiifachuun Uummatanii ejjeennoo isaanii jabeeffachuun Mootummaa Wayyaanee aangoo irraa qaarisuuf qabsoo wal irraa hin Citne FXG Oromiyaa cufa keessatti adeemaa jiruu daran jabeessuun kan finiinsaa jiran tauu ibsatan.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Amajjii 28, 2016
Aside