Guraandhala 8,2016 Godina Kibba Lixa Shaggar (Walisoo) tti Goototni Barattootni Oromoo Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa
warraaqsa FXG jabeessuun hanga gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa Oromoo gaafachaa jirruuf deebiin nuuf kennamutti qorumsaas hin fudhannuu, kutaas gallee hin barannuu barnootni bilisummaa booda(BBB) jechuun warraaqsii jabaatee itti fufe!!
Mootummaan wayyaanees Humna waraana Poolisii Federaalaa fi Agaazii gara godina Walisootti guuruu itti fufee jira. Godina Kibbaa Lixa
Shaggar Walisoo fi aanaawwaan Godinicha keessa Jiran cufa keessatti Warraaqsii haalaan jabaachuun kan gaggeeffamaa ture fi Ilmaan Oromoo
dhibbootaan lakka’aman Lubbuun itti wareegamanii fi Warraaqsaa Isaan Uummatni Oromoo Sirna bittaa abbaa irree kan of irraa kuffisee jiruu,
Yeroo ammaa kanas Sirna uummataan balaaleffatamee deebisuuf wayita mootummaan abbaa irree wayyaanee Waraana uummata Oromoo irratti labsee, Guutummaan Oromiyaa hoggansaa waraana Wayyaanee Qajeelfama karaa ‘Komaandi Postii’jedhamuun darbuun gaggeeffamaa jirtuu keessatti goototni barattootni Oromoo Walisoo Warraaqsaa FXG finiinsuun guyyaa har’aa Guraandhala 8/2016 Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Godina Walisoo keessatti argaman Kanneen akka Manneen Barnootaa Aanootaa fi Magaalotaa akka:
1. Mana Barumsaa Diilallaa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
2. Mana Barumsaa Tulluu Bolloo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
3. Mana Barumsaa Walisoo sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa ,
4. Mana Barumsaa Tajii sadarkaa 2ffaa
5. Mana Barumsaa Dej. Garasuu Dhukii sadarkaa lammaffaa
6. Mana Barumsaa Wancii sadarkaa 2ffaa keessatti
7. Mana barumsaa Tolee sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa
8. Mana Barumsaa dheeraa sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa dabalatee Manneen barnootaa Godinicha keessatti argaman hunda keessatti Goototni
barattootni Oromoo Hanga Gaaffii Mirga abbaa biyyuummaa kabajamuu mirga namummaa fi dimookiraasiif deebiin nuuf kennamuu fi Mootummaan abbaa irree Uummata keenya irratti waraana labsee jiru fi yakka waraana nurratti rawwatamaa jiruuf itti gaafatamutti kutaas gallee hin barannuu qorumsaas hin fudhannuu jechuun diddaa isaanii itti fufan, Ergamtootni mootummaa Wayyaanee gara Walisootti humna waraanaa guuruu itti fufee jira.
Category Archives: Oduu/News
Dubbii Lafaa
Aside
Dachii fi Daangaa Oromiyaa Ilaalchisee Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Amajjii 21,2016
Lafa, qabeenyaa lafa jalaa jiru fi qilleensa Oromiyaa guutummaatti to’annoo ummata Oromoo jala galchuu qofatu gaaffii ummata Oromoo deebis Dachii fi Daangaa Oromiyaa Irraatti Labsa Qeerroo Bilisummaa Amajjii 21 2016
Raayyaa Walloo
Galata Arsits Saaliyaa Saamii
Eenyuumaa Oromoota Godina Matakkal Bulchiinsa Gumuz Jala Jiraatan Balleessuuf Jecha Dhibbaa Mootummaan Wayyaanee Taasisaa Jiru.
Gabaasa Qeerroo Godina Matakkal Waambara, Ebla 1,2015
Har’a Gurandhala 8,2016 Godina Gujii, Aanaa Gooroo Doolaa, Magaalaa Haaraqalloo Keessaatti FXG Gaggeefamaa Jira
Aside
Har’a Gurandhala 08,2016 Godina Gujii Magaalaa Harqalloo Keessatti FXG Itti Fufe.
Aside


Wallee Warraaqsaa Haaraa Artistota Oromoo Kamaal Ibrhamii fi Shukurii Jamaal ” Dubbii Lafaa”
Aside
Basaasoti fi Lukkeleen Wayyaanee ummata Begii fi Qondaalaa Hiraarsan Saaxilaman.
Aside
(Qeerroo, 8 Guraandhala 2016, Begii, Oromia) Basaasoti fi Lukkeleen Wayyaanee ummata Begii fi Qondaalaa Hiraarsan Saaxilaman.
Gabaasaan Oromedia odeeffannoo ummata irraa argateen qorannoo taasiseen kanneen yeroo ammaa Wayyaaneef lukkee taúun ummata Oromoo aanaalee Begii, Qondalaa fi naannoo san rakkisaa jiran adda baafateera.
- Haaji Yuunus Haaji Musxafaa
Namnu kun yeroo ammaa aanaa Qondaalaa, Wallaggaa Lixaa keessatti waraana Wayyaanee kan tajaajilaa jiru. Hojiin isaa waraana Wayyaanee mana nyaataa Shaggaatti deddeebisuun qallabsiisaa jira. Manni nyaataa kun kan Qees Burruusee Zalaalam. Haaji Yuunus Haaji Musxafaa akak hojii kana irraa dhaababtu yeroo hedduu itti himamee jira. Garuu, gorsa llammii dhaga’uu diduun tika Wayyaanee federaalawa waliin ta’ee ilmaan Oromoo hiisisaa, ajjeechisaa fi miidhaa jira.
- Siraaj Haji Musxafaa
Namni kun immoo ummata Oromoo naannoo basaasuun kan maqaa isaanii humnoota tikaa Wayyaanee kennuu dha. Namni kun tika godinaatti yeroo dhaa yerootti bilbilee nama qabsiisaa jira. Siraaj Haji Musxafaa gocha kana akak dhaabu firaanis, maanguddootaanis yeroo addaddaatti gorfameera. Garuu, gochaa badaa kanatti cichuun yeroo ammaa diinummaa siaa ifaatti raawwachaa jira.
Namni kun gochaa isa abadaa Kanaan namooti hedduu akka galaafataman godheera. Siraaji Kanaan duras namoota akka Addaamuu Taasisaa, Waaqjiraa Barkii fi Isumaa’el Abdulqaadir, Taaddasee Waaqwayyaa fi Tashaalu Dunbaalaa waliin ta’uun kan gooticha Oromoo Jaal Raggaasaa ajjeechisiisanii dha. Jarreen kun hojii diinummaa isaanii itti fufanii ammas ilmaan Oromoo fi barattoota Oromoo dararaa juran.
- Daawid Huseen
Namni kun immoo Daawud Huseen jedhama. Namni kunis duunaaf lukkee ta’uun yeroo addaddaatti akka Oromooti sabboontoti hidhaman, biyyaa arihaman, ajjeefamanii fi gara dabarfaman gochaa jira.
Namni kun akak gochaa diinummaa dhiisuuf gorfamee ture. Yeroo duraatti gorsa san fudhatee diinummaa irraa harka fudhatee ture. Booda kana immoo, gochaa badaa sanatti deebi’uun halkanii fi guyyaa lukkee diinaa ta’ee qe’ ee Oromoo saamisaa jira.
Dhalooti Oromoo ifiin boonan akka nagaan hin jiraan gochaa waan jiruuf, gocha kana yoo hin dhiifne tarkaanfiin dhumaa isa irratti kan fudhatamu ta’uu Qeerroon hubachiisee jira.
- Yuunus Kadir
Namni kun maqaan isaa Yuunus Kadir jedhama. Yuunus dhalootaan Aanaa Qondaalaa zeengaa ti. Yeroo ammaa aangoo kaabinummaaf jecha basaastummaan sadarkaa guddaa qabachuun ilmaan Oromoo aanaa Qondaalaa Shooroo gabaa Dafinoo keeysatti argamaan maqaa isaanii qabatee diinaaf dabarsaa jira.
Gama birootiin namni maariqoos Naggasee jedhamuu mootoraan gabaa addaa addaa deemuudhaan informeeshinii qotee bulaa irraa sassaabee wayyaaneef gabaasaa jira.
namoonni maqaan isaanii:
1.Abdullaahi Huseen Taaddasaa
2.Abiyoot suukii
3.Jamaal shuushaa
4.Nasirallaa Yamanii
5.Naasir Ahimad fi Qees Nabbaraa jedhaman cherchii fi alatti ilmaan Oromoo basaasun sadarkaa guddaa qabatanii jiran.
Namooti kunneen diinumma aisaanii irraa akak dhaababtaniif akeekkachiisti dhuma akun darbeefii jira. Kana booda tarkaanfii fudhatamuuf gaafatmooti isaan malee qaama kamuu akka hin taana beekamuu qaba.
Har’a Gurandhala 8,2016 Waliiso Mana Bartumasa Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa Keessaatti Barattooti FXG Gaggeessaa Jiru
Aside
#OromoProtests Waliso irraa :Waraqaan guyyaa sanbata dura irra eegalee hanga har’atti faca’aa ture har’a ganama garuu barattoonni Mana barnootaa Garasuu Dhukii Sadarkaa 2ffaa fi Mana barnootaa 2ffaa Biiftuu qoruumsa hin qoramnu hanga dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa jiruu fi hidhaan Oromoo irraa dhaabbatuti jedhani dhaadannoodhan bahan barata kutaa 10ffaa Mokonin /Qeerraansoo jedhamu baayee rebame.
Barattoonnii Waliso kunneen dhaamsa barattoota hiriyoota isaanii Kan Bachoo, Sooddoo, Ammayyaa fi Oromoo guutuuf illee ka’aa qabsoon keenya itti fufa hanga Mirgii Oromoo kabajamutti kan jedhan dabarfatan jedha oduun Waliso irraa nu dhaqqabde.
Godina Wallaggaa Bahaa Onoota Nuunnuu Qumbaa fi Waamaa Hagalootti FXGn itti fufee jira
Aside
Guraandhala 8,2016 Humni diinaa Nuunnuu Qumbaa, Magaalaa Adaree keessa qubatee uummata nagaa gidiraa ture gara aanaa Waamaa Hagaloo Magaalaa Qassoo fi Killoo jedhamanitti ce’ee uummata gidiruu itti fufus uummati jalaa hin shishne!.
Guyyaa kaleessaa humni agaazii Waamaa Hagaloo fi Nuunnuu Qumbaa irraa gandoota walitti aanan Furdisaa, Baanqoo kanneen jedhaman Nuunnuu Adareetii weeraree waamaatti ce’uun gandoota Buttujjii Qassoo fi Goossanii Killoo jedhaman weeraree oole
Yeroo kanatti Jalee Dabalaa Ayyaanaa jedhamu Agaaziitti daandii fi sabboontota agarsiisaa kan ture ganda Goossanii Killoo keessatti tarkaanfii irratti fudhatameen waraansa garmalee waraanamuun hospitaalatti ergamuun isaa beekameera.Yeroo kana uummati gamtaan ka’ee Humnoota agaazii ofkeessaa ari’uun Bilisummaa isaa wayita labsatutti, Bulchaan aanaa Waamaa Hagaloo Tamasgeen Ittaanaa humnootuma aga’aaziin qabamee achi buuteen isaa dhabamuun beekameera.Ona Nuunnuu Qumbaa irraas jaleewwan OPDO hedduun Humnoota aga’aaziin to’atamuu maddeen keenya hubachiisaniiru.Waan kanaan booda OPDOn carraa fincila ummatatti makachuun ala carraa biraa akka hin qabne dhaamuufi feena!
SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON
Aside
SEENAA GABAABAA OBBO BAQQALAA MOKONNON
Obbo Baqqalaa Mokonnon abbaa isaanii Qanyi Azimaachi Mokonnon Wasanuu fi haadha isaanii Adde Abbebbechi Ejersaa irraa akka lakkoofsa Itiyophiyaatti Sadaasa 28,1922 naannoo Oromiyaa, konyaa Salaalee, ona Wacaalee, ganda Boolee jedhamee beekamutti dhalatan. Obbo Baqqalaa Mokonnon haadhaa fi abbaa isaaniif mucaa jalqabaa; obboleessaa fi obboleettii isaaniifimmoo hangafa turan. Obbo Baqqalaan abbaa isaanii fi haadha isaaniitiin, keessattuu adaadaa isaaniitiin kunuunfamanii guddatan. Afaan Amaaraas baratan. Akkuma ijoollee naannoo isaanii farda gugsii, bishaan daakuu, xiyyaafannoo qawwee, kollee/qillee xapahchuu jaallatu ture. Barnoota afaan Amaaraa erga fixanii booda mana barumsaa Tafarii Mokonnon seenanii barnoota sadakaa lammaaffaa xumuratan. Sana booda, yeroo sanatti haarawaa banamee kan ture koollajjii hujii daldalaa (Commercial College) seenanii waggaa afuriif barnoota isaanii hordofan. Barnoota isaanii xumuranii hojjetaa herregaa ta’anii Baankii Daldaala Itiyoophiyaaf (Commercial Bank of Ethiopia) waggaa 13 hojjetan. Obbo Baqqalaan amala gaarii, miidhagaa, uffatnaa bareedaa fi walumaa galatti ofeeggannoo fi of-babbareechuu dhan dargaggoota yeroo isaanii turan keessaa dinqisiifamaa turan. Haa ta’u malee, haala jireenya isaanii fi jireenya saba isaanii, keessattuu rakkinaa fi badaddina ummata Oromoo, yeroo walbira madaalanii ilaalan jireenyi isaanii nama qullaa karabaataa hidhatee adeemu isaanitti fakkatte. Jireenyi isaaniis hiikaa dhabe. Kanaafis umurii dargaggummaa irraa jalqabee hanga lubbuun isaanii dabartutti waan dandahan gochaa turan. Gochaa kana keessatti- jalqaba jireenya firaa fi saba isaanii foyyeessuuf akka nama tokkootti waan tokko tokko gochuu eegalan. Waan dalagan keessaa hanga xiqqoo maqaa dhahuuf: baankii hojjetan keessaa horii baasanii namoota rakkatoo Waajuu keessaa fi naannoo jiraataniif hiranii akka hoolaa, handaaqqoo, dhadhaa fi kkf nagadanii bu’aa argatan; horii liqeeffatanimmoo akka baankiitti deebisan gochaa turan. Abbaan isaanii, Qanyi Azmaachi Mokonnoo, mana barnootaa Waajjuu fi Dabre Tsigee keessatti bananii turan. Obbo Baqqalaan, namootni naannoo sanaa ijoolleen isaanii akka mana barnootaa kanatti geessanii barsiisan gochaa turan; bakka nagadaa (gabaa) abbaan isaanii Dubar keessatti dhaabaanii turan namootni akka dhimma itti bahanii jireenya isaanii fooyyessan carraaqqii guddaa godhaniiru.Seenaa Gabaabaa Obboo Baqqalaa Mokonnon
