Fincilli Xumura Gabrummaa Lixa Wallaggaa Magaalaa Naqamtee Fi Yunibarsiitii Wallaggaatti Dhohe Hanga Har’aatti Finiinfamaa Jira

Aside

Bitootessa 4,2016
Warraaqsi Yunibarsiitii Wallaggaatti finiinfamaa ture ummata magaalattiif naannooshee dabalatee Wayyaanota Muddaa kan jiru ta’uu
gabaasaan achii nu dhaqabe nii addeessa. Guyyaa har’aas FXG haala ho’aa ta’ee Magaalaa Naqamtee fi Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti dhohuudhaan moitummaa fashist Waayyaanee balaalefachaa jiru.dhaadannowwaan
#OPDO n maxxantuudha nu hogganuu hin dandeessu
#Humni Waraanaa fashist Wayyaanee Kan magaalaa Naqamteef Gutummaa uummata keenyaarratti bobbaafame Biyya nuuf gad-dhiisu
#Biyyi abbaa qaba Nutis Abbaa qabna abbaan keenya ABO nuu haa bulchu
#Gumaa xinnaaf guddaa keenyaaf itti gaafatamaan mootumicha
#Gumaa dhiigaa dhiigatu baasa….jedhu magaalattii keessaa dhaga’amaa hit a.
Mootummaan Fashist Waayyaaneef Jalee taatee kan hojjettuuf OPDO n rifannaa guddaa keessa seenuun hoomaa waraanashee Uummata nagaa
irratti bobbaasuudhaan waraana Uummata harka qullaarratti dhukaasuudhaan Uummataa fi barattoota hedduurra miidhaan gahamaa
jira.Daandiin Naqamteerraa ka’uun Finfinneetti deemsisu Guutummaan guututti naannoo Yuunibarsiitii Wallagaa hora Hadiyyaa jedhamu cinatti
cufameera.

GABAASA QEERROO KIBBA OROMIYAA.

Aside

Hiriira Aanaa yaaballoo

YaabellooMagaala yaaballoo qabsoo qeerrootiin dhuunfatamtee oolte, gabaan beeylada fi shaqaxaa cufameera, bake international livestock market hanga cufamee Hin banamne, gabaa kanatti yoo xiqqaate Wayyaaneen gaala 2000,loon 4000,re’ee hanga 10000 torbaaniin ummata irraa kara dillaala ishee kan saamtu amma jalaa hidhameera

Barattuu Xumme Jaarso

Xummee Jaarsoo

Barattuu Xummee Jaarsoo

“ulee harka qabdu buusi, atis qawwee harka qabdu buusi “jettee agazi shimala mataat cabsite rasaasaan rukutamte yero amma hospitaala yaaballoo ciifti

Qeerroo Eelawayyee fi Qabso Ummata 

Magaala kana keessa hidda diina ari’atani
Qabsoo itti fufaa jiru, akkuma iddoo bira gabaanis hinjiru

Barata Goolicha Kan FXG irraatti Tarkaanfiin Gara Jabeenya irratti Raawwate

Barataa Goollicha

Barataa Goollicha

 FXG godina boorana Aanaa Areeroo

Mormii kanaan  company Midrock kan badda Areeroo keessa Albuuda dhagaa babbareedaa ykn gemstone jedhamuufi ilinxo Ykn shekla qotatu birmannaa ummataafi qeerrootiin godaansifame

Oduu Ammee

Hiriira

“Godina boorana Aanaa Dirree Magaala Dubuluqitti Hiriirri diddaa garbummaa geggeeffamaa jira Dhukaasis Ummataa fi barattootat banamaa jira ragaa booda dhiyeessina” 

Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.

Aside

Bitootessaa 3/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyiitti Mootummaan Wayyaanee uummatarratti waraana banee jira.ilmaan Oromoo lama Wareegaman.Hidhattootni milishoota ta’an namootni 60 uffataa isaanii of irraa baasuun ibiddaan gubuun sirnicha ganuun uummata cina hiriiruu uummataaf mirkaneessan. halkan edaa guutuu Aanaa Midaa Qanyii gandoota baadiyyaa hedduu keessatti sagaleen dhukaasaa jabaan dhagaa’ama bulee, Dhukaasaa Waraanni uummata irratti godheen hanga ammaatti ilmaan Oromoo lama Wareegamuun hedduun madaa’uun dhaga’ame jira. maqaa namoota wareegamanii adda baasuun isiniif dhaamuuf jirra. Namni tokko Ganda Guddaataa Gabaa Lagaa irratti wareegamee jira. Network Midaa Qanyii irraa balleeffamee jira, halli gara sana jiruu gutummaatti waan waraanni baname waan fakkaatuuf hedduu yaaddessa ta’ee jira,guutummaa gabaasa kanaa fi maqaa ilmaan Oromoo maddeeffamanii fi Wareegamanii qabannee isinitti deebina.

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaalee Adda Addaa Keessatti Ummnni Gamtaan Ka’ee Loltoota Wayyaanee Dura Dhaabbataa Jira,Wareegamnis Irra Gaheera.

Aside

Bitootessa 3,2016, Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Iluu gaafa guyyaa 2/3/16 galgala dargaggoo magaalaa Asgorii irraa qabuuf erga deemanii uummanni yaa’ee waliin nu fixxu malee fuutanii hin deemtan jechuun gachisiisanii magaalaa irraa baasanii ari’atan,guyyaa kalee garuu humna agaazii guddaa nannaa sanatti baasuun namoonni 40 ta’an ukkamsamaniiru

Kana malees Aanaa Tolee keessatti wayyaaneen waan qabduuf gadi dhiiftuu dhabdee ammaa immoo guyyaa kudhaniif gandarraa nama shan poolisiin oromiyaafi agaaziin sababa adda addaan socho’uu waan danda’aniif bakka buutanii hojjettu jedhanii leenjisu irratti argamu hidhattoota gandaan  Charuu Nadhaa kan jedhamu March 2,2016 galgala rasaasaan qe’ee dhuma isaati rukutanii ammaa du’aa fi jireenya gidduu hospital Tululuboolloo irraa Waliso ti dabarfame jira. Charun kan rukutame bakka dhaloota isaa Aanaa Bachoo ganda Awash Bunee jedhamu keessatti yoo ta’uu inni hojjata Mootummaa aanaa wanchii ti hojjata.

Godina Wallaggaa aanaa Bojii Coqorsaa mana barumsaa Giddaa Biqiritti Keessatti FXG Jabaa Ta’e Gaggeefamaa Oole.

Aside

12498455_570110059831586_2130076831_n 12736246_570110063164919_1007143511_n 12784529_570110056498253_1758281248_n 12784624_570110066498252_933618245_nBitootessa 03,2016  Godina Wallaggaa aanaa Bojii Coqorsaa mana barumsaa Giddaa Biqiritti mormii mudateen barattootni heedduun rasaasaan rukutamanii barataan Isaayaas Gabayyoo jedhamu immoo akkuma hospitaala Najjoo gaheen lubbuun darbeera. Barattootni rukutaman muraasni 1. Eebbaa Caalaa 2. Fiqiruu Yaadataa 3. Badhaasaa Fiqaaduu jedhamu.

Yuunibarsiitii Jimmaa Raafama Guddaa Keessa Jirti

Aside

Bitootessa,3,2016
Gochi mootummaa shororkeessaa keessaattuu erga Uummata bal’a Oromootti Waraanaaf gocha diguuggaa sanyii raawwachuu eega Warraaqsi
uummata hudhee kan qabe yoo ta’u gabroonfattoota TPLF Itti xumura gochuuf sochiin Qeerroo rog-arfanirraa sodaaf raafama guddaa keessa galcheera
Haaluma kanaan diddaan Qeerroo Yuunibarsiitii Jimmaa Har’a haaromfamee eegale kun guutummaa moorichaa jechuun humna diinaa mooraa sana keessaa raafama guddaa keessa galcheera.dhukaasii gurguddaan hamma magaalaa Jimmaa socio I sitti barataatti dhukaafamaa
jira.gurmuun Qeerroowwanii sodaa tokko malee dhaadannoo jajjaboo dhageesisaa jiru
_Humni waraanaa Oromiyaatti ramadame nuuf haa had-dhiisu
_mootummaa xinnaaf guddaa keenya ajjeesu nii balaaleffanna
_Gochi duguuggaa sanyii nurratti lallabame haa dhaabbatu
_Nuti abbaa qabna abbaankeenya ABOn nu haa bulchu
jechuun dhaadannoo jajjaboof walleewwan warraaqsaa gurguddaan akka itti fufetti jira wallee warraaqsaa tuuta Qeerroo irraa dhaga’amaa jiru
#Sifan lola Oromo narra hin gorttu
Siifan lola Yaa WBO narra hin gortu

Naannawaa Finfinnee Aanaa Sullultaa Keessatti Abbootiin Qabeenyaa Oromoo Ta’an Loltoota Wayyaaneen Dararamaa Jiru.

Aside

SulultaaBitootessa 03,2016 ,Naannawa Finfinnee Aanaa sulultaa keessatti mootummaa faashistii Wayyaanee abbootii qabeenyaa dhuunfaa konkolaataa qaban mana hidhaatti guuruun dararaa garaagaraa irraan gahaa jira.

Akkuma beekamu guyyoottan lamaan darbe konkolaachisttoonni magaalaa finfinnee mormii isaanii hojii dhaabuun dhageessisaa turaniin walqabatee mootumamaan wayyaanee raafama keessa galuun namoota konkolaataa qaban mana hidhaatti guuraa jiru.

1ffaa ob. Birhaanuu Taklee

2ffaa ob. Takkaalegn Mangistuu

3ffaa ob.Birhaanuu Addunyaa

4ffaa ob Salamoon fayyisaa

5ffaa dar. Xilahuun Birhaanuu fi namoota bioo nam 12 dabalatee guyyaa harraa kana mana hidhaa Aanaa sulultaa magaala caancotti darbatamuun dararaan garaagaraa irratti raawwatamaa jira.

Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Irratti Qabeenya Mootummaa Badeef Ummanni Akka Deebisee Kafalu Jechuun Dabballooti Wayyaanee Duula Jalqaban.

Aside

Bitootessa 3,216 ,Wallaggaa Bahaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa magaalaa Adareetii keessatti mootummaan Wayyaanee uummata keenya ajjeese seeratti dhiyaachuu dhabee, konkolaataa miliyoona kudha lamaatti herregamutu caccabe diinagden bades kanaa oli jechuun waan kanaaf ammo uummanni baadiyaa fi magaalaa mootummaaf bakka buusuu qaba jechuun horii guuraa akka jiru beekamee jira.

Kanaaf uummati keenya nutuu  qabeenyaa keenya waggoota hedduuf saamameen kan hin himatin,lubbuu nama du’eef illee utuu hin gaddiin kaabinooti mi’a yoomuu caccabuun hin hafneef uummata keenya gidirsan guyyaa “bara birraan barii’e” jedhanii Hayyoonni akka darban booru gaafatama seenaa keessa akka nama buusu hubachiisuu feena

Aside

Godina Wallaggaa Aanaa Jaarsoo keessatti Motummaan namaa nyaata… Warrannaa isaa ummaataa nagaa irraattii bobasuun ilmaan Oromoo akka bineessatii reebama jiru.. Eda galgalaas ummataa reebuun meeshaa irraattii dhukkasaa bulanii jiru…yeroo darbees namoota manaa
isanii itti cabsuun reebichaa hammaa kaneen isaan irraattii fudhatan gabaasun keenya ni yaadatama! Ummannii yaaddoof sodaa guddaa keessa
jira