Godina Arsii Dodola Keessatti FXG Jabaachuu Irraan Kan Ka’e Waraanni Agaazii Dargaggoota Hidhuu fi Reebuu Itti Fufe

Aside

Caamsaa 10,2016/ Godina Arsii  Doldolaa keessatti mormii ummataa jimaata darbe gaggeeffamerraa waraanni Agaazin mana manarra deemun dargaggoota soddoma(30) kan mana hidhaatti guuraman yoo ta’u kanneen keessaa dargaggoo Muhaammad Haaji Bullinaa kan jedhamu miidhaa tumaa agaazii irraa kan ka’e du’aaf jiruu keessatti yommuu argamu Hospitaala goobbatti yaalamaa jira.

Aside

Humni federaalaa halkan kana jechuun caamsaa 10/05/2016 yuunversiitii wallaggaa keessaa baratoota nagaa naannoo main kaampas jedhamutti reebaa jira.Heedduun baratootaas baqatanii doormiitti nammaa jiru.humni federaalaas baratoota kana duukaa doormiitti seenuun baratoota goolaa jira.

Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Nuunnuu Qumbaa ganda Daalattii iddoo Horaa Baacaa jedhamutti mootummaan Wayyaanee bulchiinsa gandaa irraa eegalee uummata goolaa jira.

Aside

Caamsaa 9,2016, Mootummaan kun karaa horaa baacaarraa ka’ee gara ganda nagaa Hawwiitti geessu isiniif baasna jechuun uummatarraa qarshii funaanaa ture; dabalataanis lafa qotee bulaan qabu fuudhee namoota dhuunfaaf kennuun uummanni waan irratti bareef nagayee Fi dookimentoota balleessuuf, qabeenya maqaa misoomaatiin saame diinumantii  ofumasaa bulchiinsa gandaa gubuun isintu gube jedhee namoota 20 ol gara waajjira poolisii aanaa Nuunnuu tti fiduun hidheera. 

Namoota Kanas arguus ta’e haasofsiisuun waan dhorkameef maqaan adda baasuun hin danda’amne. Namoota hidhaa jiran keessaa tokko hojjetaa waajjira qonnaa, tokko immoo ogeessa fayyaa(mid wifery) akka ta’an barameera. kanneen Hafan hunduu qonnaan bultoota gandasanaa akka ta’an ni himama.

Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa Irraa Ilmaan Oromoo Humnaan Walitti Qabee Kan Ture Leejii Siyaasaa fi Haaromsa Sababa Jedhuun Waraana Agaaziin Xollaayitti Guuramaa Jiru.

Aside

Caamsaa 7/2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa irraa Ilmaan Oromoo 4500 Olitti lakkaa’aman waraana Wayyaanee agaazii jedhamuun beekamuun ukkanfamanii mooraa Leenjii waraanaa Xoollaayi jedhamutti hidhaman mootummaan Wayyaanee leenjii haaromsa fi qalbii jijjiirraanna fudhachiisee gadhiisuuf karoorfatee shira dalaguuf yaaluus goototni ilmaan Oromoo Warraaqsaa FXG’n duraa dhaabbataa jiraachuu odeessi Xollaayi irraa miliqee bahaa jiruu saaxilee jira.
Goototni ilmaan Oromoo to’annaa waraana wayyaanee jala Xollaayitti argama Waraanaa wayyaaneen ukkaanfamuun Xollaayitti hidhamaan Mootummaan wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn ofii balleessinerraa jechuun TV propagandist Wayyaanee EPRDF/TPLF kan ta’ee EBC -TV irratti bahuun uummataan dhiifama nuuf godha jechaa, human waraanaan nu ukkamsuun asitti nu hidhuun gaaffii uummataa keenyaaf deebii ta’uu hin danda’uu, nuti balleessa hin qabnu, mirga keenyaaf gaaffii mirgaa gaafachuu qofaa fi Oromoo ta’uu keenyaa qofaan yakkamaa taanee, lafa
maatii keenyaa fi uummatni nu arguu hin dandeenyetti hidhamne; kanaafuu tarkaanfii barbaaddan nurratti fudhadhaa malee akeekaa keessan hin fudhannu jechuun diddaan dura dhaabbata jiraachuu odeessii lootee ba’aa jirtuu ifa gotee jirti. Kanaafuu Uummaatni Oromoo, dargaggootni Qeerroon, Qarreen, barattootni Oromoo, barsiisotni, dafqaan bulaan, hojii dhabaan, Qotee bulaan, daldalaa fi hojjetaan irree tokkoon kaanee hidhamtoota ilmaan Oromoo cufa cina dhaabbachuu fi hiksiisuu,Sochii keenyaa kan wareegama qaalii akkaan ulfaata ta’ee itti baafne kanatti xummura gochuun firii keenyaa dhumaa kan hanga bilisummaa fi walabummaa keenya gonfannutti jettuu irraa takkaa duubbatti akka hin deebinee dhaammataa warraaqsaa keenyaa FXG marsaa 5ffaa eegalamee jiruu daran jabeessuun lammii keenyaaf dirmachaa eenyummaa keenyaa immoo diinatti argisisuun yeroon gamtaan dhaabbannee falmannuu ammaa Oromoo bakka jirtaan maratti qalbiin wal hubannee wal duukaa hiriirree falmachuutti beeknu haa jabeeffannu!!