Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ajjechaan Ilmaan Oromoo Irratti Raawwataa Jiru  FXG Boodatti Hin Deebisu!!

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaan Wayyaanee Abbaa Irrummaa isaa bifa mul’ataa fi dhokataadhaan gadi jabeessee itti fufuun lammillee Oromiyaa ilmaan Oromoo mana jireenya isaa fi bakkoota hojii akkasumas manneen barnootaa sadarkaa gadii hamma Yuniverstii keessatti adamsuun rasaasaan ajjeesaa kaanis hidhaatti guuraa aangoo irra bubbuluun waggppta 26 lakkaawataa jira.

Waggoota umurii Mootummaan EPRDF(TPLF) aangoo irra ture kana keessatti qabsoo uummanni Oromoo taasisaa turee fi itti jiru keessatti qabsoo karaa nagana mirga uummata Oromoo argamsiisuuf carraaqiin ta’ee keessatti biyya abbaa isaa keessatti roorrifamuu fi hiraarfamuun sabi Oromoo nagaa dhabaa jira. Nagaan bahanii mirga uumamaa fi namoomaa gaafachuun akka yakka ta’eetti meeshaan waraanaa fi humni waraanaa uummata nagaatti duulchifamee ajjeechaan akkaanii uummata Oromoo irra gahaa waggaa 26 lakkoofse.Kunis ta’ee qabsoo sabi Oromoo deemsisaa jiru duubatti deebisuu hin dandeenye.Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 2016

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Waxabajjii 23,2016

Aside

FXG Dhaabuuf Wayyaaneen Trakaanfii Ilmaan Oromoo Irratti Fudhataa Jirtu Itti Fufus FXG Jabeessee Iti Fufeera

Aside

Waxabajii 23,2016
Wayyaaneen yeroo ammaa oromiyaa keessatti FXG dura dhaabbachuudhaaf ajjeechaa haalli isaa hin beekamne kan bifa jijjiirrate dhokataa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru addatti godina Arsii lixaa magaala shaashimanneetti torban lamaa asitti ilmaan Oromoo nagaa irratti tarkaanfiin ajjechaa raawwataa jiru daran suukkanneessaa kan taheedha. Kana malees waraanni wayyaaneen kan aggaamee ajeese mootummaan gaafatamaa jalaa bahuuf lola dhuunfaa fi firaatti jijjiiraa jira. akka fakkeenyaatti shamarree  guyyaa lamaan dura calanqootti ajjeefamte mootummaan wayyanee lola dhuunfaatti jijjiiree jira. kan waraanni ajjeese akka waan firaan, dhuunfaadhaan lolli uumamee lubbuu ilmaan Oromootti taphataa jira. Haatahu malee akkasuma godina Arsii lixaa magaala Shaashimanneetti lubbuu halkan halkan darbee bulu hin dhaabbanne hanga ammaatti.
Mootummaan Wayyaanee shiroota garagaraa xaxee dadhabee milkaawuu hin dandeenye. Haala kanaan amma oromiyaa keessa godina shawaa lixaa, Wallagga lixaa, Wallagga bahaa keessatti kaleessa Waxabajii 22/2016 irraa kaasee ajjechaan ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru dhaabachuu qaba, kan hidhatamanis haa gadhiifaman jechuudhaan FXG itti fufeetu jira.
Godina Shaggar  lixaa aanaalee hedduutti daandiin cufamee jira kaleessa irraa kaasee. Akkasuma wallagga lixaa magaala Mandii, Najjoo, Haaruu
fi kkf keessatti mormiin uummataan waan jabaateef humni waraana agaazii jedhamu kan lubbuu ilmaan Oromoo dhangalaasee bare ammallee godinoota kannenitti bobahaa jira. wayyaaneen ammas nagaadhaan aangooshee irraa kan hin buune yoo tahe tarkaanfiin ilmaan ishee Oromiyaa keessaa qabdu ilmaan tigrootaa irratti akeekamee jiru galma gahuu kan hin hankaakneedha.

Lixa Shaggar Magaalaa Amboo Keessatti Warraaqsi Akkuma Finiinetti Jira

Aside

Waxabajji 23,2016
Itti fufaHar’a magaalaan Amboo daran dirree waraanaa fakkaattee jirti. Mormiin Wayyaanee wajjin eegalame itti fufuun barattoonni kutaa 11ffaa qophaa’inaa Amboo balaaleffannaa ajjeechaa uummata Shashamannee,du’a garajabumma mootumichi uummata oromoorratti fudhachaa jiru addatti mormaa jiru.

Magaalattii keessatti dhaadannoon barattootaan dhagaa’aman mootummaa shororkaa yaaddoof rifaatuu keessa galchee jira.Barattoonni kutaa 11 barumsa dhiisanii ya’anii murna bicuu daguggaa sanyii keessattuu Shaashamannee keessatti fudhachaa jirtu balaalefataa jiran,Ajjeechaa suukanneessaa akka hatattamaan dhaabu gaafatan.Haalli magaala keessaa hedduu yaaddeessaadha.Humna afaan qawweetti amanu dura barattoonni dhaabatanii mormii haala gaariin dhageessisaa jiru.Konkolaataan olis ta’e gadi deemu sakatta’insa cimaa irra jira.Baajaajonni magaalaa keessaas yeroo deemanis ta’e deebi’an sakkatta’amaa jiru uummata konkolaataa keessa Jiru dabalatee. magaalaan qondaaltota Wayyaaneen guutamtee jirti.
Oduu dabalataan gara Lixa Oromiyyatti yoo darbinu Magaalaan Mandii kaleessa balaaleffannaa mootummaa Wayyaaneerra turuun ,Mootummaan gochawwaan rifaasisoo hatatamaaan akka Uummata Oromoorraa dhaabu,Ajjeechaa dukkana uffatee Uummata nagaarratti banee jiru,Keessattuu ajjeechaa magaalaa Shaashamanneefi ajjeechaa durbee Sabriinaarra dhaqabee jiru,Ajjeechaa garaa namaa madeessuu akkasii,Hatatamaan akka harkasaa irraa deeffatu,Gaafatanii jiran Gochaawwaan fokkisoo mul’inatti nurratti fudhatamuuf kan harkasaa hin deffanne yoo ta’e,Uummati murtoo mataasaa fudhachuuf qophii ta’uu,Barattootaaf jiraattonni Mandii mormiisaaniin ibsatanii jiru.

Dhaamsa Oromummaa Dargaggoota Oromoo Biyya Oromiyaa Keessa Jirtan Hundaaf:

Aside

Milkeessaa Haayiluu Irraa

TokkummaaAkkuma baayyeen keessan hubattan yeroon fi barri amma keessa jirru kun haala heddu walxaxaa, qaxxaamuraa fi jijjiiramaa keessa jiraachuun keenyi hunda keenyaaf ifa galaa natti fakkaata. Haala ulfaataa fi jijjiiramaa ta,e kana immoo gara ofii keenya feenutti jijjiiruuf gara bilisummaa keenyaatti geessuuf kan beekumsa, dandeettii, humnaa fi hiree seenaa kan itti qabu isin dargaggoo oromoo (Qeerroo oromoo) Oromiyaa keessa jirtanii ti. Seenaan qabsoo ummata oromoo bara dheeraa suuta adeemee deemee dhufee harra irra gahee hiree ummata bal,aa oromoo harka keessan galchee akka jiru waan hubattanii dursitani beektanii dirqama seenaan isinitti keenne kana bakkaan galiidhaan gahuuf qabsoo hadhooftuu harka qullaa keessan morma diina jalatti diina waliin kookkee walqabaa akka jirtan diinnis firris ni beeka. Haata,uutii jireenyi gabrummaa, ummata bilisummaa hin qabnee bifa kamiinuu taanaan ulfaataa fi gadadoo akka ta,e ifaadha.DHAAMSA OROMUMMAA GABAABDUU ONNEE KIYYA IRRAA TAATE

Aside

13502025_1602930760035880_8515573632603621425_n 13507194_1602930966702526_189023108844438278_n 13528696_1602931043369185_5242853819334197744_n

FXG Lixa Shaggar Ambo Keessatti Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Waxabajji 22,2016
Warraqsi barattota Amboon eegale daran babal’achuun uummata dabalatee jira Haaluma Kanaan Guyyaa har’aa mana Barumsaa futuritti qabsoon eegalame finiinaa deemuun Ummata Dabalachuun Cimee Jira.Qabsichi Itti Fufuun Daandii Amboo Gara Finfinnee Geessu Yeroo Murtaa’eef Cufamee Tureera! Qondaalttonni Wayyaanee Sadii Miidhamaniiru Akkasumas Konkolaataan Wayyaanee Haalaan Caccabdee Jirti.
Walumaa Galatti Wayyaaneen Har’a muddamuun  Oliif Gadi Kaachaa Ooltee Jirti. FXGn HAALA KANAAN MAGAALAA AMBOO FI NAANNOOSHEETTI ITTI FUFEE JIRA.
Gama biraatiin Lixa Oromiyaa Bakkeewwan Tokko tokko keessatti warraqsa finiineen Uummati gaaga’ama jabaa keessa jira,Gaaga’ama kana magaalaa Najjoo warra jirruu keessatti sochii barattoonni kaasaniin uumati humna waraanaa Wayyaaneen shororkeeffamaa jira.Akkasuma magaalaa Naqamtee keessatti humni addaa Hidda gabroonfattootaa kan turan,Kanneen Ayyaalee Faabboobet wajjiin hojjechaa turan irratti
tarkaanfii jabaan fudhatamee jira,Gareen diinaa kun kaayyoo Uummata Oromoof Afaan Oromoo barbadeessuu qabatee kan deemu,caasaa Lixa Oromiyaa keessatti bakkeewwan hedduu keessaa kan qabu yoo ta’u,Sochiif warraqsa uummataan akkasuma Humna addaa Lixa Oromiyaa keessa socho’uun caasawwaan isaanii addaan baafamanii jiru,Warreen hafanirratti tarkaanfii jabaan nii fudhatama achuma Wallagga bahaa Keessatti Magaalaa Arjoo jedhamtutti guyyoota muraasa darban keessa Qaamonni mootummaa namoota karaa deemaaniin Konkolaataa caccabsan jechuun Dhukaasa Namoota nagaarratti banteen naamoonni miliqanii kan hafan ta’ullee,Jabbiin Qote bultoota achii tokko rasaasa namatti dhukaateen ajjefamte konkolaataan Golden bus qabeenyummaan kan Wayyaanee kan ta’e Lixa Oromiyaa keessa socho’uu sodaate jira.

 

Waxabajjii 20-21/2016 Godina Bahaa Oromiyaa Harargee Bahaa fi Dhihaa Aanota Garaagaraa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran jabaachuun itti Fufee

Aside

Waxabajjii 20-21,2016 Godina Bahaa Oromiyaa Harargee Bahaa fi Dhihaa Aanota Garaagaraa Keessatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG Daran jabaachuun itti Fufee, Waraani Agaazii Wayyaanee, Liyuu Hayilii fi Koraa Bittinneessaa jedhamanis Yakka Duguuginsa Sanyii Ilman Oromoo Irratti gaggeessa jiru.

Godinoota Harargee Bahaa aanota akka Dadar Magaalaa Qobboo, Gursuum, Magaalaa Calanqoo, Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo, Magaalaa Mi’eessoo dabalatee Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXGn, gootota barattoota Oromoo kutaa 12ffaan daran jachuun itti fufee jira. Goototni barattoiotni Oromoo Godinaalee bahaa Oromiyaa Addatti Godinotaa akka Harargee bahaa fi lixaa keessatti qorumsa kutaa 12ffaa seensa yuunibarsiitiif qophaa’aa jiraachuun keenya utuma beekamuu roorroo fi hiraarsa saba keenyaa fi nurra ga’aa jiruu obsuu waan dadhabneef warraaqsaa finiinsuun falmachaa barachaa warraaqsaa keenya irraa duubatti hin deebinu jechuun warraaqsaa finiinsu irratti argamu. Goototni Barattootni Oromoo fi Qeerroon Dargaggootni Oromoo erga Oromiyaan bulchiinsa waraanaa jala galfamtee addatti duulli itti fufiinsaan waraanaa Agaazii, Liyuuhayilii, Poolisii federaalaa fi kora bittinneessaa jedhamaniin uummata Oromoo irratti gaggeeffama jiraachuun godinoota Harargee lamaanii fi Oromiyaa bakkoota hedduutti lubbuun ilmaan Oromoo guyyuu ajjeefamaa fi ukkaanfamaa jiraachuun Qeerroo dargaggootaa, gootota barattoota fi uummata Oromoo boqonnaa kan dhorkee fi daranuu kan warraaqsaatti jabeessaa jiru dha.

Barattootni Oromoo Aanaa Dadar magaalaa Qobboo, Aanaa Gursum, Anaa Mi’eessoo Magaalaa Mi’eessoo warraaqsaa finiinsuun dura dhaabbachuun falmachaa jirachuun ibsamee jira.

Akkuma amaleeffatee loltoota agaazii bobbaasuun ilmaan Oromoo nagaa ajjeesuu itti fufuun Shaamarree Oromoo tokkoo kan hojii buna daandii irratti danfistee ittin of jiraachiftuu fi maatii ishee tajaajiltuu shammarree Oromoo Sabrina Abdallaa jedhamtuu Harargee bahaa magaalaa Calanqootti itti dhukaasuun, lubbuun ishee wareegame jira.

“Maaltu Yaada Deebii” Hawwisoo Qeerroo,Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Bashannanaa Haayiluun/Waxabajjii 2016

Aside

Qeerroon Wal Kaassee,Abbaa Irreef Hin Bulu” Wallee Warraaqsaa Haaraa Artist Hawwi Mohammed Fi Abbaabaa Dhugaasaa

Aside