Category Archives: Oduu/News
Dhangaggoo Baha Harargee
Aside
SBO: Hagayya 10 Bara 2016. Oduu, Haala Yeroo Irratti Ibsa Tumsa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokraasii fi Gaafii fi deebii Dura taa’aa Konyaa ABO Miniyaapoolis Jaal Soorii Sinyoon waliin taasifame Akkasumas SBO sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
SBO: Hagayya 10 Bara 2016/
Aside
Sirna Gaggeessaa Awaalcha Barataa Amanu’el Girmaa Magaalaa Naqatee Keessatti Alaabaa ABOn Kuulamee Kabajaa Gootummaa Guddaan Gaggeefame.
Aside
Hagayya 07/08/2016 Sirni geggeessaa awwaalcha barataa Amaanu’eel Girmaa kan guyyaa gaafa hagayya 06/08/2016 Magaalaa naqamtee naannoo boordiitti kan wareegamee alaabaa adda bilisummaa oromoodhaan faayyamee geggeessaan Isaa raawwatee jira.
Sirna geggeessaa isaa irrattis dhaadannoolee dinqisiisoo fi wallewwaan warraaksaa dhageessifamaa oolanii jiru.
Uummanni magaalaa naqamtees sirna geggeessaa barataa Amaanu’eel girmaa irrattis diddaa mootummaa wayyaaneef qaban guutummaattis sagalee isaanii dhageessiffachaa akka oolan beekamee jira.
Gara fuula duraattis tokkummaan kaanee mootummaa wayyaanee hundeen buqisnee guutummaa oromiyaa keessaa baasuus qabna jechuun geggeessaa barataa Amaanu’el xumuranii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees Sirna geggeessaa awwaalchaa barataa Amaanu’eel dhorkuuf yemmuu yaalutti qeerroon magaalaa naqamtee garuu sodaa tokko malee dhaadannoo dhageesisaa geggeessaa barataa kanaa akkanni raawwatamu godhanii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees akkuma amala isaa uummata karaa nagaan Sirna awwaalchaaf ba’an irratti dhukaasa banuun uummata nagaa goolaa akka oole maddeen keenya ifa godhu.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Hagayya 8, 2016
Aside
Sulultaa
Aside
Dambi Doolloo
Aside
Amboo
Aside
Godina Arsii keessatti Kaabinooti Wayyaanee 5 ummatatti harka kennan
Aside
Hagayya 8,2016 Godina Arsii bahaa aanaa Lemmuuf Bilbiloo magaala Xijjootti ummanni gosa Xijjoo kan ijoolleen jalaa du’an kaabinota mootummaa nama shan(5)
- Katamaa Waaqoo bulchaa aanaa
- Qaasim Ansee kaabinee godinaa
- Shittaa Sabbooqaa kaabinee gandaa
- Awwal Abdii bakka bu’aa paarlama
fi - Kan maqaan isaa hin baramne kanneen akka aadaa Oromoo itti sangaa qalanii gumaa lallabatanii kan galan yoo ta’uu jarriin kana gumaa irraa baafanna malee irraan kafalannu jechuun waadaa walii seenun addaan galuu

