Sirna Gaggeessaa Awaalcha Barataa Amanu’el Girmaa Magaalaa Naqatee Keessatti Alaabaa ABOn Kuulamee Kabajaa Gootummaa Guddaan Gaggeefame.

IMG_20160808_095115 IMG_20160808_095808 IMG_20160808_095902 IMG_20160808_100007 IMG_20160808_100105 Screenshot_2016-08-08-15-28-21Hagayya 07/08/2016 Sirni geggeessaa awwaalcha barataa Amaanu’eel Girmaa kan guyyaa gaafa hagayya 06/08/2016 Magaalaa naqamtee naannoo boordiitti kan wareegamee alaabaa adda bilisummaa oromoodhaan faayyamee geggeessaan Isaa raawwatee jira.
Sirna geggeessaa isaa irrattis dhaadannoolee dinqisiisoo fi wallewwaan warraaksaa dhageessifamaa oolanii jiru.
Uummanni magaalaa naqamtees sirna geggeessaa barataa Amaanu’eel girmaa irrattis diddaa mootummaa wayyaaneef qaban guutummaattis sagalee isaanii dhageessiffachaa  akka oolan beekamee jira.
Gara fuula duraattis tokkummaan kaanee mootummaa wayyaanee hundeen buqisnee guutummaa oromiyaa keessaa baasuus qabna jechuun geggeessaa barataa Amaanu’el xumuranii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees Sirna geggeessaa awwaalchaa barataa Amaanu’eel dhorkuuf yemmuu yaalutti qeerroon magaalaa naqamtee garuu sodaa tokko malee dhaadannoo dhageesisaa geggeessaa barataa kanaa akkanni raawwatamu godhanii oolanii jiru.
Mootummaan wayyaanees akkuma amala isaa uummata karaa nagaan Sirna awwaalchaaf ba’an irratti dhukaasa banuun uummata nagaa goolaa akka oole maddeen keenya ifa godhu.

1 thought on “Sirna Gaggeessaa Awaalcha Barataa Amanu’el Girmaa Magaalaa Naqatee Keessatti Alaabaa ABOn Kuulamee Kabajaa Gootummaa Guddaan Gaggeefame.

  1. Ergaa Qeerroo Aanaa Muneessaarraa (Magaalaa Qarsaa)
    Akkumaa beekamu sanbata xinnaa (06/08/2016) guutuu Oromiyaatti ilmaan ishee dhugaatiin hiriraa nagaa kan uummatta bala’aa fi qeerroon hooganamuu haala nama gammachiisuun godhamuun isaa ni yaadatama. Haa ta’u malee mootuumman gabroofatuu wayyaanee jale ishee OPDO waliin iddoo bayyeetti lubbuu uummata keenyaa galaafatte jirti. Luubbuun namoota afur (4) Aana keenya keessatti darbee jira. Gootoota keenya hiriraa nagaa kana irraatti haala suukkannessan ajeefamaniif gaddi gudaan nutti dhaga’amullee kaayyoo isaani nuti kan galmaan geenyuu ta’a. Haaluma kanaan hara’a dabalate guyyaa sadan darbaniif qeerroon Aanaa keenya sagalee tokkoon mormii isaa itti fufa jira. Koreen qindeessituu Aanaa keenyaa sochii fi tokkummaan qeerroo keenyaatti bayyee booneerra. Tarkaanfiilleen hanga ammaa fudhatamanis kan baayyee nama boonsiidha. Yeroo ammaa qeerroon Aanaa muneessaa uummata isaa waliin gandoota baayyee to’annoo jala kan oolchee jira. Fkn Magaalaa Eegoo, Qancaree, Cobaa fi kan kannen biros jiru. Karaan Magaalaa Asallaa fi Qarsaa walqunamsiisuus Bulchaanaa fi Eegoo dabalatee iddoo baayyeetti akkuma cufametti jira. Dandii Magaalaa Bokojjii fi Qarsaa walqunamisiisuus haaluma wal fakkaatuun akka cufamu qeerroon gandoota akka Konchee, Caffaa (riqichii tokkoo cabuu isa qeerroon ganda sana quba nu qabachiisee jira), Dobashee kan irratti hojacha jiran yoo ta’u dandiin Dobashee keessan gara dirbuu, Gujichaa, Burqitee fi Cobaa hatantamaan akka cufamuu qeerroon gandootaa daandiin kun keessa bahu ciminaan irratti hojachaa jiru. Qeerroon naannoo Magaalaa Gungumaa, Burqitee, Ashagree, Dhinbiibaa, Muneessaa, Dirbuu guurii, Roobii, Lamuu fi Babaloo kara cufuufii caasaa bulchiinsa ganda keessani hatantamaan akka too’annoo jala oolchitan dhaamsa keenya isinif dabarsina. Naannoon Amaraa keessaatis haluma walfakkaatutu deema jira waan ta’eef mootuummaan tun miilaa takkaan kan dhaabacha jirtu yoo ta’u humni ishees bakka bakkaatti waan hirameefi baayyee laaftee jirti. Sochii keenyaa kana kolaasuuf OPDOn guyyaa kaleessa loltoota konkolaata lama gara magaalaa Qarsaa kan galchite yoo ta’u qeerroon keenyaas kan quba qabaachuun akkaa loltoon kun meeshaa qabatanii dhufan fudhatanii hin baanee kara kalatii hundaan gandootaa hedduu irratti cuufuun walgeettiin keenya magaalaa Qarsaa akka ta’u isiiniif dhaamna. Yeroo Gabaabaa keessatti caasaallee OPDO balleessuun Aanaa keenyaa bilisa baasuu qabna. Walqunamtiin qeerroo oolaa Qorree, Kofalee, Bulchaanaa fi kan biros cima yoo ta’u dabalatan kan irratti hojanuus ni jiran. Qotee bulaafi barsiistoonnis akka nu cina dhaabatan kan irratti hojachaa jira. Waan kana ta’eef qeerroon Aanaa keenyaa tarkaanfii itti aanu fudhachuuf qophii hunda xummurre jira. Kanumaan walqabatee Kabinoota, Hooganaa Dhaba OPDO, Bulchaa Aanichaa fi kaneen biro kan dhiiga jaalleen teenya gadi naqan mana isaan gargar baafanee jira. Kanaafuu, qeerrooniif sabni bal’aan Aanaa keenyaa kana nu hubbachuun yeroo dhumaafi mootuumma gabroofatuu wayyaneefi jale ishee akka ofiraa kaasinuuf tokkuummaan akkaa kaatan issinin jenna. Dhaamsii keenyaa innii dhumaa caasaa OPDO kan gandaa keessanii irraa kauun dandii Magaalaa Qarsaa kalatti hundaan seensiisu cufuun loltoota wayyaanee magaalaa Qarsaa qubatee itti marsuudha.

    “Hoo Ciqeerraan duumessa’ee foliin qeerroo urgaayee
    Hoo heeban irran duumessa’ee foliin qeerroo urgaayee.”

    Koree qindeesittuu qeerroo Aanaa Muneessarraa
    IUO!!!

Leave a comment