የደስታ መግለጫ
(ኦነግ – ኅዳር 5, 2012 ዓ.ም.)
የተከበርክ ሰፊዉ የኦሮሞ ሕዝብ
የተከበራችሁ ሁሉም የኢትዮጵያ ብሔሮች፣ ብሔረሰቦች እና ሕዝቦች
ሁሉም የትግል አጋሮቻችንና ሰላም–ወዳድ የዓለም ማህበረሰቦች
ከሁሉም በላይ ደግሞ የተወደዳችሁ የድርጅታችን አባላትና ደጋፊዎች በሙሉ
እንኳን ደስ ኣላችሁ ! እንኳን ደስ ኣለን !
በዛሬዋ ዕለት (ኅዳር 5, 2012 ዓ.ም.) ድርጅታችን የኦሮሞ ነፃነት ግንባር ከኢትዮጵያ ብሔራዊ ምርጫ ቦርድ የህጋዊ ሰዉነት ማረጋገጫ የምስክር ወረቀት ማግኘቱን በከፍተኛ ደስታ እናበስራለን።
ከተመሠረተ 46 ዓመታትን ያስቆጠረዉ ድርጅታችን የኦሮሞ ነፃነት ግንባር ሰፊዉ የኦሮሞ ሕዝብ ነፃነቱን ለመጎናጸፍ የሚያካሄደዉን ፍትሃዊ ትግል በመምራት ትግሉ ታላላቅና አንጸባራቂ ድሎችን እንዲያስመዘግብ ከማስቻሉም በተጨማሪ በዚህች ሀገር ፖለቲካ ዉስጥ ጉልህ ኣዎንታዊ ለዉጦች Continue reading
Category Archives: Oduu/News
Aside
IBSA GAMMACHUU
(ABO – Sadaasa 15, 2019)
Kabajamaa Ummata Bal’aa Oromoo,
Kabajamtoota Sabaa fi Sab-lammootaa fi Ummatoota Itoophiyaa hundaa,
Firoota Qabsoo Oromoo fi Nagaa – jaallattoota Hawaasa Addunyaa hundaa,
Hundaan olitti ammoo miseensotaa fi deggertoota Dhaaba keenya ABO hundaaf,
Baga Gammaddan ! Baga Gammadne ! Continue reading
Aside
Galmaawuu Boordii Filmaataa Ilaalchisee Ibsa HD ABO Jaal Daawud Ibsaan Kenname.
Aside
Oduu Ammee
(SBO – SADAASA 15,2019) Dhaabni keenya ABO’n Boordii Filannoo irraa har’a waraqaa hayyamaa fudhachuudhaan seerawaa ta’ee jira.
Miseensotaa fi deggartoonni ABO baga gammaddan.

Aside
Aside
BBC-Afaan Oromoo.
Aministii Internaashinaal: ‘Shorokkeessummaan gaazexeessitoota hidhuun faallaa haaromsa itti jiramuuti’
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu Aministii Internaashinaal seera farra shororkeessummaa fayyadamuun Itoophiyaan gaazexeessitoota hidhaa jiraachuun isaa haroomsa biyyitti keessatti argamaa jiruu waliin tasa kan wal faalleessudha jedhe.
Dhaabbanni mirga namoomaaf falmu ibsa gaazexxeesitoota Sagalee Qeerroo Bilisummaa shan Fulbaana 5, 2019 hidhamanii ragaan tokkollee osoo irratti hin dhiyaatiiniifi himannaan irratti hin banamiin turan waliin walqabsiisee baaseen.
Geezxeessitoota hidhaa turan kunneen Biqilaa Amanuu, Abdii Guuttataa, Firoomsaa Baqqalaa, Gadaa Bultiifi Addunyaa Keesso jedhamu.
Magaalaa Finfinnee naannoo Garjii jedhamutti kan qabaman yoo ta’u isaan keessa Firoomsaa, Abdiifi Biqilaa Onkoloolessa 29 hidhaati hikamaniiru. Continue reading
Aside
SQ- SAGALEE QEERROO SADAASA 8/2019
Aside
ONN- Qophii Addaa Haala Lixa Oromiyaa
Aside
Sadaasa 09 Waadaa Qabsoo Haaromsachuudhaan Haa Yaadannu !
(SQ- sadaasa 9/2019)
(Ijoo Dubbii ABO – Sadaasa 09, 2019)
Har’a guyyaan Sadaasa 09 bara 2019. Sadaasni 09 seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (keessattuu seenaa Sochii Dargaggoota Oromoo/Qeerroo) keessatti iddoo ol’aanaa qaba. Waggoota 14 dura Sadaasa 09 bara 2005 ture kan Dargaggootni Oromoo yaamicha Dhaaba isaanii Adda Bilisummaa Oromoo irraa taasifameef owwaachuudhaan maqaa “Fincila Diddaa Gabrummaa/FDG” jedhuun ifatti Warraaqsa Bilisummaa bifa haaraadhaan dhoosan. Tahiinsi ykn. seenaan guyyaa sanaas akkuma tasaa guyyuma sana lafaa ka’ee waan mudate miti. Addi Bilisummaa Oromoo Diddaa Ummataa Karaa Nagaa (Civil Disobedience) irratti Ummata barsiisee ijaaruudhaan Qabsoo Bilisummaa isaa irraa bal’inaan hirmaachisuuf yoo xiqqaate waggoota shan (5) sana dura turaniif xiyyeeffannoo ol’aanaa itti kennee irratti hojjete. Manneen barnootaa ol’aanoo, caasaalee mootummaa kan gara garaa fi murnoota hawaasaa adda addaa keessatti hojiin Ummata dammaqsuu fi ijaaranii Qabsoo Bilisummaatti hirmaachisuu bal’inaan hojjetame. Continue reading
