
Duula ijibbaataa daguuggaa sanyii fi sabboonummaa Oromoo cabsuuf godhamaa jiru dura dhaabbanna!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 26,2020
Akkuma irra deddeebiin ibsaa turre, gochaan mootummaan uummata keenya Oromoo irratti dalagu daangaa ol ta’ee jira. Duulli ajjeechaa fi hidhaa sabboontotaaf guutuu uummata Oromoo irratti raawwataa jiru dhaabbachuun hafee, guyya guyyaan ilmaan Oromoo jumulaadhaan ajjeesuu fi hidhuun ammallee ka duraan olitti cimee itti fufee jira.
Erga tajaajila Interneetaaf bilbilaa, tajaajila sab-quunnamtii hawwaasaa uummata keenya irraa kutanii as gochaan ajjeechaa Lixa Oromiyaa godinoota Qellem Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa keessatti raawwatame hedduu kan nu yaachisee jiru ta’uu himuu feena. Godinoota lamaan kana keessatti odeessa argataa jirruun ilmaan Oromoo 87 ta’an guyyaa 2 gidduutti ajjeefamanii jiru. Maqaa wareegamtoota keenyaa kana argachuuf haalli quunnamtii hawwaasaa cituun danqaa kan nutti ta’e yoo ta’u, uummatni hedduun waraana baqatee gara Gaambeellaaf Sudaanitti dheessaa akka jiru hawwaasi dhaamsa dabarfatuun himataa jira. Haala kana keessatti haati ilmaan sadii wal faana du’aan dhabdee fi obbolaan lama kan wal faana ajjeefamanis akka jiranidha kan quba qabnu. Kana malees; dargaggoo maqaan isaa Abbuttii jedhamu irraa fayyaatti quba miilaaf quba harkaa erga irraa ciranii dararaniin booda, waraanni mootummaa rasaasa itti dhukaasuun ajjeesaniiru. Gochaan Lixa Oromiyaatti uummata Oromoo irra gahaa jiru, Wallaggaa irraa ol darbee gara Shaggar Lixaa keessatti babal’achuun ammoo, adeemsi mootummaan itti jiru kallattiin Oromoo lafa irraa daguuguuf karoora baafatee socho’aa jiru ta’uu hubachiisa. Shaggar Lixaa keessatti tajaajilli interneetaa bakkoota hedduutti dhaabbatee jira. Gochaa jallataa akkanaa, roorroo hammaataa uummatni keenya keessa jiru kana keessaa baasuuf nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo ciminaan qabsoo goonu jabeessinee akka itti fufnu uummata bal’aa Oromoof dhaamna. Continue reading
Hammaateera!!

[SBO – AMAJJII 09,2020] Erga Dr. Abiy Ahmed EPRDF keessaa gara aangootti ol bahanii as gidiraa fi roorroon addatti Ummata keenya kan Dhihaa fi Kibba Oromiyaa irratti bulchiinsa isaaniitiin geessifamu guyyumaan hammaachaa deemuutti jira. Kanaaf sababni gama mootummaatiin kennamaa turee fi jiru “nageenya eegsisuu fi ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu” kan jedhu dha. Biyya kanatti durii kaasee hanga har’aatti nageenyi dhabamuuf kan sababa tahaa turee fi jiru rakkoo siyaasaa afaan qawweetiin furuuf ykn. irra aanuuf yaalii gama mootummaatiin taasifamu dha. Akka hubannaa fi odeeffannoo qabnuutti yeroo ammaa rakkoo guddaan sadarkaa Oromiyaattis tahe sadarkaa Itoophiyaatti jiru rakkoo nageenyaa osoo hin taane rakkoo siyaasaa ti. Wanneen akka rakkoo nageenyaatti of mul’isanis yoo jiraatan maddi isaanii rakkoo siyaasaa hin furamin jiru dha. Rakkoon siyaasaa ammoo furmaata siyaasaa barbaada malee qawweedhaan/humnaan hin furamu.
Addi bilisummaa Oromoo, dhaaba uummataa amala uummata isaa Oromummaa haqaa fi fedhii uummata isaa irratti qiyyaafatee uummata Oromoo keessaa bu’uuramedha. Akkuma abbootni keenya Oromoon nagaa jaallatan, dhaaba nagaa jaallatuuf dhaaba nagaa manca’e bakkatti deebisee abdii uummata isaa haareessuu fi haamilee saboota cunqurfamoo impaayera Xoophiyaa jalatti cabe jabeessuuf qabsootti jirudha. Boquu Oromoo ol qabee, biyyattii keessatti kabaja Oromoof malu argamsiisuuf qabsoo gochaa ture irraa duubatti hinjedhu. Qaama nagaa uummataa barbadeessuun uummata gadadoo keessatti hanbisuuf, uummata saamuudhaan nageenya uummataa hunkuruuf hojjetu dura dhaabbataa akkuma ture, itti fufee qabsoo isaan ABO’n uummatni nagaan isaa akka dhugoomuuf hojjeta.